10/06/2023
Hin heyyamu
Kolleejjii nabii kootii
Isa gaafa ganamaa (A S W)
Asirraa nu leenjisan
Bar rasuulli aalamaa
Iddoo leenjii sahaabaa
Burqaa aalimman hedduu
Iddoo rabbiin jaalatu
Masjida babbareedduu
Dachiinis kan rabbiiti
Uumee namootaf laate
Akka irra jiraatuf
Ilmi namaa qabatee
Kontiraata ta'uusaa
Si namni ma dagatee
Dachiif samii keessatti
Rabbiin wa takka jaje
Dachii masjidaa je'ee
Waame akkaan kabajee
Akka jaalatus himee
Haqa isaa jabeesse
Guyyaatti yeroo shanan
Akka dhaqnu murteesse
Bakka dhugaan himamu
Iddoo wal qixxummaa
Iddoo itti cimu
Gaaddisni tokkummaa
Nu jalaa diddiigu
Kunoo yeroo ammaa
Hin hayyamu ani
Lubbuu koon itti dhabaa
Waan rabbiin kooti jedhe
Eeguu dirqaman qabaa
Jibbaan diinii islaama
Maddi isaa hin qooruu
Aangoo itti kennanii
Diina nurratti sooruu
Kanaaf yeroo eeggatee
Onnee teenna madeessa
Qur'aanaf masjiidarra
Islaamni maal jabeessa
Iddoo hara galfii
Boqonnaa muslimaa
Namni yoo dhiphatu
Masjiduma deemaa
Achitti dagataa
Yaaddofii dararaa
Masjidaaf sagalee
Haa taanu adaraa
Masjida diigan malee
Dachiitu itti dhiphataa
Warra sammuun dhiphaatu
Waan dhiphinaa dubbataa
Haraqee fi biiratu
Masjida rabbii deege
Sareen masjida seene
Qur'aanarra nu fiige
Yaa amiirran islaama
Obsi nu mufachiise
Osoo kaleessa ta'ee
Eenyu rafa gacciisee
Obsis akka qabaa
Waan irratti obsamuu
Obsi hin jiraa kalee
Yoo masjinni diigamu
Kan har'aa kun raajidha
Qur'aannis yo dhiitamuu
Kan dhiitu mo kan laalu
Kan itti gaafatamu
Hin heyyamu an garuu
Ittan shahiida malee
Jireenya tana jibbee
Maali qabrii yoo galee
HIN HAYYAMU