11/09/2026
Faayidaa Ebicha/giraawwan qabuu fi haal itti fayyadama isaa.
Biqiltuu Cimaa Dhukkuboota Hedduu yaaluuf Tajaajilu ...
Maqaan isaa Afaan Oromoon "Ebicha" jedhamuun Beekkamaa, Afaan Amhaaraan "giraawwaa" jedhamaa. Biqiltuu kun Baalli isaa dhamdhama Hadhaa’aa waan qabuuf Afaan Ingiliffaatiin "bitter leaf" yokan baala Hadhaa’aa jedhamee beekamaa.
Ebichi faayitookeemikaalota fayyaa keenyaaf barbaachisanu 50 ol qaba. Biqiltuu soorataa fi wal'aansa fayyaa gatii guddaa qabudha. Qoricha Aadaa Biyyoota Afrikaa fi laatin Ameerikaa, indiyaa fi indooneeshiyaa chaayinaa keessatti ga'ee Olaanaa qabaa.
Faaydaa Biqiltuu yokan muka ibichaa:
1. Ebichi dandeetti sochii Farra Sukkaaraa (anti-diabetic) waan qabuuf, dhukkuba sukkaaraa to'achuuf gargaara. Namoota dhibee Sukkaaraa qabaniif baayyee Gaariidha Sadarkaa sukkaara dhiigaa to’achuu fi akka Sukkaarri ol hin kaane Taasisaa.
2. Fayyaa Tiruu yokan (Liver Health) Cimsaa, Summii Tiruu keeysaa qulqulleeysaa, Vaayireesii fi kkf Tiruun akka hin madoofne ittisaa, faaydaa guddaa qaba, seelii tiruu dhibeen miidhame deebisee haaromsa!.
3. Dhiibbaa dhiigaa gadi buusaa.
Ujummoolee dhiigaa babal’isuu fi marsaa dhiigaa fooyyessuuf gargaara. Qabiyyee uumamaa akka dhiigni sirnaan Dhangala'u Taasisu kan of keessaa qabu yoo ta'u, kunis dhiigni akka hin qabamne Taasisaa.
4. Sirna ittisa qaamaa cimsaa.
Antioxidants inflammation hir'isuu fi dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu Qaamaa guddisuuf gargaaraniin kan badhaadhe waan ta'eef Carraa dhukkuboota daddarboon Qabamuu hir'isuuf gargaara.
5. Fayyaa Garaachaa fi Mar'imaanii Cimsaa, Bokoka garaa yaalaa, nama garaan Baasuu fi nama garaan gogeef Dawaadha.
6. Raammoo Maagaa/wosfaatii fi jarmoota garaa garaa, Mar'imaan keeysaa qulqulleessaa.
Raammoo garaa (helminths) fi parasites dhibee adda addaa fidan qaama keessaa baasuuf ni gargaara.
7. Fayyaa Walqunnamtii Saalaa Dhiirotaa Cimsaa:
Dhiirotaaf Sadarkaa Hormoonii "testosterone" kan guddisu yoo ta'u, kunis ga'umsa saalqunnamtii dhiirotaa baayyee fooyyessaa.
Dhangala'aa dhiigaa gahaan gara qaama walhormaataa akka qaqqabu Taasisa Rakkoo Qaamni saalaa dhiiraa ka'uu dadhabuutiif Bu'aa gaarii akka qabu mirkanaa'eeraa .
8. Dhukkuba kaansarii Ittisuu fi Yaala Kaansarii keessatti ga'ee qabaa:
Qorannoon Saayinsii akka agarsiisutti, kaansarii piroostaatii, Kaansarii harmaa fi garaachaa yaaluuf faayidaa qabaa.
Biqiltuun kun Kompaawundoota sochii qaban kan akka "sesquiterpene lactones" kanneen guddina seelii kaansarii dhorkuuf hojjetan of keessaa qaba.
9. Dhukkuboota Infeekshinii fi inflammation:
Dhukkuba busaa fi dhukkuba taayifooyidii yaaluuf kan ooludha.
Amala farra baakteeriyaa fi farra fangasii kan qabu yoo ta'u, kunis infekshinii gogaa fi madaa qaamaa yaaluuf Akka Humna qabaatu Taasisaa.
10. Ulfaatinni qaamaa Madaala akka Eeggatu Taasisaa.
Meetaaboliizimii fooyyessuu fi kuufama coomaa hir'isuuf gargaaraa. Akka qulqulleessituu qaama uumamaa ta'ee summii dhabamsiisuu fi ulfaatina qaamaa hir'isuu kakaasuuf gargaara.
11. Sochii Farra-Inflammation:
Dhukkubbii fi dhiitoo buusaa lafee (joints) hir'isuuf gargaara.
12. Dhukkuba Busaa (Malaria):
Qabiyyee Quinine jedhamu waan of keessaa qabuuf, dhibee busaa yaaluuf qoricha cimaadha
13. Dubartii Deesseef: Deesseen erga deessee booda yoo fayyadamte, aannan harmaa akka baay'atu
14. Qaamaa Waa mure yokan Waraanee dhiigni dhaabbachuu dideef Dawaadha Dafee dhiiga dhaabuu danda'a
Madaa Qaamaa Fayyuu dide Qulqulleessee Dafee Fayyisuu Danda'a, Madaa Fayyisuu keessatti Ga'ee Olaanaa Qaba,
Faayidaa Nyaataa (Nutritional Benefits)
Ebichi albuudota akka Kaalsiyeemii, Pootaasiyeemii, Ayirenii , fi Fosfarasii of keessaa qaba.
Vaayitaaminoota akka
Vitamin A ) (Vitamin A) (Vitamin E)
(Vitamin B1 fi B12) Baayyee Of keessaa qaba Dandeettii Dhukkuba Dandamachuu Qaama keenyaa Cimsa dhukkuboota onnee fi dhukkuba Kaansarii Gosa hunda Namarraa ittisa yokan Carraa dhukkubaan Qabamuu Hir'isa.
Kaarboohayidireetii, fi pirootiinota barbaachisoo Of keessaa qaba
Amiinoo asiidii barbaachisummaa olaanaa qaban. Kan Akka faayibara, ayirenii, fosfarasii, kaalsiyeemii, pootaasiyeemii, koobaaltii fi maangaanizii, fi kkf dabalatee qabiyyee summiin qaama keessaa akka ba’u godhu (anti-oxidants) baay'ee qaba.
Biqiltuun Ebichaa sababa keemikaalota baayooaktiiwii baala isaa keessa jiruun irraa kan ka'e farmaakooloojii keessatti barabaachisummaa guddaa Argateeraa.
Qorannoo Faarmaakooloojii keessatti Bishaan cuunfaa Baala "Ebichaa" irraa baafame Dhibeewwawwan adda addaa ittisuu fi yaaluuf akka Oolu gabaafameera.
Qabiyyee keemikaala Uumamaa Biqiltuu Ibichaa Kompaawundoota Feenoolikii
Carraa dhukkuba onnee fi kaansariin qabamuu hir'isaa. Antioksidaantoonni humna guddaa qaban kan biqiltuu kana keessatti Argaman Seeliin qaamaa, miidhaa oksijiiniif akka hin saaxilamne irraa ni eeguu.
Qabiyyee Flaavonoyidii:
Bu'aa farra inflammatory fi antioxidant qaba:
Hojii sirna ittisa qaamaa fooyyessa, carraa dhukkuboota yeroo dheeraan qabamuu hir'isa.
Qabiyyee Saapooniinis:
Hamma kolestroolii dhiiga keessatti gadi buusuuf gargaara, kunis fayyaa onnee guddisaa. Akkasumas Qabiyyeen kun Farra maaykiroobiyaanii fi farra paraasitii Raammoo Maagaa wosfaatii ta’ee Tajaajilaa.
Qabiyyee (Tannins):
Bu'aa astringent qabaa, garaa baasaa fi Rakkoo garaachaa fi infekshinii garaachaa yaaluuf gargaaraa. Akkasumas Amala farra kaansarii fi farra baakteeriyaa qabaa.
Qabiyyee (Alkaloids):
Dhukkubbii hir'isuu fi fayyaa sirna narvii fooyyessuuf gumaacha qaba.
Akkasumas farra baakteeriyaa fi farra fangasii ta'ee tajaajilaa.
Haalli itti Fayyadama isaa Baalli isaa Bishaan ho'aan Dhiqamee yokan Miiccamee Erga qulqullaaee booda Tumamee Bishaan isaa Calalamee Burcuqoo Shayii Tokko garaa duwwaatti dhugama Ganama yookaan Galgala, Guyyaa 3 fi Hanga Guyyaa 10 Fayyadamuu Dandeessu.
Dhukkuboota Qorraa kan akka Asmii fi utaalloo fi kkf yoo ta'e Baalli muka Kanaa Tumamee Gogfamee Akka Shaayiitti Danfisamee dhugama.
Dubartii ulfaa fi Daa'ima garaa jiru irratti Dhiibbaa tokko hin Qabu Fayyadamu Dandeessi, Dubartii Ulfaaf Dawaa Gaariidha, Da'umsaan booda yoo Fayyadamte Aannan Gaariin Daa'imaaf Ta'u Harma keessaa Akka Baayyatu Taasisa.
Biqiltuu kana irraa faaydaa guddaa Argachuuf haala itti fayyadama dabaalatan Kutaa kutaan adda qoodnee ballinaan isiniif
Maxxansa kiyya Guyyaa Guyyaan Argachuuf Toora Facebook
DR HAMZA JAMAL FOLLOW GODHAA