Lalisa lawyer

Lalisa lawyer Ignorance of the law is no excuse.

12/10/2025

Aangoo Seeraan Ala Fayyadamuu ❗️
Namni aangoo seeraan ala itti fayyadame ykn Aangoo osoo hin qabaatin gocha aangoo itti hin qabne Raawwate ykn Itti gaafatamummaa isaaf kennameen ala bahee hojjate.
Fkn - Aangoo nama hidhuu osoo hin qabne yoo nama hidhe.
- Qaamni nama hidhuu danda'u qaama seeraa aangoon nama hidhuu seeraan ifatti adeemsa seeraa Hordofee nama hidhu danda'a jedhamee kennameef kanneen akka Poolisiin gaafa yakki raawwatamee , ajajoota mana murtii fi kkf alatti. Namni osoo aangoo hin qabaatin callisee nama hidhe akkuma gochaatti seera yakkaa fi aangoo seeraan ala fayyadamuun Malaammaltummaan himatamuu danda'a.
Seera yakkaa Afaan Oromootii fi Labsii yakka malaammaltummaas Tg kiyya jalaa ni argattu.
https://t.me/binimoslawyer

Qabatama Naannawa keessanii maal fakkaata ❓

12/10/2025

Follow https://t.me/laliipp08
Lalisa Milkiyas:
.
godhaa Waliif Qoodaa!
⚖️ Dhimma miindaa kana ilaalchisee hubannoo seeraa dirqama ta'ee waan argameef garuu yeroo tokkotti barreessuuf kan dheeratuu fi nama nuffisiisuu danda'a waan taheef kutaa kutaan isiniif maxxansa Miindaa hojjataa mootummaa fi seera irraa jalqabna.
Kutaa 1ffaa --Mindaa Hojjatoota mootummaa fi seeraa irratti.
:- jechuun kaffaltii namni hojii hojjateef argatu jechuudha.
✍️ Hojjattoonni akkaataa sirrii ta'een kan murteeffaman sa'aatii hojii ,boqonnaa, yeroo bashannanaa,guyyoota boqonnaa yeroo yeroodhaan kanfaltii wajjiin kennaman,ayyaanoota ummataa mindaan itti kanfalamuu fi kkf argachuuf mirga qabu.
➡ Hojjataan Mootummaa gita hojii sadarkaan madaalamee beekame irratti guddina sadarkaa yeroo argate:-
1️⃣.Mindaan duraan argachaa ture mindaa ka'umsaatiin gadi yoo ta'e,mindaa ka'umsa sadarkaa haaraa ni argata,
2️⃣.Guddinaan osoo hin ramadamin dura mindaan argatu mindaa ka'umsa sadarkaa gita hojii itti guddate ol yookiin wal qixa yoo ta'e,mindaa haaraan mindaa osoo hin guddatin dura argatu olitti mindaa gulantaa itti aanee jiru ni ta'a,
3️⃣.Mindaan guddinaan osoo hin ramadamin dura kanfalamaafi ture mindaa fiixee gita hojichaa yookiin isaa ol yoo ta'e mindaan duraa hin jijjiiramu,Dambii Mala Qabxiin Hojii Madaaluu fi Sadarkeessuu Manneen Hojii Mootummaa Lakkoofsa 209/2012 keewwata 19.

👇 :-
➡️ Sababni bu'uuraa dabala mindaa,faayidaa hojiitiif jecha hojjattoota raawwii bu'a qabeessa agarsiisaniif daballii taasisuun hojii fooyya'aa fi bu'aa qabeessummaaf kakaasuu fi onnachiisuufidha.
➡️Hojjataan gita hojii madaalamee ramadame qabate,akkaataa ulaagaalee madaallii raawwii hojii bahuun raawwiin hojii isaa quubsaa fi isaa ol ta'ee yoo argamee fi mindaan isaa fiixee sadarkichaaf murtaa'e irra hanga hin gahinitti sadarkaa gita hojichaaf dabala mindaa gulantaan ibsameen waggaa Lama lamaan(2,2n) ni argata.
♨️ Turtii yeroo dabala mindaa itti lakkaa'amu ilaalchisee:-

Hojii Boonsaadha. Qaamoole Haqaa Sadarkaa Sadarkaan jiranis haa kennamu
12/10/2025

Hojii Boonsaadha. Qaamoole Haqaa Sadarkaa Sadarkaan jiranis haa kennamu

02/08/2025

Seera Hojjetaa fi Hojjechiisaa; Hojjetaan Tokko Hojii Irraa kan Gaggeeffame ykn Waliigalteen Isaa Adda Kan Cite Seeraan Aladha Jedhamee Hojiitti akka Deebi’u Eega Murtaa’e Booda Hojjechiisaan Yoo Dide ykn Hojjetichi Hojjitti Deebi’uu Yoo Hinbarbaanne Maal ta’a?
============================================================
Hojitti deebi’uun hafee beenyaan seeraan ala hojii irraa gaggeeffamuu fi kanfaltiiwwan biroo barbaachisan kanfalameefii akka gaggeeffamu gaafachuu nidanda’aa? Yoo ta’e eessatti gaafata?
============================================================
Labsii Lkk 1156/2011 kwt 42, 43(3); Labsii haqame Lkk 377/2003 kwt 42(3) fi Murtii Dhaddacha Ijbt MMWF glme Lkk 53064 irratti gaafa 17/09/2002 kennamuun jiildii 9ffaa keessatti manxaffamee argamu waliin kan ilaalame.
=============================
Hariiroon hojjetaa fi hojjechiisaa seeraan eegamuuni fi keessaayyuu akkaataan waliigalteen itti godhamuu fi addaan itti citu seeraan ifatti akka bitamu gochuun iddoon hojii tasgabbii fi nagaya qabu , walitti dhufeenyii seeraa fi sirna qabu akka jiraatuu industiriin bu’a qabeessa akka ta’uuf gahee ol’aanaa qaba.
Eegumsa hariiroo hojjetaa fi hojjechiisaa keessatti hojjetaadhaaf seeraan taasifame keessaa tokko seeraan ala hojii irraa gaggeeffamuu dhabuu fi raawwatamee yoo argame immoo mirga gara hojiitti deebi’uu ykn kanfaltiiwwan biroo barbaachisan waliin mirga beenyaa argachuu filannoon hojjetaadhaaf seerri ifaan tumee jira. Kunis Labsii haqame Lkk 377/2003 kwt 43 fi Labsii isa haaraa Lkk 1156/2011 kwt 42 fi 43 jalatti ifaan tumamee argama.
Haaluma kanaan Manni Murtii dhimma falmii hojjetaa fi hojjechiisaa ilaalu hojjetichi hojii irraa kan gaggeeffame ykn waliigalteen adda cite seeraan ala ta’uu yoo mirkaneeffate akkuma haala isaatti hojitti akka deebi’u ykn fedhii kan hinqabne yoo ta’e immoo beenyaan akka kanfalamuu murteessuu akka danda’u Labsii Lkk 43(1,2) jalatti tumamee jira.
Addattis immoo hojjetichi gara hojiitti deebisuun haala nageenya iddoo hojii ykn walit

04/04/2025

(Dhaddachaa ijjibaata MMWF galmee lakk 247257 ta’erratti gaafa 06/02/2017 murtii dirqisisaa kennee dubbisa!
Bakka bu'ummaa Ministeeraa Haqaa Feederalaa ykn Biiroo Abbaa Alangaa Waligalaa Naannoleetiin osoo hin mirkanaa'in Raawwii fuudhaa fi heerumaa wal fuutota keessa tokko bakka hin jiretti karaa bakka bu'aa isaa ykn isheetiin raawwatamuu seeraa duratti fudhatamaa ni qaba? Moo hin qabu?
Akkumaa Beekamuu akka qajeeltootti fuudhaa fi heerumni yeroo raawwatamuu wal fuutonni bakka sirnichi raawwatamutti qaaman argamanii isaanii kennuun dirqama. Haa tahuu garuu sababni cimaa qaaman argamuu dhorkuu yoo jiraate bakka bu'aadhaan fuudhaa-heerumicha raawwachuuf namni barbadduu hayyamaa isaa/ishee akkaataa hin mamsiifnen kan ibse tahuu Ministeerii Haqaa ykn Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waligalaa yoo mirkaneesse, fuudha-heerumni bakka bu'aadhaan raawwatamuu akka danda'amuu SMF fi SMO jalatti tumamee jira.
Bu’ura kanaan nikaan wal fuutota osoo keessa ciidhaa tokko raawwatamuu irratti sababa cimaan argamuu kan hin dandenyee tahuu fi fuudha heerumni karaa bakka bu'aa isaa ykn isheetiin akka raawwatamuu hayyamaa hin mamsiifnee kennuu isaa ykn ishee Ministeera Haqaa ykn Mana Hojii Abbaa Alangaa osoo hin mirkaneessiin karaa maatii walfuutotaa qofa bakka walfuutonni hin jirretti fuudhaa-heerumni raawwatamu bu’ura seeraa hin qabu jechuun Dhaddachaa ijjibaata MMWF galmee lakk 247257 ta’erratti gaafa 06/02/2017 murtii dirqisisaa kennee jira.

23/03/2025


Guddifachaa Mana murtiitti dhiyaatee yoo raggaasifame malee bu'aa hin qabaatu.....
Hawaasni keenya seera Aadaa (Customary law) biyya kanaaf gumaachee keessaa tokko Guddifachaadha. Guddifachaan kun karaa aadaan yookin waliigalteedhan taasifamuu ni danda'a. Haa ta'u malee,seera duratti fudhatama akka argatuuf Mana Murtiin raggaasifamuu qaba (seera Maatii Oromiyaa kwt.211(1). Rakkoowwan dhimma kanaan walqabatan:-
1) Namni tokko karaa aadaan guddifatame. Garuu,guddifachaan sun hin raggaasifanne. Yookiin waliigalteen guddifatame. Garuu,waliigalteen isaa hin raggaasifamne.
2)Namoonni tokko tokko immoo guddifatamuun isaanii dhugaadha. Akkas jedhu. Ani " Akaakoo yookin akkoo, eessuma yookin Abuyyaa koo birattin guddadhe,ijoollummaa kootiin na fudhatanii na guddifatan" jedhu. Garuu,seera aadaas waliigaltee taasisanis hin qaban. Isaan kunis sababa guddifatni isaanii hin raggaasifamneef mirga guddifachaan argatan kabachiifachuu irratti yeroo rakkatan ni mul'ata. Keessattuu qabeenya dhaalaa qixa dhaaltota guddifataa waliin qooddachuuf yeroo gaaffii dhiyeessan guddifata seera qabeessaan raggaasifame hin qabu yookin hin qabdu mormii jedhutu isaan irratti ka'a.
Daa'imman yeroo guddifata kennaman umuriin isaanii waggaa 18(kudha saddeet) gadi waan ta'aniif guddifaticha ofii isaanii raggaasifachuu hin danda'an. Warri Guddifata kennaa fi guddifata fudhataan dirqama guddifaticha raggaasisuu bahatanii rakkoo daa'imman akkasii gara fuulduraatti isaan mudachuu malu irraa oolchuu qabu. Kanaafuu,guddifachaan aadaanis ta'ee waliigalteen taasifame akkasumas fira birattis yeroo guddifatamanitti seera duratti bu'aa akka qabaatuuf Mana Murtiin raggaasisuu barbaachisa.

!

23/03/2025



Yakka Hannaa
============
Seera Yakkaa Bara 1996 Bahe Keewwata 665(1) jalatti ifaan tumamee argama. Kunis:
Seera yakkaa keewwata 665(1) jalatti namni kamiyyuu badhaadhina hin malle argachuuf ykn nama biroof argamsiisuuf yaaduun qabeenya mi'a socho'aa ykn hin sochoone irraa ba'e kaasee kan fudhate, kallattiin qabeenya isaa kan taasise ykn alkallattiin qabeenya isaa waliin akka walitti makamu kan taasise hidhaa salphaa ykn hidhaa cimaa waggaa 5 hin caalle adabama.
Tumaa kanarraa kan hubatamu gochi yakka hannaa karaalee 3 raawwatamuu akka danda’uudha.Kunis ida’amaan osoo hin taane filannoodhaan akka ta’e walqabsiistuu yookiin jedhuun walqabsiifamuu isaa irraa kan hubatamuudha.
Haaluma Kanaan:
1ffaa- qabeenya nama biroo kan ta’e mi’a socho’aa ykn mi’a qabeenya hin sochoonerraa adda bahe kaasee fudhachuudhaan. Kana jechuun shakkamaan mi’a kana yeroo kaasee fudhatu ragaan ijaa jiraachuu qaba jechuudha.
2ffaa- karaa lammaffaan qabeenya nama biroo kan ta’e mi’a socho’aa ykn mi’a qabeenya hin sochoonerraa adda bahe kallattiidhaan qabeenya isaa taasisuudhaan. Kana jechuun shakkamaan yeroo mi’a kana kaasee fudhatu ragaan ijaa kallattii jiraachuun dirqama miti jechuudha. Qabeenyi/mi’i kun kan nama biraa/miidhamaa dhuunfaa/ ta’uusaa fi shakkamaan qabeenyasaa godhatee argamuusaa mirkaneessuu qofti gahaadha. Fkn qabeenya nama biroo kan ta’e shakkamaan mooraasaa keessatti galfatee argamuun ykn itti fayyadamaa yeroo jiru ykn yeroo gurgurachaa jiru arguun qofti gahaadha.
3ffaa- filannoon biraa qabeenya nama biroo kan ta’e mi’a socho’aa ykn mi’a qabeenya hin sochoonerraa adda bahe kana shakkamaan qabeenyasaatiin alkallattiin walitti make argamuun isaa yoo mirkanaa’e gahaadha.


================
Seera Yakkaa Kwt 682 jalatti yakka dhoksaa ilaalchisee firiiwwan dubbii guutamuu qaban:( yakki dhoksaa raawwatame jechuuf yakki biroo duraan raawwatame jiraachuu isaa mirkaneessuun dirqama moo?miti?):
Barreefamni gabaabaan kun yakka dhoksaa

23/03/2025

Address

Ethiopia
London

Telephone

+251910309501

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Lalisa lawyer posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Lalisa lawyer:

Featured

Share

Category