22/08/2026
Qabiyyee Lafaa Maqaa Nama Biroon Galmaa’ee Jiru Irratti Namni Mallaqa/Baasii fi Humna Ofiitiin Ijaarsa Raawwate Mirga Akkamii Qaba? Burjaajjii Hubannoo Bal’aa Gama Kanaan Jiru; Ejjannoo Dh Ijb MMWF fi Mana Maree Federeshiinii Waliin
====================================
Seerota Rogummaa Qaban Jedhamanii Ilaalamuun Hiikkoon Irratti Kennamaa turee fi Hiikkoo Kennamaa Tureefis Bu’ura Ta’an Heera Mootummaa Federaalaa kwt 40(1,2,3,7); SHH kwt 1178, 1179, 1195 fi 1196; Labsii Lafa Baadiyaa fi Labsii Liizii Lafa Magaalaa: Hiikkoo Dh Ijbt MMWF Glm Lkk 30101 ( Jld 6ffaa) fi Glm lkk 38638 (Jld 9ffaa); Hiikkoo Mana Maree Federeeshiinii Glm Lkk 75/11, Glm Lkk 105/15, Glm Lkk 106/15 fi Glm Lkk 150 ta’an irratti kennamanidha.
====================================
Yeroo hedduu Hariiroo diinagdee fi hawaasummaa keessatti namoonni walitti dhufeenya seeraa fi seeraan alas uumuun kan baratame yemmuu ta’u gaafa Waldiddaan uumamu garuu bu’aa akkamii hordofsiisa kan jedhu walxaxaa fi falmisiisaa waan ta’uuf hiikkoo seeraa sababii haqaa fi seeraan deeggarame cimaa barbaada. Kanumaan walqabatee namni lafa maqaa Nama biroon galmaa’ee jiru irratti eeyyama abbaa qabiyyeenis ta’ee ykn eeyyama malee sababa adda addaatiin mana ykn qabeenya dhaabbataa biroo eega horate booda falmiin abbaa qabiyyee yeroo irratti ka’u bal’inaan mul’ata.
Yeroo akkasii falli seeraa kennamuu qabu maaliidha ykn seera kamtu akkamitti hiikamuu qaba kan jedhu irratti burjaajjiin bal’inaan kan jiru ta’uu caalaayyuu Dh Ijb MMWF birattis ta’ee Mana Maree Federeeshiiniitiin ejjannoon qabatamaa ture daddaaqaa fi sirritti ifa kan hintaane akka ture beekamaadha.
Akka waliigalaatti xiinxalli tumaalee seerotaa fi murtiilee Dh Ijbta fi Mana Maree Federeeshiinii tokko tokkoon yeroo adda addaatti Ogeeyyii adda addaan taasifamuun karaa sab-qunnamtiiwwan hawaasummaa adda addaa qoodamaa kan ture waan ta’ee burjaajjii turee fi cuunfaa ejjannoo Dh Ijb MMWF, ejjannoo Mana Maree Federeeshii fi hiikkoo seeraa ammatti burjaajjii ture hambisuuf raawwatiinsa qabu qofa akka itti aanutti gabaabinaan dhiyeessuuf yaalamee jira.
Qabxii ijoo olitti ibsame ilaalchisee namni qabiyyee lafaa nama biroon galmaa’ee jiru irratti ijaarsa raawwate (mana ykn qabeenya dhaabbataa biroo) yeroo abbaa qabiyyeetiin falmiin irratti ka’e fala maalii qaba kan jedhu irratti burjaajjiin kan ture yoo ta’u innis gama tokkoon eeyyama abbaa qabiyyee malee kan ijaare yoo ta’e diiggatee kaafachuu akka qabuu fi eeyyamaan ykn mormii malee kan ijaare yoo ta’e laficharratti abbaa mirgaa akka ta’u SHH kwt 1178-1180 bu’ura gochuun ogeessonni hedduu akka falmanii fi Manneen Murtii sadarkaa adda addaatiis , Naannoo kaasee hanga Federaalaatti, haaluma kanaan murtii kennaa turuu isaanii qabatamni hojii jiru niagarsiisa. Gama biraan mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa kan mootummaa fi ummataa ta’uun Heera Mootummaa kwt 40(3,4) jalatti tumamuu ibsuudhaan SHH kwt 1178-1180 raawwatiinsa kan hinqabne ta’uu ogeessonni falmanis ta’ee Manneen Murtii haala kanaan hiikkoo kennaa jiranis hedduudha.
Kana malees Lafa Magaalaa fi Baadiyaa adda addatti ilaaluun ijaarsi lafa Nama biroo irratti kan raawwatame Lafa magaalaa yoo ta’ee fi mormii malee kan ijaarame yoo ta’e namni qabeenyichi baasii/mallaqa ofiin mormii malee horate akkaataa SHH kwt 1179n mirga akka qabaatuu garuu Lafa Baadiyaa yoo ta’e raawwatiinsa kan hinqabnee fi diiggatee gad-dhiisuu akka qabutti hiikkoo kennamaa ture darbee darbee akka jirus qabatama jira irraa nihubatama.
Burjaajjii olitti ibsame kana qulqulleessuun hiikkoo seeraa Ifaa fi kallattii walfakkaataa kaahuu danda’u kennuu irratti Dh Ijb MMWF yeroo adda addaatti ejjannoo garaagaraa fi daddaaqaa agarsiisuu kan ture ta’us dhuma irratti mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa kan mootummaa fi ummataa ta’uu, namoonni dhuunfaa mirga abbaa qabiyyummaa qofa qabaachuu, ragaa abbaa qabiyyummaa qabaachuun qofas qabeenya mormii malee lafa isaa irratti baasii/mallaqaa fi humna nama biroon horatame irratti abbaa mirgaa kan hintaasifne ta’uu fi namni mormii malee lafa nama biroon galmaa’e irratti humnaa fi mallaqa ofiitiin qabeenya horate sababuma qabeenyicha mormii malee irratti horateen qofa laficha irratti mirga akka argatu glme Lkk 30101 fi akkasumas glm Lkk 36638 ta’e irratti hiikkoo kennee ture glme Lkk 146804 ta’erratti cimsuun murteessee jira.
Manni Maree Federeeshiinii gama isaan glm Lkk 150 ta’erratti murtii gaafa 29/10/2018 kenne keessatti ejjannoo Ifa ta’e qabachuun hiikkoo waalta’ee kallattii kaahuu danda’uu fi burjaajjii ture dhiphisuu danda’u kennee jira ( haqummaan isaa falmisiisaa ta’uun akkuma jirutti ta’ee). Haaluma kanaan 1) mirgi abbaa qabeenyummaa Lafa magaalaas ta’ee Baadiyaa kan ummataa fi mootummaa ta’uu fi namni dhuunfaa mirga abbaa qabiyummaa fi Ittifayyadama qofa kan qabu ta’uu Heera Mootummaa kwt 40(1,2,3,4,7) jalatti tumamuu isaa, 2) mirgi abbaa qabiyummaa fi itti fayyadamaa kan argamu immoo karaalee labsiilee Lafa magaalaa fi Baadiyaa keessatti ibsaman qofa ta’uu fi innis mootummaa irraa horatan ykn liiziin, maatii irraa dhaalaan ykn kennaan qofa mirgi abbaa qabiyyummaa lafaa kan argamu ta’uu isaa, 3) namni qaama aangoo qabu biratti dursee galmeeffachuun ragaan abbaan qabiyummaa kennameef akkaataa SHH kwt 1195tin abbaa qabiyyee seera qabeessa ta’uu fi karaa seeraan ifatti tumameen ala buqqa’uu irraa eegumsa heeraa kan qabu akka ta’e bal’inaan xiinxaluun ibsee jira.
Akkasumas 4) namni mormii malee qabiyyee nama biroon galmaa’e irratti baasii ofiin qabeenya horate akkaataa SHH kwt 1179-1180tiin tilmaama baasii ijaarsaa baase ykn gatii qabeenya horatee gaafachuu irraan kan hafe sababa mormii malee qabeenya laficha irratti horateef lafa nama biroon galmaa’ee jiru irratti mirga abbaa qabiyyummaa argachuun faallaa heeraa akka ta’ee fi ragaan abbaa qabiyyummaa lafichaarratti dursee kennames haalota addaa seeraan tumamaaniin hanga hinfashalaa’initti ragaa gahaa fi Sasha akka ta’e SHH kwt 1195 fi 1196 caqasuun murteessee jira.
Akka waliigalaatti ejjannoo fi kallaattiin hiikkoo Mana Maree Federeeshiinii kun eeyyama malee namni lafa nama biroo irratti qabeenya horate baasii ofiin diiggatee kaafachuu akka qabu, eeyyama abbaa qabiyyeetiin ykn mormii isaa malee kan horate yoo ta’e tilmaama baasii ijaarsaa ykn gatii qabeenyichaa qofa gaafachuuf mirga kan qabu ta’uu fi namni dursee laficha irratti mirga abbaa qabiyyummaa galmeessifachuun ragaa abbaa qabiyummaa qabu yoomiiyyuu mirga dursaa fi buqqa’uu dhabuu kan qabu akka ta’e kan akeekuudha.