Delil Ahmed Law Office

Call Directions Contact the practice

Delil Ahmed  Law Office dhimmoota seeraa kami irrattuu karaa 0961847719 yookaan karaa email :[email protected] na quunnamuu dandeessu!

15/04/2026
27/02/2026

Diiggaan gaa’elaa erga murtaa’ee kaasee gaaffiin qoodinsa qabeenya dhirsaa fi niitii yeroo hangamii keessatti dhiyaachuu qaba?
••••
Gaaffiin qoodinsa qabeenya dhirsaa fi niitii diiggaan gaa’elaa erga raawwate irraa eegalee waggaa 10 keessatti yoo hin dhiyaanne darbiinsa yerootiin ni daangeffama jechuun dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa galmee lakk. 131616 irratti murtii dirqisiisaa kennee ture.

Warri heera mootummaa hiikuuf heerichaan aangeffaman (Mana Maree Federeeshinii fi Gumii Calaltuu Heeraa) immoo lakkii dubbiin qabeenya dhiirsaa fi niitii akka qabeenya biroo miti; dubbichi mirga qabeenyaa wal fuutotni gaa’ela hundeeffachuun argatanii fi kanneen biroo kan dabalatu waan ta’eef daangaan itti godhamuu hin qabu jechuun galmee lakk. 77/12 ta’e irratti murteessee jira.

Kanaaf, gaaffii qabeenya dhirsaa fi niitii gaa’elli erga diigamee booda daangaan yeroo kamuu osoo hin jiraatin yeroo sinitti tolutti dhiyeeffachuu dandeessu jechuudha.

Odeeffannoo xiqqoo argachuuf isin gargaara jenneeti.

Tajaajila gorsaa fi deeggaraa seeraa gaafa barbaaddan:

Bilbila: 0911445862
Emial: [email protected]

Gandatti nama hidhuun adabbii inni hordofsiisu  fi seera yakkaatiin kan nama gaafachiisu ta'uu beektuu laata?
27/02/2026

Gandatti nama hidhuun adabbii inni hordofsiisu fi seera yakkaatiin kan nama gaafachiisu ta'uu beektuu laata?

29/01/2026

Mana murtiitiin gaa'illi erga diigameen booda , warri wal hiikan yoo walitti araaramuu qofaan waliin jireenya kan itti fufan ta'e, hariiroochi seera fuulduratti akka gaa'ilaatti hin ilaalamu
Murtii M/M federeeshinii galmee lakk.804/2016

04/01/2026

Waliigalteen liqaa hangi isaa qarshii 500ETB fi isaa ol ta'e barreeffamaan ta'uu qaba!
Seera hariiroo hawaasaa keeyyata 2472

03/01/2026

miidhaa waliigalteen alaatiin qaqqabeef gaafatamu,guyyaa miidhaan qaqqabe irraa kaasee waggaa 2 keessatti yoo hin dhiyaanne daangaa yerootiin hafaa ta'a! ,shh keewwata 2143(1).murtii dhaaddacha ijibbaataa MMWF (Jildii 25ffaa Lakk.Galmee 194880,Fi Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 34406)
Delil Ahmed

03/01/2026

Himatamaan tokko namni mana murtiiti isa himatee osoo hin dhiyaatin hafuun falmii fi ragaa himataa qofaan murtiin iddoo inni hin jirreti kan kennamu yoo ta'e buu'ura seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa kewwaata 78 ttiin falmiin iddoo inni jiruti irra deebin dhagahamee murtiin akka kennamu iyyannaa dhiyeefachuu ni danda'a!

Address

MerEkato
Jimma

Telephone

+251931044775

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Delil Ahmed Law Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Delil Ahmed Law Office:

Shortcuts

Share