23/11/2025
Yakka Ittisuu Vs Hirmaannaa Hawaasaa
=======================
Galma sirna haqaa yakkaa biyya keenyaa keessaa tokko sirna hirmaannaa hawaasaa ol aanaa ta’e mirkaneessuu akka ta’e imaammata seera yakkaa lakk-1.3(d) jalatti ibsameera. Imaammatichi ittisa yakkaa fi namoota yakka raawwatan gara seeraatti dhiyeessuu irratti hirmaannaan hawaasaa daran kan barbaachisu ta'uu kaa'a. Kunis yakki dantaa hawaasa bal’aa kan miidhu ta'uu isaa fi ittisni yaakkaas hirmaanna hawaasa balla'aa kan gaafatu ta'uun ni hubatama. Dabalataan imaammatni seera yakkaa lakk -3.2. jalatti yakkoota raawwataman gabaasuu fi sirna bulchiinsa haqaa yakkaa keessatti wantoota raawwataman keessatti hawaasni hirmaannaa akka qabaatuuf haalli mijataa uumamuu akka qabu akka qajeeltootti kaa’era.
=======================
Seerri yakkaa biyya keenyaas imaammata kana hojiirra oolchuuf. Namni yakki erga raawwatee booda nama yakka raawwate gargaare haalawwan sadiin akka yakka mataa isaa danda’e raawwatetti fudhatamee adabama.
=======================
Kuniis Yakka nama yakkaan Himatamuu danda'u dhoksuu fi gargaaruu, Yakka Raawwatame Beeksisuu dhiisuu fi yakka Nama Yakka Raawwatee adabamee miliqsuuti. Yakkoonni kunniin yakka nama biraan raawwate booda yakkaa of danda'anii raawwatamanii dha. Yakkootni kunniin yakki biraan tokko erga raawwatamee booda kan raawwataman waan ta’eef akka hirmaannaa yakkaatti kan fudhataman miti.
=======================.
Yakkota kana yoo ilaale fakkeenyaaf gocha nama yakkaan himatamu dursee akeekkachiisuunis ta’e dhoksuun himatamee akka hin dhiyaanne raawwachuun kan gargaare yoo ta’e keewwata -445 jalatti yakka dhoksuu fi gargaaruutiin itti gaafatamaa akka ta'u tumeera. Kunis nama yakka raawwatee poolisiin ykn qaama seeraan barbaadamaa jiru tokko odeeffannoo kennuudhaan akka miliqu gochuun yakka mataa isaa danda’ee fi yakkaan adabsiisu dha. Akka tumaa seeraa kanaatti yaada nama gocha yakkaan himatamuu danda'u tokko akka seeratti hin dhiyaanne qabaachuun dhoksuun fi gargaaruun yakkaan adabsiisa. Ulaagaan barbaachisu inni gargaarsa kenne nama yakkaan himatamu ta’uu osoo beekuu kan gargaare ta’uu dha.
=======================
Yakka raawwatamuuf jedhu yookaan kan raawwatame qaama dhimmi ilaaluuf gabaasuu ykn beeksisu dha. Inni kun yakka dhimmoota dantaa uummataa fi biyyattii irratti hubaatii olaanaa geessisuu danda’an yookan geessisan ilaalchisee haala dirqisiisaa ta’een lammiileen beeksisuu akka qaban, kana raawwachuu dhabuun immoo mataa isaatiin iyyuu yakka akka ta’e tumameera.
=======================.
Kunis namoota yakka nageenya biyyaa irratti raawwachuuf qophii godhan al kallattiin gargaaruu (Seericha kwt- 254) fi yakkoota raayyaa ittisaa fi dirqamoota loltummaa irratti raawwataman beeksisuu dhabuu (kew-335) mataan isaa yakka of danda'e waan ta'eef kan adabsiisudha. Bu’uura tumaalee kanaan yakkootni adda bahanii ibsaman raawwatamuuf sadarkaa qophii irra kan jiran yoo ta’e illee dirqamni beeksisuu kaa’ameera. Dabalataan dirqamni beeksisuu bu'ura seericha kwt- 443 tiin lammiileen yakkoota ciccimoo raawwataman qaama ilaallatutti beeksisuu akka qabanii fi kana gochuu dhabuun yakka ta’ee kan adabsiisu ta’uu tumameera.
=======================
Inni dhumaa namni kamiyyuu adabbiifi tarkaanfii eeggannoo mana murtiin yakkamaa tokko irratti murtaa’e haala kamiiniyyuu akka hin raawwatamne kan taasise yoo ta'e seera yakka kwt.-460 jalati yakka of danda'e waan ta'eef kan adabsiisu dha.
=======================