28/08/2026
HOJII BOONSAA WALDAA TOL-OOLTOTA ABDII BORII 570!
Guyyaa har'aa (22/12/2018) Waldaan Tol-Ooltota Abdii Borii 570 karoora bara kanaa keessaa mul'ata guddaa fi arjooma ta'e tokko milkeessuu danda'ee jira.
Hawaasa keenya keessaa maatii fi namoota harka-qalleeyyii fi dadhaboo ta'an 20f deeggarsa inshuraansii fayyaa (Waraqaa Fayyaa) guutuu kaffaluun wabii fi abdii fayyaa isaaniif harroomee jira.
Fayyaan bu'uura jireenyaati. namni fayyaa qabu immoo abdii qaba!
Namoota nu cinaa dhaabbattanii fi waan gaarii kanaaf gumaachitan hundumaa galatoomaa! Gara fuulduraattis tumsa kanaan deeggarsa keenya bal'isnee kan itti fufnu ta'a.
"Nama gargaaruun tol-ooltummaa osoo hin taane, namummaa dha!"