Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Miidhagaa Tolaa

Directions

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Miidhagaa Tolaa Haqaaf Haqaan Hojjanna!!! Potential Economist

Oolmaa Hubannoo SeeaaWaajjirri abbaa alangaa aanaa miidhagaa tolaa gaafa guyyaa 03/02/2019 tti aanaa miidhagaa tolaa gan...
14/10/2026

Oolmaa Hubannoo Seeaa
Waajjirri abbaa alangaa aanaa miidhagaa tolaa gaafa guyyaa 03/02/2019 tti aanaa miidhagaa tolaa ganda quufaa fi ganda mudhii tolaattu argamuun hawaasa hojii misoomaaf baheef hubannoo seeraa dhimmoota.
1. Mirga daa'immannii fi dubartootaa fi yakkoota daa'immannii fi dubartoota irratti raawwataman.
2. Yakka namaan daldaluu fi karaa seeraan alaatiin daangaa biyyaa ceesisuu fi
3. Kafaltii gibira itti fayyadama lafa baadiyyaa irratti hubannoo bal'aa kennee jira.
Haqaan Haqaaf Hojjanna
WAAAMT.

Oolmaa Hubannoo SeeraaWaajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Miidhagaa Tolaa gaafa guyyaa 01/02/2019 tii guyyaa magaalaa sababeef...
11/10/2026

Oolmaa Hubannoo Seeraa
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Miidhagaa Tolaa gaafa guyyaa 01/02/2019 tii guyyaa magaalaa sababeeffachuun hawaasaa bittaaf gurgurtaaf iddoo gargaraa irraa dhufaniif magaalaa midhagaa keessattii fi iddoo jallaabaatti hubannoo seeraa dhimmoota.
1. Mirga daa'immannii fi dubartootaa fi yakkoota daa'immanii fi dubartoota irratti raawwataman
2. Yakka namaan daldaluu fi karaa seeraan alaatiin daangaa biyyaa ceesisuu fi
3. Ragaa sobaa ittisuu irratti hubannoo bal'aa kennee jira.
Haqaan Haqaaf Hojjanna
WAAAMT.

Fulbaanaa 22/2019Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Miidhagaa Tolaa karoora tarsiimowaa bara 2019 irratti abbootii alangaa fi...
02/10/2026

Fulbaanaa 22/2019
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Miidhagaa Tolaa karoora tarsiimowaa bara 2019 irratti abbootii alangaa fi hojjattoota bulchiinsaatiif leenjii kennuun, gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa this taasisee jira.
Waltajicha irratti karoorri tarsiimowaan waajjirichaa karaa itti gaafatamaa waajjirichaatiin bal'inaan erga dhihaate booda, karoora kana galmaan gahuuf hojiilee hojjatamuu qabanii fi haala kamiin hojjatamu akka qaban irratti mariin bal'aan erga taasifameen booda kallattiin kaa'amee jira. Gama biraatiin gabaasni kurmaana 1ffaa bara 2019 dhihaachuun eega irratti marihatamee booda ciminootaa fi hanqinoota jiran adda baasuun ciminoota jiran itti fufsiisuun hanqinoota jiran irratti hojjachuun raawwii caalmaa galmeessisuu akka qabnu irratti waliigaluun, dhumarratti walharkaa fuudhinsi karooraa hogganaa fi abbootii adeemsaa, fi abbooti alangaa jidduutti taasifamuun waltajjichi goolabamee jira.
Haqaan Haqaaf Hojjanna
WAAAMT

Muudama Caasaa haarawaaBiiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa,Kabajamoo Obbo Asladdiin Ahmadnuur Itti gaafatamaa Waajj...
30/09/2026

Muudama Caasaa haarawaa

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa,Kabajamoo Obbo Asladdiin Ahmadnuur Itti gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaa,kabajamoo obbo Ibsaa Aliyyii Itti Aanaa Itti gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baha Oromiyaa taasisuun muudamaa fi ramaddii haarawa kennee jira.
Bara hojii milkii isiniif haa tahu!!

Oolmaa Hubannoo Seeraa.Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Miidhagaa Tolaa gaafa guyyaa 12/01/2019 Aanaa miidhagaa Tolaa  walt...
22/09/2026

Oolmaa Hubannoo Seeraa.
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Miidhagaa Tolaa gaafa guyyaa 12/01/2019 Aanaa miidhagaa Tolaa waltajjii ummata iddoo adda aaddaatti taasifamana irratti argamuun hubannoo seeraa dhimmoota.
1. Yakka namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa biyyaa nama ceesisuu
2. Yakkoota daa'immanii fi dubartoota irratti raawwataman
3. Labsii gibira lafa baadiyyaa fi
4. Ragaa sobaa irratti hubannoo bal'aa kennee jira.
Haqaan Haqaaf Hojjanna.
WAAAMT.

Oolmaa hubannoo SeeraaWaajjirri Abbaa Alangaa aanaa miidhagaa tolaa duula hubannoo seeraa labsame sababeeffachuun hubann...
08/09/2026

Oolmaa hubannoo Seeraa

Waajjirri Abbaa Alangaa aanaa miidhagaa tolaa duula hubannoo seeraa labsame sababeeffachuun hubannoo seeraa kennaa oolee jira. Bu'uruma kanaan magaalaa miidhagaa keessatti iddoo gabaattii fi manneen daldalaa irra deemuun birooshariin deeggaruun hubannoon seeraa daldala seeraan alaa irratti fi dhimmoota qaala'iinsa gabaa waliin wal qabatan irratti kennamee jira.
Haqaan Haqaaf Hojjanna
WAAAMT

Hordoffii fi deeggarsa dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa mootummaa fi ummata. 6ffaa______Waajjirri abbaa alangaa aanaa ...
08/09/2026

Hordoffii fi deeggarsa dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa mootummaa fi ummata. 6ffaa
______
Waajjirri abbaa alangaa aanaa miidhagaa tolaa akkaataa labsii BAAWO Lakk. 214/2011 fi dambii 243/2016 tiin kallattii boorii abbaa alangaa waliigalaa irraa kennameen gaafa guyyaa 02/13/2018 waajjira Fayyaa aanaa miidhagaa tolaatti argamuun hojii hordoffii fi deeggarsaa taasisee jira.

Hordoffii fi deeggarsa taasifame kanaaniins hojii hariiroo hawaasaa dhimmoota dantaa mootummaa fi ummataa waliin wal qabatu irratti bal'inaan erga marihatamee booda ciminaalee fi hanqinaalee jiran adda baasuun ciminaalee itti fufsiisuu fi hanqinaalee jiran ammoo furamuu akka qaban kallatti kaa'uun xumuramee jira.
Haqaan Haqaaf hojjanna
WAAAMT

Hordoffii fi deeggarsa dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa mootummaa fi ummata. 5ffaa______Waajjirri abbaa alangaa aanaa ...
08/09/2026

Hordoffii fi deeggarsa dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa mootummaa fi ummata. 5ffaa
______
Waajjirri abbaa alangaa aanaa miidhagaa tolaa akkaataa labsii BAAWO Lakk. 214/2011 fi dambii 243/2016 tiin kallattii boorii abbaa alangaa waliigalaa irraa kennameen gaafa guyyaa 02/13/2018 waajjira Qonnaa fi horsiisee bulaa aanaa miidhagaa tolaatti argamuun hojii hordoffii fi deeggarsaa taasisee jira.

Hordoffii fi deeggarsa taasifame kanaaniins hojii hariiroo hawaasaa dhimmoota dantaa mootummaa fi ummataa waliin wal qabatu irratti bal'inaan erga marihatamee booda ciminaalee fi hanqinaalee jiran adda baasuun ciminaalee itti fufsiisuu fi hanqinaalee jiran ammoo furamuu akka qaban kallatti kaa'uun xumuramee jira.
Haqaan Haqaaf hojjanna
WAAAMT

Hordoffii fi deeggarsa dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa mootummaa fi ummata. 4ffaa______Waajjirri abbaa alangaa aanaa ...
07/09/2026

Hordoffii fi deeggarsa dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa mootummaa fi ummata. 4ffaa
______
Waajjirri abbaa alangaa aanaa miidhagaa tolaa akkaataa labsii BAAWO Lakk. 214/2011 fi dambii 243/2016 tiin kallattii boorii abbaa alangaa waliigalaa irraa kennameen gaafa guyyaa 02/13/2018 waajjira Galiiwwaanii aanaa miidhagaa tolaatti argamuun hojii hordoffii fi deeggarsaa taasisee jira.

Hordoffii fi deeggarsa taasifame kanaaniins hojii hariiroo hawaasaa dhimmoota dantaa mootummaa fi ummataa haala sassaabbii galii fu gibiraa fi bulchiinsa taaksii fi gibiraafi waliin wal qabatu irratti bal'inaan erga marihatamee booda ciminaalee fi hanqinaalee jiran adda baasuun ciminaalee itti fufsiisuu fi hanqinaalee jiran ammoo furamuu akka qaban kallatti kaa'uun xumuramee jira.
Haqaan Haqaaf hojjanna
WAAAMT

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Miidhagaa Tolaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category