Hubannoo waa hunda

Hubannoo waa hunda Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hubannoo waa hunda, Legal Service, awash, Harar.

Qajeeltoowwan bu'uuraa hiikka heeraa Labsii Lkk 252/2015 kwt 12(1,2)(a-f)) jalatti tumaman
1)Ol’aantummaa Heeraa
2)Seera duratti mirga walqixxummaa lammiilee
3)Kabajamuu mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uraa
4)Qoodamaa fi daangeffama aangoo mootummaa

23/08/2026

Garagarummaan namootaan daldaluu (trafficking in persons) fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu (smuggling of migrants) maali ??.

Namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu irratti hiika garagaraatu jira, isa keessaa kan Pirootokoolii Dhaabbata Motummota Gamtoomanii namootan daldalu jedhu irratti tume kwt 3 jalaa yoo ilaallu gochi namoota barbaadan filachuu, keessummeessuu, iddoodhaa gara iddootti sochoosuu, ofitti fudhachuu fi tursiisuudhaantooftaawwwan akka humna fayyadamuu, sodaachisuu, dirqisiisuu, gowwoomsuu, kennaa adda addaa kennuun sossobuun, aangoo ofii ykn saaxilamummaa miidhamtoota too'annoo isaanii jala jiran fayyadamuun miidhamtoota kaayyoo garmalee itti fayyadamuuf oolchuun yakka namootaan daldaluuti jechuun tume jira . Namoota seeraan ala daangaa ceesisuu (smuggling of Persons) dhaaf hiika biyyoonni addunyaa irratti waliigalan pirootokoolii dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan namoota seeraan ala daangaa ceesisuu irratti kenname kwt 3 irra akka hubannutti Namoota Seeraan ala daangaa ceesisuu jechuun, kallattiin ykn al-kallattiin faayidaa maallaqaa ykn faayidaa qabatamaa biroo argachuuf jecha adeemsa namni tokko karaa seeraan alaatiin biyya biroo kan lammummaa irraa
hin qabne ykn keessa jiraachuuf hayyama hin qabne akka seenu taasisuu akka ta'e ni hubanna . Yakkoonni kun yakkoota seerota yakka idil- addunyaa (international criminal law) jalatti beekkamtii argatanii dha. Yakka kana ittisuuf Itoophiyaan Muddee bara 2000tti Konveenshinii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yakkoota gurmaayuun daangaa ceeyanii mallatteessituun ji‟a Waxabajjii bara 2007tti waliigaltee sana raggaasiftee jirti. Ji‟a Caamsaa bara 2012 keessa ammoo Itoophiyaan Pirootokoolii Namoota karaa Lafa, Galaanaa fi Qilleensaan Daangaa Ceesisuu seenuun akkasumas
Pirootokoolii Namootaan Daldaluu, Keessattuu Dubartootaa fi Daa‟immanii Ittisuu, Dhaabsisuu fi Adabuuf Bahe mallattessiteetti. Biyyi keenna Itoophiyaan pirootokoolii namoota karaa lafa, galaanaa fi qilleensaan daangaa ceesisuu ittisuuf bahe fi pirootokoolii yakka namootaan daldaluu, keessattuu dubartootaa fi daa‟immanii ittisuu, dhaabsisuu fi adabuuf bahe ofitti fudhachuun kan raggasiftee walduraa duuban Labsii Lak.736/2012 fi Labsii Lak.737/2012 ture . Biyya keenyatti Labsiin yeroo ammaa dhimma namootaan daldaluu fi namoota seeraan ala daangaa ceesisuu karaa fooyyee qabuun hammatee fi hojiirra jiru labsii lak.1178/2020 dha.

22/08/2026

Qabiyyee Lafaa Maqaa Nama Biroon Galmaa’ee Jiru Irratti Namni Mallaqa/Baasii fi Humna Ofiitiin Ijaarsa Raawwate Mirga Ak...
22/08/2026

Qabiyyee Lafaa Maqaa Nama Biroon Galmaa’ee Jiru Irratti Namni Mallaqa/Baasii fi Humna Ofiitiin Ijaarsa Raawwate Mirga Akkamii Qaba? Burjaajjii Hubannoo Bal’aa Gama Kanaan Jiru; Ejjannoo Dh Ijb MMWF fi Mana Maree Federeshiinii Waliin
====================================
Seerota Rogummaa Qaban Jedhamanii Ilaalamuun Hiikkoon Irratti Kennamaa turee fi Hiikkoo Kennamaa Tureefis Bu’ura Ta’an Heera Mootummaa Federaalaa kwt 40(1,2,3,7); SHH kwt 1178, 1179, 1195 fi 1196; Labsii Lafa Baadiyaa fi Labsii Liizii Lafa Magaalaa: Hiikkoo Dh Ijbt MMWF Glm Lkk 30101 ( Jld 6ffaa) fi Glm lkk 38638 (Jld 9ffaa); Hiikkoo Mana Maree Federeeshiinii Glm Lkk 75/11, Glm Lkk 105/15, Glm Lkk 106/15 fi Glm Lkk 150 ta’an irratti kennamanidha.
====================================
Yeroo hedduu Hariiroo diinagdee fi hawaasummaa keessatti namoonni walitti dhufeenya seeraa fi seeraan alas uumuun kan baratame yemmuu ta’u gaafa Waldiddaan uumamu garuu bu’aa akkamii hordofsiisa kan jedhu walxaxaa fi falmisiisaa waan ta’uuf hiikkoo seeraa sababii haqaa fi seeraan deeggarame cimaa barbaada. Kanumaan walqabatee namni lafa maqaa Nama biroon galmaa’ee jiru irratti eeyyama abbaa qabiyyeenis ta’ee ykn eeyyama malee sababa adda addaatiin mana ykn qabeenya dhaabbataa biroo eega horate booda falmiin abbaa qabiyyee yeroo irratti ka’u bal’inaan mul’ata.
Yeroo akkasii falli seeraa kennamuu qabu maaliidha ykn seera kamtu akkamitti hiikamuu qaba kan jedhu irratti burjaajjiin bal’inaan kan jiru ta’uu caalaayyuu Dh Ijb MMWF birattis ta’ee Mana Maree Federeeshiiniitiin ejjannoon qabatamaa ture daddaaqaa fi sirritti ifa kan hintaane akka ture beekamaadha.
Akka waliigalaatti xiinxalli tumaalee seerotaa fi murtiilee Dh Ijbta fi Mana Maree Federeeshiinii tokko tokkoon yeroo adda addaatti Ogeeyyii adda addaan taasifamuun karaa sab-qunnamtiiwwan hawaasummaa adda addaa qoodamaa kan ture waan ta’ee burjaajjii turee fi cuunfaa ejjannoo Dh Ijb MMWF, ejjannoo Mana Maree Federeeshii fi hiikkoo seeraa ammatti burjaajjii ture hambisuuf raawwatiinsa qabu qofa akka itti aanutti gabaabinaan dhiyeessuuf yaalamee jira.
Qabxii ijoo olitti ibsame ilaalchisee namni qabiyyee lafaa nama biroon galmaa’ee jiru irratti ijaarsa raawwate (mana ykn qabeenya dhaabbataa biroo) yeroo abbaa qabiyyeetiin falmiin irratti ka’e fala maalii qaba kan jedhu irratti burjaajjiin kan ture yoo ta’u innis gama tokkoon eeyyama abbaa qabiyyee malee kan ijaare yoo ta’e diiggatee kaafachuu akka qabuu fi eeyyamaan ykn mormii malee kan ijaare yoo ta’e laficharratti abbaa mirgaa akka ta’u SHH kwt 1178-1180 bu’ura gochuun ogeessonni hedduu akka falmanii fi Manneen Murtii sadarkaa adda addaatiis , Naannoo kaasee hanga Federaalaatti, haaluma kanaan murtii kennaa turuu isaanii qabatamni hojii jiru niagarsiisa. Gama biraan mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa kan mootummaa fi ummataa ta’uun Heera Mootummaa kwt 40(3,4) jalatti tumamuu ibsuudhaan SHH kwt 1178-1180 raawwatiinsa kan hinqabne ta’uu ogeessonni falmanis ta’ee Manneen Murtii haala kanaan hiikkoo kennaa jiranis hedduudha.
Kana malees Lafa Magaalaa fi Baadiyaa adda addatti ilaaluun ijaarsi lafa Nama biroo irratti kan raawwatame Lafa magaalaa yoo ta’ee fi mormii malee kan ijaarame yoo ta’e namni qabeenyichi baasii/mallaqa ofiin mormii malee horate akkaataa SHH kwt 1179n mirga akka qabaatuu garuu Lafa Baadiyaa yoo ta’e raawwatiinsa kan hinqabnee fi diiggatee gad-dhiisuu akka qabutti hiikkoo kennamaa ture darbee darbee akka jirus qabatama jira irraa nihubatama.

Burjaajjii olitti ibsame kana qulqulleessuun hiikkoo seeraa Ifaa fi kallattii walfakkaataa kaahuu danda’u kennuu irratti Dh Ijb MMWF yeroo adda addaatti ejjannoo garaagaraa fi daddaaqaa agarsiisuu kan ture ta’us dhuma irratti mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa kan mootummaa fi ummataa ta’uu, namoonni dhuunfaa mirga abbaa qabiyyummaa qofa qabaachuu, ragaa abbaa qabiyyummaa qabaachuun qofas qabeenya mormii malee lafa isaa irratti baasii/mallaqaa fi humna nama biroon horatame irratti abbaa mirgaa kan hintaasifne ta’uu fi namni mormii malee lafa nama biroon galmaa’e irratti humnaa fi mallaqa ofiitiin qabeenya horate sababuma qabeenyicha mormii malee irratti horateen qofa laficha irratti mirga akka argatu glme Lkk 30101 fi akkasumas glm Lkk 36638 ta’e irratti hiikkoo kennee ture glme Lkk 146804 ta’erratti cimsuun murteessee jira.

Manni Maree Federeeshiinii gama isaan glm Lkk 150 ta’erratti murtii gaafa 29/10/2018 kenne keessatti ejjannoo Ifa ta’e qabachuun hiikkoo waalta’ee kallattii kaahuu danda’uu fi burjaajjii ture dhiphisuu danda’u kennee jira ( haqummaan isaa falmisiisaa ta’uun akkuma jirutti ta’ee). Haaluma kanaan 1) mirgi abbaa qabeenyummaa Lafa magaalaas ta’ee Baadiyaa kan ummataa fi mootummaa ta’uu fi namni dhuunfaa mirga abbaa qabiyummaa fi Ittifayyadama qofa kan qabu ta’uu Heera Mootummaa kwt 40(1,2,3,4,7) jalatti tumamuu isaa, 2) mirgi abbaa qabiyummaa fi itti fayyadamaa kan argamu immoo karaalee labsiilee Lafa magaalaa fi Baadiyaa keessatti ibsaman qofa ta’uu fi innis mootummaa irraa horatan ykn liiziin, maatii irraa dhaalaan ykn kennaan qofa mirgi abbaa qabiyyummaa lafaa kan argamu ta’uu isaa, 3) namni qaama aangoo qabu biratti dursee galmeeffachuun ragaan abbaan qabiyummaa kennameef akkaataa SHH kwt 1195tin abbaa qabiyyee seera qabeessa ta’uu fi karaa seeraan ifatti tumameen ala buqqa’uu irraa eegumsa heeraa kan qabu akka ta’e bal’inaan xiinxaluun ibsee jira.
Akkasumas 4) namni mormii malee qabiyyee nama biroon galmaa’e irratti baasii ofiin qabeenya horate akkaataa SHH kwt 1179-1180tiin tilmaama baasii ijaarsaa baase ykn gatii qabeenya horatee gaafachuu irraan kan hafe sababa mormii malee qabeenya laficha irratti horateef lafa nama biroon galmaa’ee jiru irratti mirga abbaa qabiyyummaa argachuun faallaa heeraa akka ta’ee fi ragaan abbaa qabiyyummaa lafichaarratti dursee kennames haalota addaa seeraan tumamaaniin hanga hinfashalaa’initti ragaa gahaa fi Sasha akka ta’e SHH kwt 1195 fi 1196 caqasuun murteessee jira.
Akka waliigalaatti ejjannoo fi kallaattiin hiikkoo Mana Maree Federeeshiinii kun eeyyama malee namni lafa nama biroo irratti qabeenya horate baasii ofiin diiggatee kaafachuu akka qabu, eeyyama abbaa qabiyyeetiin ykn mormii isaa malee kan horate yoo ta’e tilmaama baasii ijaarsaa ykn gatii qabeenyichaa qofa gaafachuuf mirga kan qabu ta’uu fi namni dursee laficha irratti mirga abbaa qabiyyummaa galmeessifachuun ragaa abbaa qabiyummaa qabu yoomiiyyuu mirga dursaa fi buqqa’uu dhabuu kan qabu akka ta’e kan akeekuudha.

Abbaa Warraa fi Haati Warraa sababa hojiif iddoo Garaagaraa Yoo jiraatan, jijjiiraadhaan akka walbiratti Jijjiiramaniif ...
20/08/2026

Abbaa Warraa fi Haati Warraa sababa hojiif iddoo Garaagaraa Yoo jiraatan, jijjiiraadhaan akka walbiratti Jijjiiramaniif Seerri akka isaan Deeggaru beektuu?

Heerri biyya keenyaa, seeronni maatii fi Seerri hojjataa fi hojjachiisaa, Maatiif eegumsa addaa taasisu. Dhimma kana Heera Mootummaa, Labsii Hojjataa fi Hojjachiisaa Akkasumas Qajeelfama raawwii hoggansa qabeenya namaa manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin fooyyeessuuf bahe qajeelfama lakkofsa 24/2015, fi Labsii Hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakk 215/2011 Wajjin Wal bira qabnee ilaalla.

Akkaataa Heera Mootummaa Federaalaa Dimookiraatawaa Rippablikaa kan biyya keenyaa Keewwata 34 (3) jalatti tumee akka jirutti; maatiin ka'umsa bu'uura uumama Hawaasaa waan ta'eef Mootummaa fi uummata irraa Eegumsa fi kunuuumsa addaa argachuu qaba jechuun tumee jira.
Dabalataan, Seera maatii Naannoo Keenyaa Keewwata 60 jalatti tumamee akka jirutti immoo; Abbaa warraa fi haati warraa waliin jiraachuuf akka dirqamanii fi walqunnamtii saalaa gaa'ela keessatti barbaachisaa tahe akka raawwachuu qaban ni tuma.

Labsii Hoojjettota Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakkoofsa 215/2011 Keewwata 28/4 jalatti immoo Abbaa warraa fi haadha warraa walitti fiduuf jecha, hojjetaa mootummaa tokko sadarkaa fi mindaa walfakkaataa irratti yookiin sadarkaa fi mindaan walfakkaataan yoo hin argamne ammoo waliigaltee hojjetichaan sadarkaa gadi aanaa irratti jijjiiruudhaan hojjechiisuun ni danda’ama jechuun kan tumee Jiru yo tahu.

Qajeelfama raawwii hoggansa qabeenya namaa manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin fooyyeessuuf bahe lakkoysa 24/2015 Keewwata 135 jalatti immoo
135. Dorgommii Jijjürraa Hunda Keessatti Deeggarsa Dabalataa Hojjettoota Mootummaa Sababa Gaa'ilaatiif Taasifamu
1. Hojjettoota mootummaa abbaa warraa fi haadha warraa ragaa fuudhaa fi heerumaa qabaachuun isaanii mirkanaa'e, dorgommii jijiirraa bahu irratti yeroo dorgoman qabxii argatan irratti qabxiin 5 ida'ameefi qabxii walii galaan dorgomtoota abbaa warraa fi haadha warraa hin taane waliin qabxi walqixa yoo argatan dursi dorgomtoota abbaa warraa fi haadha warraaf kan kennamu ta'a.
2. Jijiirraa gaggeeffamu keessatti dorgomtootni abbaa warraa fi haadha warraa ragaa fuudhaa fi heerumaa dhiyeeffachuun dorgoman baayinni isaanii lamaa fi sanaa ol ta'ee fi qabxii wal-qixa ta'e yoo argatan wal-duraa duubaan muuxannoo hojii waliigalaa, sadarkaa barnootaa, qabxii qormaata gahumsaan argataniin caalmaa gabaniin kan adda
bahan ta'a.
3. Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta'ee, dorgomtootni abbaa warraa fi haadha waraan waldorgoman lamaa fi sana ol yoo ta'anii fi gabxii keewwata 2 jalatti ibsameen adda baasuun kan hin danda'amne yoo ta'e, carraa buusuudhaan moo'ataan kan adda bahu ta'a.

Xumura irratti qaamni kamuu hanga danda'ametti Abbaa warraa fi haadha warraa sababa hojiif iddoo adda addaa jiran akka walbira dhufan hoojjechuun dirqama seeraa fi Heera biyya keenyaan tumamee tahuu beekee gahee isaan irraa eegamu bahee, Namoota rakkoo akka kanaa qabaniif deeggarsa taasisaa.
Yaadaa fi gaaffii yoo qabaattan;
Comment, Share godhaa.



Galatoomaa

KAARTAA LAFAA DHABUUN (SANADA) MIRGA BEENYAA NI DHABSIISAA? 🏛️RAGAA SANADAA  KAARTAA LAFAA  DHABAMUUN  MIRGA BEENYAA NI ...
20/08/2026

KAARTAA LAFAA DHABUUN (SANADA) MIRGA BEENYAA NI DHABSIISAA?

🏛️RAGAA SANADAA KAARTAA LAFAA DHABAMUUN MIRGA BEENYAA NI DHABSIISAA? IRRATTI TUMAA SEERAA FI MURTII MMWFDHI⚖️
Namoonni baay’een, "Yoo kaartaa hin qabne mootumman ykn misoomaan yoo na kaase beenyaa hin argadhu, harka qullaan baha" jedhanii sodaatu 😟 Garuu Dhugaan jiru hoo akkamii? 🤔

Murtii dirqisiisaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa (Dhaddacha Ijibbaataa) Galmee Lakk ✨ 198400 irratti kenname irraa barumsa dhimma kanaan wal qabatu akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessina 📝

🔍 DHIMMICHI MAAL TURE? 🧐
Abbaan dhimmaa (iyyataan) magaalaa Jimmaa keessatti qabiyyee waggoota dheeraaf irra turan qabu 🏘️ Bulchiinsi magaalichaa garuu, "Misoomaaf barbaadama, garuu kaartaa waan hin qabneef beenyaa malee ka'uu qabdu" jedheen 🚫 Manneen murtii jalaas murtii bulchiinsaa kana deeggaranii turan 🏛️

Garuu Dhaddachi Ijibbaataa (Sabbar) murtii kana diiguun qajeelfama seeraa armaan gadii teessiseera ⚖️

⚖️ QABXIIWWAN MURTII KANA IRRAA BARANNU: 📚

1️⃣ Heera Mootummaa fi Mirga Abbaa Qabeenyummaa 🇪🇹

Akka Heera Mootummaa keeyyata 40(1) fi (7) tti, lammiin kamiyyuu qabeenya humna ykn maallaqa isaatiin uummate irratti mirga guutuu qaba ✅ Mootummaan faayidaa uummataaf qabeenya dhuunfaa yeroo fudhatu, beenyaa madaalawaa duraan dursee kaffaluuf dirqama qaba 💰
2️⃣ Sanada (Kaartaa) Dhabuun Mirga ni Dhabsiisaa? 📜

Namni tokko qabiyyee isaa irratti yeroo dheeraaf jiraachuu isaa utuu beekamu, sababa hojmaata bulchiinsaa ykn kaartaan yeroon kennamuufii dhabuutiin, "Sanada hin qabdu" jedhanii beenyaa malee buqqisuun seeraan ala

❌ "Kaartaan ragaa qabiyyeeti malee, Ofii. isaatti qabiyyee miti!" 💡

3️⃣ Mirga Qabiyyee fi Sanada Mirkaneessaa (Form vs. Substance) 📑
Murtii kanaan kan mirkanaa’e, kaartaan ykn deebitarri qabiyyee tokkoo ragaa mirga qabiyyee sanaa ti malee, mirga qabiyyichaa ofii isaa miti ✨
🤝

🔊 Mirgi qabiyyee: Akka Heera Mootummaa keeyyata 40(7) tti, lammiin tokko humnaa fi maallaqa isaatiin qabeenya lafa irratti uummate irratti mirga abbaa qabeenyummaa qaba.
📢 Sanada (Kaartaa): Kun meeshaa bulchiinsi mirga saniif ittiin beekamtii kennanuudha.

👉 Yaada Bu’uuraa: Namni tokko sababa kaartaa hin qabneef qofa, qabeenya waggaa 20 ykn 30 irratti gube sana beenyaa malee dhabuu hin qabu. Dhabamuun kaartaa mirga qabiyyee sanaa ni dhabsiisa jechuun Heera Mootummaa faallessuu dha.

4️⃣ Dirqama "Duraan Dursee Qulqulleessuu" Bulchiinsaa
Murtii kanaan manneen murtii fi bulchiinsi dhimma tokko akka hubatan dirqamni itti kennameera. Bulchiinsi Magaalaa tokkoo namni tokko "kaartaa hin qabu" jechuun dura, gaaffiiwwan armaan gadii qulqulleessuu qaba:

👉 Namni kun qabiyyicha yeroo hammamiitiif qabate?

👉 Qabiyyicha akkamitti argate? (Dhaalmayaan, kennaan ykn bittaa duriitiin?)

♻️ Magaalichi yeroo kaartaa kennu sababa maaliitiin namni kun utuu hin argatin hafe? (Hojmaata badaa bulchiinsaa tiin moo dhimma biraatiin?)

🙅 Hubachiisa: Kaartaa dhabuun akka "Ittisaatti (Defense)" tajaajiluun beenyaa kaffaluu dhabuuf sababa hin ta'u.

🗣️ Hiika "Faayidaa Uummataa" fi Mirga Beenyaa💥

Mootumman faayidaa uummataaf jecha lafa fudhachuu ni danda’a. Garuu, kun "Sanad-maleeyyii" (those without formal titles) kan dabalatu ta'uun isaa murtii kanaan mirkanaa’eera.
👋💬 Lafa kaartaa hin qabne irraa namni yeroo buqqa’u, "Sanada hin qabdu" jedhanii harka qullaa geggeessuun mirga namoomaa fi abbaa qabeenyummaa lammiilee sarbuu dha.

🗯️ Beenyaan kaffalamu "Duraan dursee" fi "Madaalawaa" ta’uu qaba.

🥁 Dirqama Bulchiinsaa 📢
Bulchiinsi magaalaa ykn aanaa, qabiyyeen sun kan eenyuu akka ta’e fi yeroo hammamiif akka irra turan qulqulleessee beenyaa malu kaffaluu qaba malee, "Sanada hin qabdu" jedhee beenyaa dhabsiisuuf akka (ittisatti) fayyadamuu hin danda’u.

🛡️ Faayidaan Murtii Kanaa Lammiilee hundi dubbisaa.

Murtiin Dhaddacha Ijibbaataa kun "Precedent" (Murtii dirqisiisaa) dha.                         📣Hiikni isaa:🎤 Manneen Mu...
20/08/2026

Murtiin Dhaddacha Ijibbaataa kun "Precedent" (Murtii dirqisiisaa) dha.
📣Hiikni isaa:
🎤 Manneen Murtii Hundaaf: Manneen murtii naannoo fi federaalaa sadarkaa hundatti argaman murtii kanaan dirqamu.
🎤
↪️ Itti Gaafatamummaa Bulchiinsaa: Bulchiinsi magaalotaa akka fedhanitti lammiilee buqqisuu akka hin dandeenye itti-harkaa qaba.

💡 MAAL HUBANNA? (BARUMSA)

Kaartaa dhabuun mirga beenyaa hin dhabsiisu: Yoo qabiyyee kee irratti yeroo dheeraaf jiraattee fi qabeenya irratti horatte, mirgi kee Heeraan eeggamaa dha.

Namni tokko kaartaa hin qabu ta'us, qabiyyeen isaa seeraan kan isa qabsiisu (possessory right) ta'uun isaa yoo mirkanaa'e, mirga beenyaa guutuu qaba.

✅ Wabii Jireenyaa: Murtiin kun namoota magaalaa fi baadiyyaa keessa jiraatanii kaartaa hin qabneef wabii guddaa dha.

📣 Seerri Hundumaaf: Murtiin Dhaddacha Ijibbaataa kun manneen murtii hundaaf dirqisiisaa dha.

🏛️ GOOLABA YAADAA 💡
Yaadni bu’uuraa murtii Dhaddacha Ijibbaataa Galmee Lakk ✨ 198400 irraa hubatamu, kaartaan meeshaa ragaa qofa ta’uu isaati 📜

Namni tokko qabiyyee lafaa seeraan qabate irratti humnaa fi maallaqa isaatiin qabeenya yoo uummate, sanada harkaatti qabaachuu dhabuun isaa mirga beenyaa isa hin dhabsiisu ⚖️
Mootummaan faayidaa uummataaf jecha qabeenya lammiilee yeroo fudhatu, "kaartaa hin qabdu" jedhee beenyaa malee buqqisuun Heera Mootummaa keeyyata ✨ 40(7) waliin kan wal faallessu dha 🚫

🤷Kanaafuu, mirgi beenyaa qabeenya lafa irratti horatamee, ragaa kaartaa qabaachuu ykn dhabuu irratti utuu hin taane, qabiyyicha irratti abbaa qabeenyaa ta’uu mirkaneessuu irratti hunda’a

Komii Jal-murtii Himannaa Hariiroo Hawaasaa Tokko Mormii Sadarkaa Duraan Kufaa Ta’e Irraa Dhiyaatu Irratti Manni Murtii ...
20/08/2026

Komii Jal-murtii Himannaa Hariiroo Hawaasaa Tokko Mormii Sadarkaa Duraan Kufaa Ta’e Irraa Dhiyaatu Irratti Manni Murtii Ol’iyyannoo Dhagahuu Aangoo Akkamii Qaba?
==========================
SDFHH kwt 244(2), 320, 341 fi Murtii Dha Ijbt glme Lkk 163166 ta’erratti (Jld 24) kenname waliin kan ilaalame.
=======================
Himannaan hariiroo hawaasaa kallattiin Mana Murtii Aangoo sadarkaa jalqabaan ykn kallattiin fuudhee ilaaluu qabutti dhiyaatu tokko otuu falmii ijoo dubbii dhimmachaatti hunseenamne gamanumaan sababoota seera garaagaraan kufaa ta’uu nidanda’a. Sababoota sana keessaa inni bu’uraa fi hedduu beekamaan qabxiilee mormii sadarkaa duraa jedhamanii SDFHH kwt 244(2) jalatti tarreeffaman yemmuu ta’an isaanis: Manni murtii himannaan kallattiin itti dhiyaate dhimmicha ilaaluuf aangoo kan hinqabne ta’uu, darbiinsa yeroon kan daangeffame ykn kanaan dura murtii dhumaa kan argate ykn araaraan kan xumuramee fi kkf dha.
Qabxiilee kana akkuma haala isaaniitti himatamaan deebii isaatiin kaasuu muraasa isaanii immoo Manni murtii ofumaa isaa kaasuun (fkn aangoo kan hinqabne ta’uu) himannaa dhiyaate jal-murtiishaan kufaa gochuu nidanda’a.
Haata’u malee himataan mormii sadarkaa duraan himannichi kufaa ta’uun dogongora jedhee jal-murticha irra Mana Murtii Ol’iyyata dhagahutti komii dhiyeeffachuu akka danda’u SDFHH kwt 320 jalatti tumamee waan jiruuf Manni Murtii Ol’iyyannoo komii itti dhiyaate dhimmicha ilaaluun himannaan himataa mormii sadarkaa duraan kufaa ta’uun digongora yoo jedhe jal-murticha diiguun akkuma haala isaatti ijoo dubbii matti seenee murteessuu akka danda’uu fi ykn Manni Murtii jalaa ijoo dubbiitti seenee dhagahee akka murtii kennu qajeelfamaan dhimmicha itti deebisuu akka danda’u SDFHH kwt 341 jalatti tumamee argama.
Tumaa SDFHH kwt 341 kana ilaalchisee Manni Murtii Ol’iyyannoo dhimmicha ijoo dubbiitti seenee ofii isaa murteessuun sababoota gurguddoo lamaaf dogongora akka ta’e ogeessonni hedduun yeroo dheeraaf qeeqaa kan turan yemmuu ta’u Dh Ijbt MMWFtis sababootuma kana ibsuun galmee Lkk 163165 (Jld 24) irratti hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.
Sababoonni kunis 1) aangoon mana murtii ol’iyyannoo dhagahuu bu’uratti garagalcha glmee mana murtii jalaa ilaaluun dogongora mana Murtii jalatti raawwatame sirreessuudha malee dhimma ijoo dubbii manni murtii jalaa ilaaluuf carraa hinargatin ykn hinilaalle darbee ofii isaa keessa seenuun (deciding on the issue that the trail court has no chance to see or has not seen at all) ilaalee murteessuun faallaa eegama fi yaadama sirna seera falmii ol’iyyannootidha.
Akkasumas 2) dhimma ijoo dubbii manni murtii jalaa ilaalee hinmurteessinee fi komiin irratti hindhoyaane akka mana murtii jalqaba dhimmichi kallattiin ilaaleetti Manni Murtii Ol’iyyannoo ilaalee murteessuun isaa mirga ol’iyyachuu garee falmiitis kan dhiphisu waan ta’eef Manni Murtii Ol’iyyannoo dhagahu himannaan mormii sadarkaa duraan kufaa hinqabu yoo jedhe jal-murtii himannaan kufaa ittiin ta’e qofa diigee ijoo dubbiitti seenee dhimkicha dhagahee akka murteessu dhimmicha Mana Murtii jalatti qajeelfamaan akkaataa SDFHH kwt 341(1)n gadi-deebisuu qaba jechuun Dhaddachi Ijbt hiikkoo dirqisiisaa glmee Lkk olitti caqafame irratti kennee jira.

18/08/2026

Osoo gaa'ila keessa jiraachuun bu'uura seeraatiin mirkanaa'ee jiruu waraqaa ragaa gaa'ila irraa bilisaa baafachuun mirkanummaa San fashaleessuu kan hin dandeenye ta'uu

‎Maloota BAANKIIN DHALARRAA BILISAA (Islamic Bank) ittiin maallaqa liqeessuu.‎Baankiin Dhalarraa Bilisaa (Islamic Bank)‎...
15/08/2026

‎Maloota BAANKIIN DHALARRAA BILISAA (Islamic Bank) ittiin maallaqa liqeessuu.

‎Baankiin Dhalarraa Bilisaa (Islamic Bank)
‎Akkamitti Bu'aa Argata?

‎Baayʼeen keenya gaaffii kana qabna:

‎👉 Dhalli yoo hin jiraanne, baankichi akkamitti buʼaa argata?

‎Akka amantichaatti dhalli HARAAMA.

‎Kanaafuu,
‎Baankiin Islaamaa karaa HALAAL qofa galii argachuu danda'a.

‎Karaalee HALAAL ta'an kami?

‎1. Daldalarraa Bu'aa Argamu (MURABAHA)

‎Baankichi akka daldalaatti hojjeta.
‎Meeshaa ati barbaaddu baankichi dura ofiisaaf bita,
‎sana booda buʼaa irratti dabalee sitti gurgura.

‎Fakkeenya:

‎Ati konkolaataa barbaadda haa jennu:

‎• Baankichi konkolaataa qarshii miliyoona 2n bita.
‎• Qarshii 200,000 itti dabalee miliyoona 2.2tti sitti gurgura.
‎• Ati ammoo (miliyoona 2.2) kana ji'a jiʼaan kaffalta.

‎Baankichi buʼaa kana gurgurtaarraa argate malee, liqii miti.


‎2. Buʼaa Kiraa/Liizii Irraa Argamu (Ijarah)

‎Baankichi abbaa qabeenyaa taʼa.
‎Meeshaa ykn mana siif bita.
‎Ati itti fayyadamtee kiraa ji'aan kaffalta.

‎Fakkeenya:
‎• Baankiin mana bita.
‎• Ati manicha keessa jiraataa jiʼaan kiraa kaffalta.
‎• Galiin baankichaa kaffaltii kiraa irraa dhufa.


‎3. Waliin Hojjechuu (Partnership)

‎Kun daldala waliiniiti.
‎Baankichi fi maamilli walitti dhufanii invastimantii hojjetu.

‎Inni kun bakka lamatti qoodama👇

‎3.1 MUSHARAKA:
‎Baankichii fi maamilli qarshii walitti buusanii waliin hojjetu.

‎Fakkeenya:
‎• Atiifi Baankiin suuqii tokko bantu.
‎• Qarshiin walakkaan keeti—walakkaa kan baankiiti.
‎• Buʼaa fi kisaaraa argame akka qooda keessaniitti waliin qooddattu.

‎3.2 MUDARABA:
‎Baankiin qarshii (Capital) hojichaaf barbaachisu hunda ni kenna.
‎Maamilichi ammoo daldalicha ogummaa isaatiin geggeessa.

‎Fakkeenya:
‎• Baankiin qarshii (Capital) siif kenna.
‎• Ati ogummaa keetiin hojjettee buʼaa argamsiista.
‎• Buʼaa sana irratti walii galtanii ni qooddattu.


‎4. Kaffaltii Tajaajilaa (Service Fees)

‎Baankichi tajaajiloota dhalaan wal hin qabanne irratti kaffaltii muraasa ni fudhata.

‎Fakkeenya:
‎• Maallaqa dabarsuu (Transfer)
‎• Tajaajila online (Mobile Banking)
‎• Galmeewwan fi tajaajila adda addaa.

‎Gabaabumatti:
‎Baankiin Islaamaa buʼaa kan argatu:

‎* Daldala irraa
‎* Kiraa irraa
‎* Invastimantii irraa
‎* Tajaajila irraa

‎Garuu,
‎Dhala irraa hin argatu.

‎Liqii dhalarraa bilisa jechuun qarshii 100 liqeeffattee 100 deebista jechuu miti.
‎Baankiin kunneen maallaqa callaa (cash) harkatti siif hin liqeessan.

‎Garuu:
‎• Meeshaa ati barbaaddu siif bitanii, bu’a irratti dabalanii sitti gurguru. Ati immoo ji’a ji’aan yookiin akka waliigaltee keessaniitti kaffalta.

‎Yookaan:
‎• Meeshaa ati barbaaddu siif bitanii sitti kireessu… ji’aan ykn akka walii galtee keessanitti bifa kiraatiin kaffalta.

‎Yookaan:
‎• Isaan maallaqa dhiyeessu, ati ammoo ogummaa keetiin hojjattee bu’aa argamu irratti waliin qooddattu.

‎Maloonni birootis ni jiru...

‎Malee, hammuma liqeeffatte deebista jechuu miti.

‎Garaagarummaan isaa, dhalli % dhaan sirratti dabalaa hin deemu...

Adeemsa Waldiddaan Lafa Baadiyaa Naannoo Oromiyaatiin Walqabatee Uumamu Ittiin Furamu: Xiinxala Dhimmaa”Kan olitti warab...
15/08/2026

Adeemsa Waldiddaan Lafa Baadiyaa Naannoo Oromiyaatiin Walqabatee Uumamu Ittiin Furamu: Xiinxala Dhimmaa”

Kan olitti warabbiin dhiyaate mata duree barreeffama (case analysis/comment) qo’annoo Seerota Bulchiinsa Lafa Baadiyaa mootummaa naannoo Oromiyaa fi hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Fedeaalaan galmee Lkk 169648 ta’erratti murtii laateen kennamuun Jiildii 24ffaa keessatti maxxanfamee argamu irratti xiinxala dhimmaa Joornaalii Seeraa Oromiyaatiif obboo Dassaaleny Biraanuutiin gumaachamuun maxxansa 14ffaa Joornaalichaa keessatti maxxanfamedha.
Obboo Dassaaleny Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigalaa fi Inistiitutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaattis leenjisaa beekamaa buleessadha.

Barreeffamichi lafti qabeenya ummataa fi mootummaa ta’uu fi lammiileen dhuunfaa mirga abbaa qabiyyummaa fi itti fayyadamaa qofa kan qaban ta’uun Heera Mootummaa Federaalaa fi kan Naannoo Oromiyaa keessattis imaammata bu’uraa ta’uun kan kan tumame ta’uu isaa, abbaan qabiyyee lafa isaa irraa mirga seeraan ala buqqa’uu dhabuu kan qabu akka ta’ee fi kanaafis eegumsi heeraan kan taasifameef akka ta’e kutaa see sana keessatti gabaabinaan ibsee jira.
Kana malees wldiddaan ittifayyadamaa fi mirga abbaa qabiyyummaa Lafa Baadiyaa irratti naannicha keessatti uumamus kan ittiin furamu sirni seeraa ifaan labsiidhaan diriirfamee kan jiru akka ta’e tumaalee heeraa, Seerota Bulchiinsa fi Ittifayyadamaa mootummaa naannichaa kanaan dura hojii irra turan (Labsii Lkk 130/99 fi Dambii Lkk 151/2005) fi akkasumas Labsii Lkk 248/2015 yeroo ammaa hojiii irra jiru caqasuun adeemsa Waldiddaan ittiin furamu ifa ta’e seera baaftuun (caffeen) mootummaa naannichaa kan tume ta’uu isaatis kutaa 2ffaa barreeffamichaa keessatti ka’uun bal’inaan ilaalamee jira.
Akkasumas seenaa dhufaatii fi firiin ijoo dhimma Dhaddachi Ijibbaataa MMWF glme Lkk 169648 irratti ilaalamee gabaabinaan kutaa 3ffaa keessatti kan agarsiifame yoo ta’u inni ijoonis Waldiddaan qabiyyee Lafa Baadiyaa ilaalchisee iyyataa fi waamamtoota giddutti naannicha keessatti ka’ee ture mana Murtii Aanaatti jalqaba dhiyaachuun akkaataa Labsii Lkk 130/99 yeroo sana hojii irra tureetti kwt 16n dursee jaarsolii araaraan gandarratti ilaalamu malee kallattiin mana murtiitti dhiyaachuu hinqabu jedhamee kufaa ta’uun murtaa’uudhaan Manneen Murtii Naannichaa sadarkaan jiranittis ol’iyyannoo fi Ijibbaataan ilaalamee eega cime booda dhaddacha ijibbaataa MMWFtti immoo jaarsummaan filannoodha malee dirqama miti jechuun murtii Manneen Murtii Naannichaa diigee falmiin Waldiddaa Lafa Baadiyaa irratti ka’u kallattiin mana Murtiitti dhiyaachuu akka danda’u murteessuu isaa barreeffamichi kutaa 3ffaa keessatti ibsee jira.
Gama biraan aangoo seera baasuu, seera hiikuu fi seera raawwachiisuu mootummaa Federaalaa fi naannooleef adda addaan heericha kwt 51 fi 52 jalatti kan qooda me akka ta’ee fi bu’uruma kanaan mootummaan naannoleetis dhimmoota heericha kwt 52(2(d)) jalatti Lafa ilaalchisee seera baasuu aangoo kennameefitti fayyadamuun mootummaan Naannoo Oromiyaa Labsii Durant Lkk 130/99 kwt 16 jalatti fi dambii labsicha raawwachiisuuf bahe kwt 18 jalatti waldiddaan Lafa baadiyaan walqabatee naannicha keessattiwka’u jalqaba gandarratti jaarsummaan dursee ilaalamuu akka qabuu fi adeemsa kana malee kallattiin mana murtiitti dhiyaachuu akka hinqabne mootummaan naannichaa tumachuu isaa barreeffamichi kutaa 4ffaa keessatti bal’inaan eega xiinxale booda dhumarrattis hiikkoon dhaddacha ijibbaataa MMWFn dhimma glme olitti caqame irratti kenname faallaa heeraa fi Labsii caffeen naannichaa baafatee ta’uu irra darbee birkaddummaa aangoo seera baafachuu mootummaa naannichaaf heeraan kennameef kan cabse ta’uu isaa guduunfaa waliigalaan goolabee jira.

Address

Awash
Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hubannoo waa hunda posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category