07/06/2026
Poolisiin Magaalaa Finfinnee namoota lammiilee biyya alaa butanii maatii isaaniirraa maallaqa guddaa gaafataa turan jedhe to’annoo jala oolchuu beeksise.
Poolisiin Finfinnee akka ibsetti, bakka bu’aan Imbaasii Siriilaankaa Itoophiyaa keessa jiru Caamsaa 18, 2018'tti gabaasa mootummaa nageenyaaf dhiyeesseen, lammiileen Siriilaankaa sadii hojiif gara Itoophiyaa dhufan Caamsaa 15, 2018 irraa eegalee butamuu isaanii fi maatii isaanii Siriilaankaatti argaman irraa tokkoon tokkoon isaaniirraa doolaara Ameerikaa kuma 30 akka kaffalan gaafatamuu isaanii ibseera.
Gabaasa kana hordofuun Waajjirri Itti Aanaa Qorannoo Yakkaa Poolisii Finfinnee garee addaa hordoffii fi qorannoo hundeessuun hojii barbaacha yakkamtootaa jalqabuun, namoonni butaman buufata xiyyaaraa Boolee irraa konkolaataa Suzuki Dzire lakkoofsa gabatee 2C-40461 qabuun akka fudhataman Poolisichi ibseera.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee hojii hordoffii fi odeeffannoo walitti qabuu gaggeesseen, konkolaachisaa lammii Itoophiyaa ta'e tokkofi, lammiilee Itoophiyaa biroo lama lammiilee Siriilaankaa afur ukkaamsaan magaalaa Shaashamannee, ganda Beqee 04 keessatti kutaa man tokkoo keessatti cufamanii turan keessaa bilisa baasuu Poolisiin Finfinnee beeksiseera.
Follow Ardaa Seeraa