03/09/2026
Marii karooraa fi walharkaa fuudhinsi hojii bara 2019 mana murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa gaggeeffameera.
Hagayya 28/2018
Guutee
mariin karoora hojii bara 2019 mana murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa bakka hawwaasni mana murtii Aanichaa fi qooda fudhattootnii karoora kanaa argamanitti gaggeeffameera.Qophii fi maalummaa karooraa irratti karaa dursaa garee karoora MM Olaanaa Godina Wal/Bahaa Obbo Caalaa seegootiin hubannoon kennameera.karoorri hojii mana murtichaas karaa dursaa garee karoora MMA W/Tuqaa obbo Malaakuu Olqabaatiin dhiyaatee booda irratti mari'atameera.Namni kamuu karoora qabame milkeessuuf hunduu kutannoon hojjechuu akka qabuu,qaamoleen alaas karoora kana raawwachuudhaaf tumsa barbaachisu sirnaan taasisuu fi qophaa'uu akka qaban akkasumas imala mana murtii gara waraqaa maleessaatti ceesisuudhaaf mojaasii bulchiinsa dhangala'insa dhimmaa sirnaan hubachuun hojiirra olchuun dhimma filannoo otoo hin taane dirqama mana keenyaati jechuudhaan pirezadaantiin mana murtii Aanichaa obbo Tokkummaan dhaamaniiru.kallattiin hojii waliigalaa karaa pirezidaantii Mana murtichaa fi Afyaa'ii Aanichaa Obbo Yemaanee Taaddasaan kennameera.dhumarrattis sirni walkaa fuudhinsa karoora manaa fi dursitoota jidduutti godhameera.