Dirree Haqaa

Dirree Haqaa One day you may say OK!!

26/01/2026
Manni barumsaa maqaa Harmee Prf. Gabbisaa Ejjetaan mogga'e eebbifamee jira.Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafootti Man...
26/01/2026

Manni barumsaa maqaa Harmee Prf. Gabbisaa Ejjetaan mogga'e eebbifamee jira.

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafootti Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Yaadannoo Harmee Looret Pirofeeser Gabbisaa Ejjetaa 'Mootuu Ayyaanoo’ jedhuun moggaafame eebbifamee jira.

Manni barumsaa sadarkaa lammaffaa maqaa harmee pirofeeser Gabbisaa Ejjetaan moggaafame kun birrii miiliyoona 60 oliin kan ijaarame tahuun isaa ibsamee jira.

Pirofeesar Gabbisaan gama isaaniitiin ammoo dhaloonni barumsarratti xiyyeeffachu akka qaban dhaamani kan jiru yemmu tahu, manni barumsaa kun maqaa harmee isaaniitiin moggaafamuti gammadanii jiraachu ibsanii jiru.

Pirof. Gabbisaa Ejjetaa ALI bara 1950 qe’ee baadiyyaa Holonkomii jedhamutti dhalatanii kan guddatan hoggu tahu, hayyichi kun shanyii bishingaa diqaalome kan hongeefi waagii hamaa dandamatu qorannoon argatanii turan.

Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa shanyii Bishingaa diqaalome argachu isaaniitiin badhaasa Nyaataa Addunyaa (World Food Prize) bara 2009 ti badhaafamanii jiru.

Pirofeesarichi seena jireenya isaanii keessatti namoonni kallattiin jireenya isaanii akka jijjiiramuuf dhiibaa taasisaa turan hedduun jiraatanis garuu qoonni harmee isaanii adda duree akka tahe yeroo gara garaati ibsanii turan.

Hawaasni naannichaa Manni barumsaa ammayya'aan qulqullina qabuufi sadarkaa isaa eeggate ijaaramuufitti haalaan gammadanii kan jiran tahu himanii jiru.

25/01/2026
25/01/2026

Shan daddaaqaa Shan Dandeenyee, Akka waaqaaf har'a geenyee !!!

25/01/2026

suuta yoo deeman qoreen suuta nama waraanti!!

ABUT haqamuun isaa “waliigaltee Piriitooriyaa kan cabsudha” jechuun Gamtaan Afrikaatti iyyateOduu Waliif ( Caamsaa 16/20...
16/05/2025

ABUT haqamuun isaa “waliigaltee Piriitooriyaa kan cabsudha” jechuun Gamtaan Afrikaatti iyyate

Oduu Waliif ( Caamsaa 16/2025) Finfinnee

Dura taa’aan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) Dabratsiyoon Gabramikaa’el Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beekamtii seera qabeessummaa ABUT haquun isaa “waliigaltee Piriitooriyaa bara 2022 mallatteeffame kan cabsudha” jechuun Gamtaan_Afrikaa akka gidduu seenu iyyataniiru.

Dabratsiyoon xalayaa Caamsaa 15 Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yuusuufitti barreessaniin gamtichi dhimma kanarratti walgahii paanaalii olaanaa ariifachiisaa akka waamu, dhimmicha ajandaa Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa irratti akka galchu gaafatan.

Akkasumas hanga qajeelfamni Gamtaa Afrikaa sirrii ta’e kennamutti murtee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dabarse akka ugguramuuf gamtichi mootummaan Itoophiyaa irratti dhiibbaa akka godhu gaafataniiru.

Address

Dire Dawa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dirree Haqaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dirree Haqaa:

Share

Category