04/06/2026
Amerikaan hoggantootaa fi biyyoota leelliftoota mankaraarsummaa jettee yaaddu akkasumas;sodaa siyaasaa,dinagdee fi nageenya isheetiif jecha waggoottan kurnoota lamaan darban osoo addaan hin kutiin xiyyeeffannoo olaanaan adamsuun dhabamsiisaa turte...
1.Sadam Hussein:Hogganaa fi bulchaa biyya Iraq kan ture,garee shororkeessaa wajjin hidhata qaba jechuun duula guddaa mootummaan Amerikaa president George W.Bush operation cimaa gaggeeffameen holqa dhokatee keessaa loltootaa Amerikaan qabamee,murtee du'aan bara 2006 ALA'tti fannifamee ajjeeffame...
2. Mohammed Gaadaafi: Hogganaa fi bulchaa biyya Libiya ture.Deggarsa finciltoota Palestinian, Popular Palestinian Liberation Front (PPLF) wajjin hidhata qabaachuu fi garee shororkeessaan himatamee operation Amerikaa fi finciltoota Libiyan ujummoo bishaanii keessaatti lafa dhokatee jirutti salphinaan ajjeeffame...
3. Osama Bin Laden: Gaggeessaa biyya Afghanistan hundeessaa garee Taliban fi Al-Qaeda yoo ta'uu, operation Fulbaana 11,2001 ALA'tti Gamoo guddicha Amerikaa Pentagon irratti raawwatame wajjin himatamee,waggootaniif holqa keessa dhokatee jiru keessatti akka hantuutaatti ajjeeffame...
Gareen ykn hoggansi faallaa tarsiimoo Amerikaa fi Israa'el ijaaraman martuu akkuma kanaa dabaree dabareen ajjeeffamaa,hireen gaggeessaa walii galaa Iran Ayatollah isa kan jaallan isaa qaqqabee siree isaa irratti abidda Israa'elii fi Amerikaan darbatamuun gamoo caccabaa keessatti kufee bifa nama gaddisiisun salphinaan ajjeffame...
Addunyaa kanarratti akkaataan icciitii fi ol'aantummaa Amerikaafi Israa'el gurguddoon waa 3:-
➣Siyaasa,
➣Dinagdee fi
➣Meeshaa waraanaa,ijaaramsa waraanaa ykn nageenyaati.