31/08/2026
Waldaan Tola-Ooltootaa Abdii Borii 570 💪💪
Waggaa darban lamaan keessatti hojiiwwan boonsaa ta'an hojjachuun keenya ni yaadatama. Hojiiwwan ijoo kanneen akka mana harka-qalleeyyii 2 ijaaruu, miseensa keenya balaa tasaa irratti gaheef deeggarsa baajajii miila sadii taasisuu, akkasumas barattoota fi namoota dadhaboof deeggarsa gama hundaa gochaa tureera.
Ammas akkuma kana dura beekamnutti, hojii bara kanaatiin Waldaan Tola-Ooltootaa Abdii Borii 570 hojii kennaa tajaajila lamummaa gannaatiin qarshii 201,000 (kuma dhibba lamaa fi kuma tokkoon) baasii gochuun meeshalee garaagaraa bituun hawaasa harka-qalleeyyii, namoota dadhaboo, barattoota harka-qalleeyyii fi qaama-miidhamtootaaf deeggarsa namoomaa taasiseera.
Deeggarsa Guyyaa 24/12/2017 Taasifame Keessaa:
• Daftaraa fi Qalama: Qarshii 125,000 (Daftara darzaana 150 fi qalama)
• Nyaata (Daakuu fi Zayita): Qarshii 50,000
• Meeshaa Qulqullina Dubartootaa: Qarshii 26,000
Waliigala Baasii: Qarshii 201,000
Sagantaa kana irratti kan argaman Kantiiban Magaalaa Yaaballoo Aab Jaarsoo Goolloo, hojii tajaajila lamummaa Waldaan Tola-Ooltootaa Abdii Borii 570 hojjachaa jiru jajjabeessuun, miseensota waldaa kanaa fi gumaachitoota hundaaf galata guddaa dhiyeessaniiru.
Itti-gaafatamaan Waldichaa Obbo Abush Boruu gabaasa raawwii hojii miseensotaf dhiyeessuun, waldichi hojii boonsa raawwachuu isaa ibsaa, galma gahiinsa kaayyoo kaniif miseensota hunda galateeffataniiru.
Dhuma irrattis:
• Qaamolee mootummaa, namoota dhuunfaa fi miseensota gumaacha ol'aanaa taasisaniif Waraqaan Beekamtii kennameera.
• Eebbifamtoonni, jaarsoliin biyyaa fi hawaasni deeggarsi taasifameef waldaa fi miseensota waldichaa gammachuun eebbisaniiru.
"Nama gargaaruu Tol-Ooltummaa osoo hin taane, Namummaadha."