Destiny Law Office

Destiny Law Office This page will provide you current and latest court and legal information!!

28/04/2026
20/04/2026

๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐ข ๐ˆ๐ฃ๐ข๐›๐›๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐ƒ๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐š ๐‘๐š๐ ๐š๐š๐ง ๐–๐š๐ฅ๐ช๐š๐›๐š๐ญ๐ฎ ๐€๐ค๐ค๐š๐ฆ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐ƒ๐š๐ง๐๐šโ€˜๐š?
โ€ขโ€ขโ€ข
๐—”. ๐—ช๐—ฎ๐—ฎโ€˜๐—ฒ๐—ฒ ๐—”๐—ฎ๐—ป๐—ด๐—ผ๐—ผ ๐——๐—ต๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ฎ ๐—œ๐—ท๐—ถ๐—ฏ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ
Akka biyya keenyaatti aangoon dhaddacha ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa fi kan naannoolee heera mootummaa irraa kan madduudha. Haaluma kanaan heera mootummaa federaalaa bara 1987 bahe keewwata 78 (3) jalatti Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa murtiiwwan dhumaa dogongorri buโ€™uura seeraa keessatti raawwatame kamuu irratti aangoo ijibbaataa (power of cassation) akka qabuu fi bifuma wal fakkaatuun Manneen Murtii Waliigalaa Naannolee dhimma naannoo isaanii ilaalchisee murtiiwwan dhumaa dogoggora buโ€™uura seeraa qaban irratti aangoo ijibbaataa akka qaban tumamee jira.

Labsii aangoo Manneen Murtii Federaalaa murteessuuf bahe lakk. 1234/2013 keewwata 10 jalatti murtiiwwan dhumaa dogoggorri buโ€™uuraa seeraa keessatti raawwataman akkamii irratti Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa aangoo ijibbaataa akka qabu tarreeffamee jira. Kana malees, dogogorri buโ€™uura seeraa maal maal akka taโ€™uu dandaโ€™u labsicha keewwata 2 (4) jalatti tarreeffamee jira.

Gama biraatiin, labsii aangoo fi Hojii Manneen Murtii Oromiyaa irra deebiidhaan murteessuuf bahe lakk. 216/2011 keessatti aangoo ijibbaataa Manni MurtiiWaliigalaa Oromiyaa erga kaaโ€™ee fi tarreessee booda tumaa addaa labsii Manneen Murtii Federaalaa keessatti hin tumamne hammateera. Kunis keewwata 26 (3) yoo taโ€™u dhimmoota dhaddacha ijibbaataatti dhiyaachuu hin dandeenye tarreessee kan jiru yoo taโ€™u kanneen keessaa tokko murtii dhumaa dogoggora firii dubbii ykn hirโ€™ina/dogoggora ragaa fuudhuu ykn madaaluu irratti raawwatame kan ilaallatuudha. Akka labsii Manneen Murtii Oromiyaa kanatti hanqinni ragaafuudhuu ykn madaaluun wal qabatu dogoggora buโ€™uura seeraajedhamee fudhatamuu hin dandaโ€™u.

๐—•. ๐— ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—น๐—ถ๐—ถ ๐—ฅ๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐—ฎ ๐˜ƒ๐˜€ ๐—”๐—ฎ๐—ป๐—ด๐—ผ๐—ผ ๐——๐—ต๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ฎ ๐—œ๐—ท๐—ถ๐—ฏ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ
Haa taโ€™u malee dhaddachi ijibbaataa dhimma madaallii ragaa gonkumaa hin ilaalu jechuu akka hin taanee fi dhimmootni armaan gadii gaafa mudatan ofitti fuudhee keessummeessuu akka qabu dhaddachi ijibbaataa MMWF galmee lakk. 220292 taโ€™e irratti murtii dirqisiisaa kenneen ibseera.
1. Manneen Murtii jalaa qabiyyee ragaalee dhiyaataniifsirnaan osoo hin madaaliin hafuun murtii yoo kennan;
2. Firiin dubbii/dhugaan ragaadhaan mirkanaaโ€™e waan biraataโ€™ee isa cinaatti dhiisuun guduunfaan Manneen Murtiijalaa irra gahan qajeeltoo madaallii ragaa kan cabse yootaโ€™ee fi
3. Jecha ragaan hin dubbanne dubbatame jedhamee jecharagaa ykn qabiyyee isaa jijjiirruun dogoggora seeraaraawwatamuudha.
๐—–. ๐—š๐˜‚๐—ฑ๐˜‚๐˜‚๐—ป๐—ณ๐—ฎ๐—ฎ
Tumaalee seeraa fi murtii dhaddachi ijibbaataa MMWF galmee olitti ibsame irratti kenne bakka tokkotti cuunfinee gaafa ilaallu isa labsiin aangoo Manneen Murtii Oromiyaa dogoggorri madaallii ragaa dhaddacha ijibbaataaf hin dhiyaatu jedhus taโ€™ee kanneen dhadadchi ijibbaataa daangaa kamuu malee dhimma madaallii ragaa dogoggora taโ€™etti ilaaluu qaba jedhanis sirrii akka hin taanee fi dhimmaa dhimmaan (case by case) ilaalamuu kan qabu taโ€™u hubanna.


โ€ขโ€ข

17/04/2026
14/04/2026

Taateen magaalaa seena qabeettii Amboo fi uummata goota sana irratti raawwatamaa ture akkaan gaddisiisaa fi laphee nama cabsuudha. Anaaf akka galutti waanti Amboo fi bakkeewwan baayโ€™etti raawwatamaa jiru kun rakkoo buโ€™uuraa osoo hin taane mallattoo (manifestation) rakkoo buโ€™uuraa keessatti kufnee jirruuti. Rakkoon buโ€™uuraa kun kabajamuu dhabuu olโ€™aantummaa seeraa fi laaffachuu ykn laamshaโ€™uu qaamolee seera kabachiisaniiti.

Gaafa olโ€™aantummaan seeraa bakka dhabu, olโ€™aantummaa namootatu bakka qabata, alaqaa ganda keessatu heddumaata. Inni humna qabu (humna meeshaa, kan qabeenyaa, kan dinagdee fi kkf) isa humna hin qabne akka barbaade godha. Manguddoo tibba darbe buufata Konkolaataa Magaalaa Roobee keessatti guyyaa saafaa gurmuu dargaggootaatiin tumaman yaadadhaa, namicha suuraa kana irratti hiyyeessa xaarratee bulu kalee irra dhaabbatus ilaalaa. Mee qaamoleen olโ€™aantummaa seeraa kabachiisuu akka ergama keessaniitti kaawwattanii jirtan maal hojjachaa jirra jedhaa of gaafadhaa. Hundi keenyaa sobnee of jajjabeessina ykn osoo hin jirre jirra jennee haasofna malee kisaaraa haamilee hamaa keessa jirra, kanaaf duuriyyeen garee ijaarrattee uummata fayyaalessa jireenyi dararutti taphachaa jirti. Ammas uummata dabalatee qaamni hunduu of ilaalee olโ€™aantummaa seeraa kabachiisuuf hin sochoโ€™u taanan, qaamoleen haqaas itti gaafatamummaa uummataa fi seeraan itti kenname hin bahatan taanaan rakkoo hamtuun kana caalu as deemaa akka jiru hubachuuf PHD qabaachuu nama hin gaafatu. Hunduu sobee kokkolfuun of sossobaa jira malee rakkoo jabduun akka jiru ni hubata. Dhaabbannee of ilaaluu, tarkaanfii hadhaawaa fudhachuu yeroo feesisu irra jirra. Yoo hin taane wal qabatanii gara allayyaatti imaluun waan hin oolle.

12/04/2026

๐’๐ฎ๐ฉ๐ž๐ซ ๐’๐ฎ๐ง๐๐š๐ฒ (Edited)
โ€ขโ€ขโ€ข
Arsee, Chelsii fi Spursโ€™f barri baranaa xuruu miti๐Ÿ˜„๐Ÿ˜„

01/09/2025

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Qajeelfama sirna iyyatni mala elektoroonikaan itti dhiyaatuu fi falmiin itti gaggeeffamu hoogganuuf oolu mirkaneessee jira.

Qajeelfamichi lakk. 25/2017 jedhamee kan mirkanaa'e yoo ta'u abbaan dhimmaa kamuu lakkoofsa addaa waraqaa eenyummaa (Faayidaa) isaa fi lakkoofsa bilbilaa achirratti galmeessise fayyadamuun hayyama darbii fudhachuu kan danda'uu ta'uu, sana fayyadamuun bakka jiru taa'ee iyyata isaa ergachuu fi falmii gaggeessuu akka danda'u ibsameera.

Guutuu qajeelfamichaa asiin argachuu dandeessu: https://t.me/GonfaLawyer

Address

Dawo
Shewa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Destiny Law Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Destiny Law Office:

Share