12/06/2023
Kutaa 5ffaa
Gartuun Qorattootaa ilmaan Tigraay suduudaan Mallas Zeenaawwiin qajeelfamu bool’a keessatti bool’a biraa qotee, dukkana keessatti dukkana biraa qopheessuun hanga qaamni isaanii bututee sammuun isaanii hadoodutti reebichaan hunkuteesse. Dirmammuu qaamaa, madaa onnee fi godaannisa sammuu irraa fayyuu hin danda'amneen kan eele Tasfaahuun Camadaa dhukkubsatee akka hin yaalamne taasifamuun gaafa 24/08/2013 du’aan Addunyaa kana irraa boqate. Qarriffaan bulguu lafee ilmaan Oromoo qulqulluu qorquu barates dhiiga Injinar Tasfaahuun Camadaa qeensee habbuuqqate.
“Bilisa ta’ee dhaladhee, bilisa ta’ee jiraachuu dhorkamus bilisummaa kiyyaaf qabsaawaa du’uu irraa kan na dhorkuu danda’u humni tokkollee hin jiru, hin jiraatuus!” jechuun kan beekamu Injinar Tasfaahuun Camadaa, adeemsa daddagalfataa fi ulfaataa eegale galmaan gahuuf milkii itti dhabee aarsaa lubbuu ilmaan Oromoo kumaatamni Oromummaa isaanii qofaaf kanfalaa turanitti baasuun kichuutti cabee hafuuf dirqame. Haata’uutii gootumaan, qarummaa fi fakkeenyummaan Injinar Tasfahuun Camadaa seenaa qabsoo Oromoo keessatti yommiyyuu cululuqee jiraachuun isaa Dirqama.
Seenaa baruun kudhaama eenyummaa ofiiti. Of argachuun, bu'uura injifannoof akeektuudha.
Madda telegram: magarsaa Qilxuu