05/10/2026
Yaadachiisa Maamiltoota MMWO hundaaf
----------------------------
(Fulbaana 24,2019 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Komiin oliyyannoo kanaan dura Dhaddachoota Dhaabbii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaaf ergamaa ture hafee jira.Komiin oliyyannoo gaafa 21/1/2019 dura baname hanga xumura argatutti achumatti kan hordofamu ta'ee, komiin ol iyyannoo sana booda dhiyaatu Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaaf ta'ee kan irraa hordofamus Finfinnee Caffee Araara irraayi.
Walumaagalatti, komiin oliyyannoo kanaan dura Mana Murtii Ol'aanaa irraa gara Dhaddachoota Dhaabbiitti ergamaa ture hafee Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaaddacha Giddugaleessatti ergama jechuu dha.Komiin yemmuu barreeffamus 'Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti Dhaddacha Hariiroo Hawaasaa ykn Yakkaa' jedhamee kan barreeffamuu fi teessoon Finfinnee Caffee Araaraa ta'a jechuu dha.
Himannaan kallattii yeroof haaluma duraan waan itti fufuuf jijjiiramni hin jiru.
Oliyyannoonis haaluma kanaan duraan karaa E_Faayilaa kan ergamu dha.Odeeffannoo dabalataa Manneen Murtii keenya sadarkaan jiran kamuu irraa qaamaan argachuun ni danda'ama.
-------------------------------
Daayireektoreetii Keenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa