09/09/2026
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Namoota adaba seeraa jala turan Kuma 2 fi 700 oliif dhiifama godhe.
'OBN Cyber Media' Qaammee 04,2018
Dhiifamichis Heera Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 57(3)(1) irratti hundaa'uun Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif dhihaatee sirreeffamtootni seeraa gocha yakkaatiin himatamanii murtii adabbii argataniif dhiifama gochuuf aangoo qabuun hoogganamee dhiifamnii godhamuu Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo ibsan.
Adabamtootni seeraa 2735 dhiifamni godhamuufiis himan.
Caffeen Naannoo Oromiyaas hojii dhiifama kanaaf xiyyeeffannaa kennuun haala raawwii dhiifamaatiif Labsii Sirna Dhiifamaa Lakk. 114/98 kan baase yommuu ta'u, labsii kana bu'uureffachuudhaan Boordiinis hundaa'ee jira.
Boordiichi sirna dhiifamaa haala itti fufiinsa, iftoominaafi ittigaafatamummaa qabuun hojii irra oolchuuf jecha Labsii kana keewwata 6 irratti hundaa'ee Qajeelfama Lakk. 10/2013 baasee hojjetaa kan jiru yommuu ta'u, kaayyoon guddaan isaas nageenyaafi faayidaa uummataa kabachiisuudha.
Bu'uura Qajeelfama Lakk. 10/2013-tiin sirreeffamtoota seeraa dhiifamni ilaallatu keessaa:
Adabbii hidhaa cimaa umurii gutuu kan itti murtaa'e keessaa waggaa 12 fi sanaa ol kan raawwatan,
Yakkoota Ajjeechaa gosa hundaan adabbiin itti murtaa'e keessaa walakkaaa (1/2) fi sanaa ol kan raawwatan,
Adabbii hidhaa salphaa ji'a 3 irraa kaasee hanga hidhaa cimaa waggaa 25 itti murtaa'e keessaa 1/3 fi sanaa ol raawwatan ta'uu qaba.
Kana malees, haala addaatiin sirreeffamtoota ragaa sobaatiin itti murtaa'uu isaa mirkanaa'e, dargaggoota balleessitoota umuriin isaanii waggaa 18 gad ta'ee adabbiisaanii keessaa 1/4 raawwatan, dubartoota daa'imman qabatanii mana sirreessaa jiran yookiin dubartii ulfa taatee ulfi ishee baatii afur fi isaa ol ta'uu ragaan yaalaatiin mirkanaa'ee adabbiin hidhaa itti murtaa'e keessaa 1/4 kan raawwatan dhiifama kana keessatti akka hammataman ibsameera.
Akkasumas, dhiira waggaa 65 fi sana ol, dubartii waggaa 60 fi sanaa ol, akkasumas dhibee (HIV/AIDS fi kaansarii) akkasuumas dhibee sammuu kan qaban ragaa boordii hospitaalaatiin deeggaramee dhiyaachuudhaan haala addaatiin dhiifamaaf calalamee dhihaachuu akka danda'u himameera.
Gama biraatiin, yakkoota bu'uura Heera Mootummaa FDRI fi Naannoo Oromiyaa Kew. 28tiin dhiifama kennisiisu hin dandeenye raawwatanii kan adabaman, murtii du'aatiin kan adabaman, dhiifamaan erga bahanii booda yakka kamiyyuu kan raawwatan, sirreeffamtoota seeraa deddeebi'oo (recidivist) ta'an, yakkoota ulfaatoo akka butii, dirqiisiisanii gudeeduu, saamicha hanna, ragaa sobaa, malaammaltummaa, shororkeessummaa, daldala meeshaa waraanaa fi yakkoota bu'uuraalee misoomaa irratti raawwataman dhiifamni kun akka hin ilaallanne ibsameera.
Haaluma kanaan, sirreeffamtoota seeraa dhiifamni akka taasifamuuf yaadni Boordiidhaaf dhiyaate waliigalaan dhiira 2518 fi dubartoota 217 walitti qabaatti namoota 2,735 dhiifamni kan godhameef ta'uu Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo ibsan.
Bahaayiluu Geetaachootu gabaase