Dhugaa Media

Call Directions Website Contact the practice

Dhugaa Media Media Post Jabessa integrated Production for the Digitalization Revolution.

23/06/2026
💥🚘Rakkoon Loojestikii Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gursum furame🚘-------------------------------------------------------...
21/06/2026

💥🚘Rakkoon Loojestikii Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gursum furame🚘
------------------------------------------------------------------------------------
❓Ofii Barbaachisummaa Konkolaataan Waajjira Abbaa Alangaaf qabu maali?
👉Waajjirri Abbaa Alangaa qaamoolee mootummaa keessa dhaabbata seera raawwachiisuu yo tahu inniis daantaa mootummaa fi ummataa kabachiisuun haqa mirkaneessuu keessatti dhaabbata gahee olaanaa qabuudha. Gaheen kun hojii waajjira qofa keessatti raawwatamu osoo hin taane, yeroo baay'ee dirree irratti argamuun kan raawwatamudha. Kanaaf, konkolaataan dhimma filannoof dhiyaatu osoo hin taane, hojii Abbaa Alangaa bu'a qabeessa taasisuuf meeshaa hojii murteessaadha.
👉Yakki yoom akka raawwatamu dursee tilmaamuun hin danda'amu. Yeroo yakki ulfaataan raawwatamu, Abbaan Alangaa yeroo gabaabaa keessatti bakka yakki itti raawwatame gahuun haala yakkaa ilaalu, ragaa akka hin badne eeguu, qorannoo seeraan qajeelchuu fi mirga miidhamtoota yakkichaa kabachiisuu qaba. Konkolaataan yoo hin jiraanne, yeroo barbaadamu keessatti bakka ga'uun ni ulfaata; harkifannaan kun ammoo ragaan akka baduu fi haqni akka gufatu taasisa.
👉Kana malees, Aanaaleen hedduun bal'ina lafa guddaa fi gandoota fagoo qabu. Waajjirri Abbaa Alangaa ummata hunda bira gahuu, qorannoo yakkaa hordofuu, mana murtii, buufata poolisii fi qaamolee haqaa biroo waliin walitti dhufeenya hojii cimaa qabaachuu qaba. Akkasumas ummanni mirgaa fi dirqama seeraan isaaniif kenname beeke dirqama isaas akka bahatu mirga isaas kabajuun kan nama biroos akka kabajuufi Yakka ittisuu fi nageenya fi tasgabbii hawaasaaf hubannoo seeraa Ummata hundaaf kennuun barbaachisaasha Kun immoo rakkoon Loojestikii yo jiraatte hubannoo Seeraa hawaasa biraan gahuun ni ulfaata. Konkolaataa malee hojiiwwan kunneen saffisaa, bu'a qabeessaa fi qulqullinaan raawwachuun baay'ee ulfaata.
👉Kanaaf, konkolaataan Waajjira Abbaa Alangaaf kennamu Waajjira qofaaf osoo hin taane, ummataaf tajaajila haqaa saffisaa, si'ataa fi bu'a qabeessa qabu

08/05/2026

Address

Harar, Hararghe , Haramaya
Dire Dawa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhugaa Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dhugaa Media:

Shortcuts

Share