Tajaajila Gorsa Seeraa

Tajaajila Gorsa Seeraa Consultant at Law
Gorsaa Seeraa

06/02/2026

📎 'immanii fi Dargaggoota Gaa'ela Hin Geenye:
📎Daa 'imman:-
1.Daa'imman umuriin isaanii waggaa 9 hin guunne seera yakkaatiin itti gaafatamtoota ta'anii hin lakkaa'aman.
2.Seerri yakkaa daa'imman irratti raawwatiinsa akka hin qabne,seera yakkaa keewwata 52 jalatti ifa taasiseera.
3.Daa'imman yakka yommuu raawwatan maatiin,barsiisonni,bulchitoonni isaanii ykn qaamoleen biroo eeggannoowwan barbaachisaa ta'an ni taasisuuf.
📎 9 hanga 15 jiran:-
1.Ijoolleen umriin isaanii waggaa 9-15 jidduu jiran ga'eessota waliin hin himataman,hin hidhamanis,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 5 fi seera yakkaa keewwata 53(1).
2.Ijoolleen umuriin isaanii waggaa 9-15 guute yakka yommuu raawwatan adabbii fi tarkaanfileen eeggannoo isaan irratti murtaa'an,seera yakkaaa keewwattoota 157 hanga 168 jalatti kanneen tumaman qofaadha.
3.Tumaaleen adabbiilee idilee balleessitoota ga'eessotaaf tumaman raawwattoota yakkaa dargaggootaaf raawwatiinsa hin qaban.
4.Himanni ijoollee umrii waggaa 9-15 ta'an irratti dhihaatu,dhimmichi bakka isaan hin jirretti hin ilaalamu,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 160(1).
5.Sirni kan adeemsifamu bu'uura tumaalee seera deemsa falmii yakkaa keewwata 171 hanga 177 jiraniin ta'uu qaba.
6.Ijoolleen ykn mucaan yakka raawwataniiru yoo jedhame poolisiin,Abbaan Alangaa,abbaan ykn guddisaan Mana Murtii dhihoo jirutti battalumatti qabee dhiheessuu akka qabu,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 172(1) irraa ni hubatama.
7.Nama mucaa Mana Murtii dhiheesse waa'ee yakka mucichi shakkamee fi ragoolee tokko tokkoon akka ibsu Manni Murtii ni ajaja.
8.Dhimmichi iyyannoo dhuunfaan kan dhihaatu yoo ta'e,iyyataan akka dhiheessu ajaja,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 172(2).
9.Haalaa fi akkaataa poolisiin qorannaa raawwatu(gaggeessu) ilaalchisee Manni Murtii qajeelfama kennuu ni danda'a.
10.Haala himannaa idileetiin adda ta'een yakka ijoolleen umrii waggaa 9-15 jiran raawwatan jedhamanii shakkaman irratti Manni Murtii qorannoo keessatti gala.
11.Abbaan Alangaa himannaa akka qopheessu kan ajajamu,himanni dhihaate waggaa 10(kudhan) ol kan adabsiisu yoo ta'e hidhaa cimaa ykn du'aan kan adabsiisu yoo ta'e qofaadha.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 172(3).
12.Akkaataa keewwata 174 jalatti ibsameen Manni Murtii mucichaaf abukaatoo dhaabuu qaba.
13.Manni Murtii himannaa yeroo dhagahu,adeemsa himata idilee dhagahamu haala adda ta'eeniidha,sdfy keewwata 176(2).
14.Bu'uuruma kanaan:
14.1.Wanti mucichi(ijoolleen) dhagahuu hin qabne yoo jiraate,yeroo dhagahaa mucaan kutaa dhaddachaa keessaa akka bahu gochuu qaba,sdfy keewwata 175.
14.2.Falmiin kan dhagahamu dhaddachacufaatiinidhan. Ragoota,maatii ykn guddisaa fi miseensota dhaabbata tola ooltota yoo ta'e malee namni kamiyyuu dhaddacha irra argamuu hin qabu,sdfy keewwata 176(1).
14.3.Abbaan Alangaa argamuu Kan danda'u himanni Mana Murtii Ol'aanaa kan dhagahamu yoo ta'e qofaadha.
14.4.Ragoolee garee lachuu kan qoratu Mana Murtii mataa isaati.Sdfy keewwata 176(5) fi (6).
15.Eeruu yookiin himata dhuunfaa ykn iyyannoo himannaa haala isaatti ijoollee(mucaa) yakka raawwate jedhameef erga dubbifameen booda deebii kennuu akka qabu ni gaafatama,sdfy keewwata 176(3).
16.Himatamaan himata hubatee amanuun isaa ifa ta'ee yoo mul'ate,Manni Murtii battalatti murtii balleessummaa kennuu ni danda'a,sdfy keewwata 176(4).
17.Himatamaan yoo hin amanne ragooleen himata mirkaneessu akka dhihaatan Manni Murtii ni ajaja.Mucaan ykn bakka bu'aan isaa abukaatoon ragaa ittisaa akka waamsifatu gochuu ni danda'a,sdfy keewwata 176(5).
18.Ragoolee garee lameenuu jalqaba Manni Murtii ni qorata.Itti aansuun gareen himatamaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu ni danda'a,sdfy keewwata 176(6).
19.Ragaan dhagahamee erga xumuramee fi gareen himatamaa yaada xumuraa taasiseen booda Manni Murtii murtii ni kenna,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 176(7).

20.Murtiin bu'uura seera kamiitiin akka kenname murtii keessatti ibsamuu qaba.
21.Himatamaan balleessaa ta'ee yoo hin argamne bilisaan gadi lakkifama.
22.Balleessaa yoo ta'e immoo adabbii barsiisu ykn eeggannoon ni murteessa,sdfy keewwata 177(1).
🙏 :
A .Tarkaanfiiwwan daa'imman irratti yeroo fudhatamu,nageenyi daa'immanii dursa ilaalamuu qaba,heera mootummaa keewwata 36(2).
B.Murtii kamiyyurraa nama kamiiyyuu ykn bakka bu'aa waamuu ni danda'a,sdfy keewwata 177(2).
C .Namoonni armaan olitti ibsaman jecha erga kennaniin booda,himatamaa waa'ee adabbii jechaan gaafachuu ni danda'a,sdfy keewwata 177(3).
D .Manni Murtii adabbii erga kenneen booda akkasumas himatamaan ibseen booda amala fuulduraa akka sirreeffatu akeekkachiisuu qaba,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 177(4).
E.Bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 173 jalatti caqafameen yakka cimaa(ol'aanaa) yoo hin raawwanne mucaa balleesse irratti mirga namaa fuulduraaf akka dhabu Manni Murtii murteessuu hin danda'u,sdfy keewwata 177.
F.Manni Murtii,murtii ijoollee gaa'ila hin geenye umrii waggaa 9-15 irratti murteessan ilaalchisee beeksisa baasuun ibsuu hin qabu,sdfy keewwata 179.
G .Mucaan gaa'ela hin geenye balleessaa raawwateef Mana yaalaa fi amala fooyyeessuu(sir
reessuu) adabbii guddisaa yoo irratti murtaa'e akka adabbii yakkaa adabamanitti hin lakkaawaman,sdfy keewwata 169.
📎Balleessaan yoo mirkanaa'e kan irratti murteessan bu'uura keewwattoota 161_173 tiin murtii adabbiilee fi akeekkachiisaawwan jiran qofaadha,Seera yakkaa keewwata 53.
📎Ijoolleen kunniin adabbii ga'eessotaaf(beekaaf) tumamaniin hin adabaman.
📎Manni Murtii yeroo hunda murtii akeekkachiisaa yeroo filatu umrii mucaa balleessaa raawwate,amala,fi haala guddina sammuu fi hamilee isaa bu'uura godhachuudhaan,akkasumas amala gaarii guddisuuf akka ta'u yaaduun qajeelfamuu qaba,seera yakkaa keewwata 54 fi 55.
📎Raawwattoota yakkaa dargaggoota_waggaa 15 ol,waggaa 18 gadi ta'an:- &Raawwatichi yakka yommuu raawwatetti umurii waggaa 15 caalu qabaatee,garuu immoo waggaa 18 kan hin guunne yoo ta'e,dhimmichi kan ilaalamu bu'uura tumaalee idilee seericha keessatti ibsamaniin ta'a.
📎Ta'us,Manni Murtichaa adabbicha kan murteessu haala dubbichaa madaaluun keessumattuu,ha
mma umrii dargaggummaa himatamtichaas irraa'uu kan hin dandeenye ta'uu isaa fi balaafamummaa isaa,carraa amalli isaa fooyya'uu danda'uu kan isa qunnamu ta'uu fi ta'uu dhabuu isaa hubachuun tumaalee idilee adabbii salphisan bu'uura godhatee qabachuun ykn fooyya'aa ta'ee yoo itti mul'ate sirna murtii adabbii addaa yakkamtoota gaa'elaaf hin geenyeef ramadame hordofuunidha,seera yakkaa keewwata 56(2).

 ✍️ Dhiheenya kana miidiyaa hawaasaa gubbatti yeroo garaagaraatti namoonni tokko tokko kabajaa fi ulfina Amantaa nama bi...
29/01/2026


✍️ Dhiheenya kana miidiyaa hawaasaa gubbatti yeroo garaagaraatti namoonni tokko tokko kabajaa fi ulfina Amantaa nama biroo bifa garaagaraan yoo xiqqeessanii fi Arrabsan argaa jirra kuniis yakkaan nama Adabsiisa.
➥ Seera yakkaa Kew. 492 jalatti ulaagaa namoonni amantaa tuqan yakkaan itti adabaman tarreessee jira inniis:-
✔️ Namni kamiyyuu itti yaadee ifatti:
➤ (a) sirna amantaa, adeemsa ayyaaneffannaa yookiin gocha amantii
hayyamame akka hin raawwatamne kan dhorke, kan jeeqe, yookiin kan tuffate yoo ta’e; yookiin
➤ (b) iddoo, fakkii yookiin mi’a sirna amantaaf tajaajilu kan xureesse yoo ta’e;
adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen yookiin hidhaa salphaa waggaa
lama hin caalleen ni adabama.

🔴 Inni biraa seera yakkaa Keewwata 816. Jalatti Haasawaa Amantii Arrabsuufi Salphisuu ilaalchisuun
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewwata 492 fi 493 tiin haala adabsiisuun ala, iddoo ummanni arguufi dhagahuu danda’utti mallattoon yookiin haasawaan amantii, sirna amantii, mallattoolee yookiin tajaajiltoota amantii haala tuffachiisu kan agarsiise, kan arrabse, kan salphise yookiin haala miira yookiin waaqeffannaa nama biroo tuquun kan dubbate yoo ta’e;
adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hin caalleen ni adabama.


✔️ Haasawa jibbinsaa fi daddabarsa odeeffannoo sobaa too’achuu fi to'achuuf labsiin lakk.1185/2012 ifatti bahee hojii irra jira.
Akkuma beekkamu sadarkaa addunyaattis ta’ee haala qabatama biyya keenyaatiin guddina teeknoolojiin wal-qabatee haasawaan jibbinsaa fi daddabarsi odeeffannoo sobaa haalaan dabaluu isaatiin waliin jireenya ummattootaa jeequu bira darbee soodaa nageenya biyyoolessaa ta'ee waan argameef balaa inni fidu kana qolachuuf labsiin lakk.1185/2012 bahuu danda’ee jira.

✔️ Labsii kana keewwata 2(1) jalatti hiikni yeroo itti kennamu haassawa jechuun “jechaan,barreeffamaan,fakkii,bobbocaalee garagaraa fi karaalee kana fakkaatan kan birootiin ergaa dabarsuu jechuudha “jechuun kaa'ee jira. Haasawa jibbinsaa jechuun immoo eenyummaa nama dhuunfaa ykn garee murtaa’ e tokko miidhuuf sabaa,amantii, qomoo,saala yookiin qaama miidhamumma bu’uura godhachuun itti yaadamee miidhaa geessisuuf haasawa godhamu jechuu akka ta'e keewwata 2(2) jalatti taa’ee arganna.
✔️ Odeeffannoo sobaa jechuun immoo odeeffannoo tokko abbaan odeeffannoo sana dabarsu carraa dhugummaa odeffannoo sanaa qulqulleeffachuu osoo qabuu osoo hin qulqulleeffatin odeeffannoo carraan jeequmsa ykn walitti bu’insa kaasuu isaa ol aanaa ta’e daddabarsuu jechuu akka tahe labsii kana keewwata 2(3) irraa hubachuun ni danda’ama.
✔️ Labsii kana keewwata 4 fi 5 irraa akka hubatamutti namni kamuu miidiyaalee ykn maxxansa hawaasummaatiin haasawa jibbinsaa fi odeeffannoo sobaa maxxansuun dhorkaa akka ta'e tumamee .

✔️ Nama dhoorkaawwan kana darbuun haasawa jibbinsaa kana facaase ykn dabarse adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa 2 ykn adabbii maallaqaa qarshii 100,000 hin caalleen akka adabamu keewwata 7(1) irraa hubachuun ni danda’ama. Sababbii haasawaa jibbinsaa dabarfame kanaan nama dhuunfaa ykn garee irratti miidhaan qaqqabe yoo jiraate adabbiin isaa hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga shanii ta'uu akka danda’u keewwata 7(2) jalatti tumameera.

✔️ Yakka odeeffannoo sobaa dabarsuu namni raawwate immoo adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa tokko ykn adabbii maallaqaa qarshii 50,000 hin caalleen kan adabbamu yemmuu ta’u yakka odeeffannoo sobaa kana kan dabarse fuula miidiyaa hawaasaa hordoftoota 5000 ol qabu ykn broadcastiin ykn maxxansa yeroo yeroon bahuun yoo ta’e adabbiin isaa hidhaa salphaa hanga waggaa 3 ykn adabbii maallaqaa hanga qarshii 50,000 ta'uu akka danda’u keewwata 7(3) fi 7(4) irraa hubachuun ni danda’ama.
✔️ Kanaaf haasawa jibbinsaa daddabarsuu fi odeeffannoo tokko dhugummaa isaa osoo hin mirkaneeffatin dabarsuun nageenya ummataa jeequu irraa of haa qusannuun dhaamsa keenya.
✍️ Amanta kamiifuu kabajaa ulfina kennuun dirqama kan walii walii keenya kabajuun dirqama hunda keenyaa haa ta'u

Via~Lawyer Binimos Shemalis

⏹️Seeraan Ala Nama Qabanii Hidhuu, Tursiisuu fi Ugguruun itti gaafatamummaa yakkaa akkamii qaba?   ✅️Seerri Yakkaa FDRE ...
25/01/2026

⏹️Seeraan Ala Nama Qabanii Hidhuu, Tursiisuu fi Ugguruun itti gaafatamummaa yakkaa akkamii qaba?
✅️Seerri Yakkaa FDRE biyya keenyaa Bara 1996 Fooyya'ee Bahe kana irratti maal jedha?

⚖Seerichi Itti gaafatamummaa yakkaa Seeraan Ala Qabanii Ykn Hidhuu, Qabanii Tursiisuu fi Nama Ugguruu akka gadii kanatti tumee jira.
Isaaniis⬇️
1️⃣Karaa Seeraan Ala Taheen Nama Qabuu Yookiin Hidhuu; SY Keewwata 423.
☆Hojjetaan mootummaa kamiyyuu haala seeraan ibsameen ala ykn sirnaafi eeggannoo seeraa osoo hin hordofiin nama biroo qabuun, hidhuun, yookiin haala kamiiniyyuu bilisummaa isaa kan dhabsiise yoo tahe, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleefi adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2️⃣Seeraan Ala Qabanii Tursiisuu Kwt. 585👇
1. Namni kamiyyuu haala faallaa seeraa ta’een yookiin ajaja seera qaabeessa malee nama biroo kan qabe, kan hidhe yookiin hidhamaadha jedhee qabee kan kaaye yookiin haala biroo kamiiniyyuu asiifi achi akka hin deemne bakka tokkotti kan dhoorke ykn bilisummaa isaa kan dhabsiise yoo tahe; hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen ni adabama.
2. Yakkichi kan raawwatame
(a) sobaan dhukkuba sammuu qaba yookiin balaafamaadha jechuun yoo tahe; yookiin
(b) yeroo guyyaa torbaa ol ta’eef yoo tahe; hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
3. Gochichi kan raawwatame mootummaan, jaarmiyaan addunyaalessaa, namni dhuunfaa yookiin jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef hojii tokko yoo raawwate yookiin raawwachuu irraa of qusate malee lubbuu, qaama yookiin bilisummaa nama ugguramee irratti miidhaa cimaan akka gahu yookiin hidhaan akka itti fufu doorsisuun kan ta’e yoo tahe; hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii gahuun ni adabama.
3️⃣Nama Ugguruu SY Keewwata 586.
➡️Namni kamiyyuu nama biroo humnaan ukkaamsuun kan fudhate yoo tahe yookiin gochicha kana kan raawwate doorsisuun, dirqisiisuun, dabaan, gowwomsuun yookiin haala biroo kamiiniyyuu hayyama nama biroo kanaa erga argatee booda yoo tahe; hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni adabama.

Maddii: Fuula Waajjira abbaa Alangaa Aanaa Gurawa

 'U:==============================✅1️⃣.Himatamaan foormii himannaa,bifa, yookiin qabiyyee himannaa mormuun akka mormii s...
21/01/2026

'U:
==============================
✅1️⃣.Himatamaan foormii himannaa,bifa, yookiin qabiyyee himannaa mormuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1).

✔ .Himatamaan foormii fi qabiyyee himannaa irratti mormii dhiheessee Manni Murtii yoo fudhate akka haala dhimmichaatti himanni akka jijjiiramu yookiin akka dabalamu yookiin himannaa haaraa akka qopheessu ajajuu ni danda'a,sdfy keewwata 130(1) fi 119(1).
☑ .Bu'uura Manni Murtii ajajeen Abbaan Alangaa yoo hin raawwanne,himatamaan yeroodhaaf too'annaa jalaa gadi lakkifama,sdfy keewwata 122.
☑ .Himanni Abbaa Alangaa yoo jijjiirame,yoo dabalame yookiin himanni haaraa yeroo dhihaatu Manni Murtii himatamaaf dubbisuun akka hubatu ni taasisa,sdfy keewwata 119(2).
☑ .Itti aansuunis himata jijjiirame,dabalame ykn haaraa banamee dhihaateef himatamaan dhagahuuf qophii ta'uu fi dhiisuu Manni Murtii himatamaa gaafachuu qaba,sdfy keewwata 120(1).
☑ .Akkuma himanni himatamaaf qaqqabeen battalumatti himata dhagahuu yoo itti fufe mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta'ee Mana Murtiitiif yoo mul'ate dhimmicha dhagahuu itti fufa.
☑ .Manni Murtii dhimma battalumatti itti fufuun mirga ofirraa ittisuu kan himatamaa yookiin haala himannaa Abbaa Alangaa jijjiiru ta'ee yoo argame garuu,himata dhagahuuf beellama biraa kennuu qaba,sdfy keewwata 120(3).
✅2️⃣.Himatamaan darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.Himanni Abbaa Alangaa darbiinsa yerootiin kan daangeeffame yoo ta'e,himatamaan mormii kaasuu baatus Manni Murtii kaka'umsa isaatiin Galmee cufuu qaba.
✅3️⃣.Himatamaan gocha yakkaa raawwate jedhamee ittiin himatameef itti gaafatamaa ta'uu dhabuu ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a(criminal irresponsibility).
✔ ,himatamtichi dhukkuba sammuu ykn gaggabdoon kan jeeqamu yoo ta'e waan gocha raawwatu beekuu fi dhiisuu isaa fi kan kana fakkaatan yaada ogeessa beekumsa addaa qabuun(Hospitaala dhimma kana adda baasuu danda'uun) qulqulleessuun dirqama.
✅4️⃣.Dhimmichi dursa Murtii kan argate yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1)(b).
✅5️⃣.Dhimmichi dhiifamaan yookiin maaruudhaan/baraarsaan kan hafe yoo ta'e himatamaan akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
✅6️⃣.Dhimmichi Mana Murtii birootti dhihaatee ilaalamaa kan jiru yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
✅7️⃣.Himanni dhihaate mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan tuqu yoo ta'e himatamaan kanuma sababaan deeggaruun ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti dhiheessuu danda'a.
Himatamaan akkuma himanni dubbifameefi hubateen booda mormii qabu duguugee kaasuu qaba.Yoo battalumatti mormii sadarkaa duraa qabu hin kaafne booda kaasuu hin danda'u.Garuu,murtii mormii irratti kennamu haqa kan daangeessu yoo ta'e(prohibit to give valid judgment) mormiin booda irratti ka'uu akka danda'u sdfy keewwata 130(3) jalatti ifa taasiseera.
sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti tumaman duguugamanii kan kaa'amanii miti.Mormii sadarkaa duraa seera kana jalatti hin tumamnes dhimmichaaf rogummaa qaba taanaan himatamaan mormii biraa kaasuu danda'a.
Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa Lakkoofsa Galmee 73514 ta'een"himatamaan mormii sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti hin tumamnes akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu akka danda'u" hiikoo kennee ture.
hin adabsiisne(of irraa ittisuu seera qabeessa yookiin legitimate self-defense) Vs seeraa:
mirga isaa yookiin kan nama biroo miidhaa seeraan alaa irraa yookiin miidhaa seeraan alaa dhiheenyatti qaqqabu irraa oolchuuf miidhaan sun akka hin qaqqabne taasisuuf karaan biroo yoo hin jiraanne hamma haalichaa osoo hin darbin gochi raawwateef hin adabamu,seerri yakkaa bara 1996 bahe keewwatni 78 ifa taasisee jira.
to Chala Abdurahiman

 'EE MIRGA WABII👉👇✍️Qorataan poolisii shakkamaa osoo gadi hin lakkisinii fi mana murtii osoo hin dhiyeessin sa’aatii daa...
19/01/2026

'EE MIRGA WABII👉👇

✍️Qorataan poolisii shakkamaa osoo gadi hin lakkisinii fi mana murtii osoo hin dhiyeessin sa’aatii daangeffamee ol yoo tursiise furmaanni battalaa shakkamaan qabu bu’uura SDFY Kw. 64tiin mirga wabii gaafachuudha. Gaaffiin mirga wabii kun barreeffamaan kan qophaa’u ta’ee,mallattoo shakkamaa iyyateetiin mirkanaa’ee dhiyaata Gaaffii mirga wabii bu’uura SDFY kw. 64tiin dhiyaateef ilaalee manni murtii yaada qorataa poolisii ykn abbaa alangaa fudhachuun sa’aatii 48:00 keessatti murtee kennuu qaba.Kana jechuun gaaffiin mirga wabii dhiyaatee guyyaa lama keessatti furmaata argachuu waan qabuuf, dhimmoota biroo caalatti dursi kennameefii ilaallamuu qaba. Abbaan alangaa ykn qorataan Poolisii gaaffii mirga wabii irratti yaada kennu of eeggannoodhaan dhimmoota qulqulleeffatee ta’uu qaba.

✍️Mormuufis ta’e moormuu dhiisuuf sababa haqa qabeessa ibsuun manni murtii ajaja haqa qabeessa akka kennuuf deeggaruu qaba. Caalatti, mormiin isaa seeraa fi ragaa qabatamaa irratti hundaa’uu qaba malee tilmaama miira dhuunfaa irraa madduun ta’uu hin qabu.

✍️Mirgi wabii kan hayyamamu dirqama wabii mallatteessisuu dhaan ykn maallaqa dirqamni
ittiin seenamu mana murtiitti qabsiisuudhaan,gama tokkoon bilisummaa shakkamaa kan eegsisu ta’ee, gama biraatiin immoo dhaddacharratti argamuu himatamaa dirqisiisu olaantummaa seeraa kabachiisa. Kanaafuu,mirgi wabii waadaa himatamaan/shakkamaan ykn namni biroo akka shakkamaan/himatamaan dirqama beellama fuulduraa sirnaan hordofuuf seenamuudha.

✍️Akka qajeeltootti, namni sababa gocha yakkaatiin too’atame kamiyyuu wabii qabsiisee ykn waamee gadi lakkifamuuf mirga qaba. Haala addaatiin garuu, ulfaatina gocha raawwatamee, cimina adabbii yakkichi hordofsiisuu fi haala miidhamaan yakkaa keessatti argamu tilmaama keessa galchuudhaan mirgi wabii dhoorkamuu ni danda’a.Dhimmi shakkamaan ittiin himatame du’aan kan isa adabsiisu yoo ta’e ykn hidhaa cimaa waggaa 15 ykn sanaa oliin kan adabsiisuu fi miidhamaan yakkichaa hubaatii isa irra gaheen kan du’uu danda’u yoo ta’e mirgi wabii hin hayyamamu.

✍️Dabalataanis, bu’uura SDFY kw. 67tin sababoota amala shakkamaa tilmaama keessa galchuun haallan gaaffii mirga wabii fudhatama dhabsiisan jiru. Isaanis: shakkamaan iyyata mirga wabii dhiyeeffate dirqama wabummaa seene hin raawwatu jedhamee yoo yaadame, gaafa wabiidhaan gadi lakkifame yakka biroo raawwachuu danda’a jedhamee yoo sodaatame ykn ragaa balleessuu danda’a jedhamee yoo tilmaamame mirgi wabii dhoorkamuu ni mala. Akkaataa seera kanaatti gochi shakkamaan ittiin himatame mirga wabii kan dhoorkachiisuu miti. Amalaa fi naamusa shakkamaattu mirga wabii isa dhabsiisa.

✍️Tumaan seeraa SDFY kw. 67 jalatti kaa’ame hojimaata keessatti haala sababaawaa fi haqa qabeessummaa hin qabneen yoo hiikamu ni mul’ata. Fknf: shakkamaan ykn himatamaan sababa waraqaa eenyummaa ykn bakka jireenyaa dhaabbataa hin qabneef jechuun abbaan alangaa gaaffii mirga wabii yoo mormuu, manni murtiis mormii kanaan yoo gaaffii mirga wabii kufaa taassisu ni mul’ata. Haa ta’u malee, murtii MMWF Dh/ijibbaataa galmee lakk. 131863 irratti kenneen shakkamaan magaalaa keessatti bakka jireenyaa ykn waraqaa eenyummaa dhaabbii hin qabu jechuudhaan mirga wabii shakkamaa dhorkachuun heera mootummaa kan dhiibu ta’uu kaa’eera. Akkasumas, dhadachi kun mirga wabii ilaalchisee murtii biroo kenneen shakkamaan tokko mirgi wabii yoo eegameef dirqama wabii isaa hin raawwatu jechuudhaaf sababni gahaa fi seerawaa ta’e, sababni gahaa fi seerawaa kunis qixa haalawwan naannoo gargaraa fi qixa yakkichaatiin ilaalamuu qaba jedheera.

✍️Dirqamoota mirga wabii keessatti mallatteeffaman keessaa tokko guyyaa beellamaatti sa’aatii dhaddachaa kabajanii mana murtii dhiyaachuudha.Dirqamni biraa hawaasa irratti yakka biroo raawwachuu irraa of qusachuu shakkamaati. Walitti dhiyeenya qabuun, maallaqa isaatiin ykn haala kamiinuu ragaa sossobee, gowwoomsee, doorsisee, biyyaa baasee karaa kamiinuu kan balleessu yoo ta’e mirgi wabii isaa mormamuu fi dhoowwatamuu ni danda’a. Tilmaamni seeraa amalaa fi gocha shakkamaa mirgi wabii ittiin mormamu kamiyyuu ragaadhaan deeggaramuu qaba. Sababa qabeessummaan isaatis abbaa seeraa amansiisuu qaba.

✍️Dhaddachi yakkaa gaaffii mirga wabii dhiyaate simatee kan keessummeesse yoo ta’e haallan ittiin hayyame murteessuu qaba. Manni murtii hamma maallaqa dirqamni wabummaa ittiin seenamuu akka itti fakkaatetti murteessuu ni danda’a. Ta’us garuu, ulfaatina yakkichaa, deebi’ee dhufuu irratti amanamummaa shakkamaa, gadi lakkifamuun shakkamaa balaafamummaa nageenya hawaasaa irratti qabuu fi humna diinagdee shakkamaa ykn nama inni wabii waammatuu tilmaama keessa kan galchu ta’a.

✍️Sadarkaa qajeeltootti shakkamaan ykn himatamaan yakkaa dirqama wabummaa seename ni kabaja jedhamee tilmaamama.Haa ta’u malee, shakkamaan ykn himatamaan erga wabiidhaan bahee booda dirqama seenee dhiisuudhaan beellama irraa kan hafu yoo tahe poolisiidhaan qabamee akka dhiyaatu ajajama.Dirqama wabii kan mallatteesseef nama 3ffaa yoo ta’e wabiin maallaqa ittiin dirqama seene mootummaaf sababa galii hin gooneef yoo qabaate dhiyaatee akka ibsu gaafatama.108 Wabichi dhiyaachuu yoo dide maallaqichi mootummaaf galii taasifama.

✍️Kanumaan dirqamni wabummaa nama himatamaaf wabii ta’eef sana irraa buufama. Haalota armaan ol ibsamaniin alattis, mirgi wabii hayyamamee ture sababoota adda addaatiin haqamuu ni danda’a. Namni shakkamaaf/himatamaaf dirqama wabii ta’e yoo du’e ta’e dirqamni wabii sun hafaa ta’eeti shakkamaan/himatamaan wabii biraa akka dhiyeessu taassifama.

✍️Himatamaan/shakkamaan dirqama wabii seene bahuu kan hin dandeenye yoo ta’e mirgi wabii haqamuudhaan deebi’ee to’annaa jala tura. Dabalataanis, yemmuu wabummaan hayyamamu gochoonni akka gowwoomsuu ykndogoggorsuu raawwataman yoo ta’e ykn yakka raawwatameen wal qabatee firiin dubbii haaraa argame shakkamaan wabii gahaa akka dhiyeessuuf ykn to’annaa jala akka turuuf manni murtii ajajuu ni danda’a.Dabalataan, abbaan alangaa himata dhiyeessee ture yoo kaase dirqamni wabummaatis walumaan ka’a.

✍️Namni himataaf/shakkamaaf dirqama wabii seene shakkamaan/himatamaan ni miliqa jedhee yeroo shakkeetti mana murtii beeksisuun, manni murtiis shakkamaa/himatamaa to’annaa jala erga oolcheen booda dirqama wabii iyyataa ni haqa. Akkasumas, namni dirqama wabii shakkamaa/himatamaaf galee nama mirgi wabii eegameef qaamaan mana murtiitti dhiyeessuun dirqama wabii haqsiisuu irra darbee,yeroo barbaadeetti dirqama kana irraa bilisa ta’uuf mana murtiitti iyyachuu ni danda’a. Manni murtiis shakkamaa/himatamaa deebisee to’annaa jala erga oolcheen boodatti dirqama wabii iyyataa kan haqu ta’a.Yeroo kanatti himatamaan/shakkamaan wabii biraa akka dhiyeessuuf carraan kan kennamuuf tahee, dhiyeessuuf garuu fedhii ykn dandeettii kan hin qabne yoo ta’e to’annaa jala akka turu taassifama.

✍️Gaaffiin mirga wabii shakkamaa yemmuu kufaa taasifamu shakkamaan guyyoota 20 keessatti oliyyata gaafachuu akka danda’u SDFY kw.75(1) kaa’eera. Keewwatni kun eegamuu mirga wabii irratti abbaan alangaa komii yoo qabaate ta’e iyyachuu danda’uu fi dhiisuu ifaan kaa’uu yoo baatees murtiin MMWF Dh/Ijibbaataa galmee lakk.110969 kenneen abbaan alangaa illee komii yeroo qabuutti oliyyachuu akka danda’u hiikeera.Dabalataanis, falmiin mirga wabii mana murtii oliyyata dhagahuun ilaallamee yoo murtaa’e, murtichi kan xumuraa ta’a jechuu SDFY kw. 75(2) jalatti kan tume yoo ta’ees murtii MMWF Dh/Ij lakk.galmee 146727 irratti kenneen mirga wabii dhiyaate manni murtii heeyyamee, murtii kana komachuun AA oliyyannoo fudhatee murtii mana murtii jalaa haqsiisuun mirga wabii kan mulqisiise yoo ta’e murtii kanarratti iyyatan oliyyachuu kan danda’u ta’uu ibseera.

👉HMFDRI bara 1995 bahe keewwata 19(6)
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 64(2)
👉Seera Deemmii Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 66
👉M/dh/Ij/MMWF, jildii 20, lakk. Galmee 131863, 08/03/2009 murtaa'e
👉 M/Dh/Ij/MMWF, jildii 20, lakk. Galmee 134228, 08/06/2009 murtaa’e
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa kw. 68
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa kw. 76(1) fi kw. 125
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 76(2)
👉Seera Deemmsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 79
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 70(3)
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 73(2)
👉 Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 72-73
👉Seera Deemmii Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 71(3)
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 77
👉 Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 78
👉M/Dh/Ij/MMWF, lakk. Galmee 110969, gaafa 28/11/2007 murtaa’e
👉MMWF Dh/Ij, Jildii 22, lakk. Galmee 146727, gaafa 20/02/2010 murtaa’e
©️ Nuuraddiin_Shaam
Hubannoo seeraa bilisaa argachuuf Toorba FB fi telegram keenya hordofaa 👉👇https://t.me/sudeysi_K_Free_Legal_Awareness

18/01/2026



  waliigaltee kiraa manaa erga raawwateen booda  waggaa lamaaf kiraa manaa dabaluus ta'e keessaa si baasu hin danda'u.  ...
18/01/2026

waliigaltee kiraa manaa erga raawwateen booda waggaa lamaaf kiraa manaa dabaluus ta'e keessaa si baasu hin danda'u.
mana kiraa lakk.1320/2016 ba'e.
haa kabajnu!

 !Dhiirri tokko haadha warraa/Niitii/lama yoo qabaate dhimma qabeenyaa irratti wal diddaan yoo ka'e haati warraa 2ffaan ...
17/01/2026

!
Dhiirri tokko haadha warraa/Niitii/lama yoo qabaate dhimma qabeenyaa irratti wal diddaan yoo ka'e haati warraa 2ffaan haadha warraa jalqabaatin wal qixa qabeenya qooddatti moo miti? Kan jedhu irratti seeaafi manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibbaataa maan jedhu?
kunooti👉👇

€€€€€✓✓✓✓€€€€€✓✓✓✓✓€€€€€€€€✓✓✓✓✓

👉......Kanaan wal qabatee murtiin galmee dhaddacha Ijibbaataa lakkoofsi isaa 120844 ta'e irratti kenname, abbaan warraafi haati warraa osoo gaa'ilaan waliin jiranii qabiyyee lafaa argatanitti waggaa dheeraadhaaf itti fayyadamaa erga turanii booda abbaan warraa haadha warraa lammaffaa fuudhuun isaa waan ragaadhaan mirkanaa'eef haati warraa isheen jalqabaa waa'ee gaa'ila isa lammaffaa fedhii ishee osoo hin ibsin haati warraa isheen boodarraa gaa'ila raawwachuun dura qabiyyee ture kallattiidhaan qixxeetti akka qooddattuuf seerri deeggaru hin jiru jechuun haati warraa boodarraa gahee abbaa warraa ishee qofarraa akka qooddattu jedhamee kan murtaa'edha.

👉Kanaan ala abbaan warraa, yeroo hunda, wayita haadha warraa lama fuudhu haati warraa boodarraa gahee abbaa warraa irraa qofa qooddachuu qabdi jedhamee hiikkoon seeraa kenname hin jiru.

Join telegram 👉👇https://t.me/sudeysi_K_Free_Legal_Awareness

🎉 Just completed level 3 and am so excited to continue growing as a creator on Facebook!
17/01/2026

🎉 Just completed level 3 and am so excited to continue growing as a creator on Facebook!

  (Earnest Money) fi Bu’aa Seeraa HordofsiisuuBittaa qabeenyaa kan akka manaa fi konkolaataa fa'a yeroo raawwattan maall...
17/01/2026

(Earnest Money) fi Bu’aa Seeraa Hordofsiisuu

Bittaa qabeenyaa kan akka manaa fi konkolaataa fa'a yeroo raawwattan maallaqa qabdii jedhamu kaffaltii beektuu? Qabdii kaffaluun keessan seera fuulduratti bu’aa akkamii akka hordofsiisu hoo quba qabduu? Barreeffama gabaabduu kana keessatti dhimma kana irratti yaada hubannoo kennuu danda’u isiniif qopheesseera, itti dhiyaadhaa!
Qabdiin Maal?
hariiroo hawaasaa Itoophiyaa bara 1952 bahe waa’ee maalummaa qabdii waanti tume jiraachuu baatus bu’aa (effect) isaa ilaalchisee keewwata 1883 jalatti qabdii kennuun waliigalteen raawwatamuu isaaf ragaadha (proof of the making of the contract) jechuun ibsee jira. Kana jechuunis waliigalteen raawwatamuu isaa irratti amantaa guutuun yoo uumame gareen tokko garee biraatiif qabdii kaffala ykn kenna akka jechuuti. Qabdiin kenname taanaan gareewwan lamaan (isa kennee fi isa fudhate) irratti dirqama seeraa hordofsiisu qaba. Qabxii murteessaanis waa’ee maalummaa qabdii osoo hin taane bu’aa seeraa inni hordofsiisu waan ta’eef itti aansinee isa ilaalla.
Bu’aa Seeraa/Legal Effect/ Qabdii Kennuun Hordofsiisu
Akkuma armaan olitti ibsame qabdii kennuun gareewwan lamaan irratti bu’aa/dirqama seeraa hordofsiisu ni qabaata. Keesumattuu waliigalteen seename sun akkaataa yaadameen hojiirra ooluu yoo hafe ykn diigame waliigalticha garee kamtu diige dhimma jedhu hordofee bu’aa hordofsiisu kan qabu ta’uu seera hariiroo hawaasaa keewwata 1885 irraa ni hubatama. Akkaataa kanaan isin nama qabeenya tokko nama biraa irraa bituuf erga waliigaltee raawwattanii fi qabdii kennitanii booda waliigalticha kan diigdan yoo ta’e maallaqa qabdii jettanii kennitan sana naaf deebisi jettanii gaafachuu kan hin dandeenye ta’uu seerichi isin dhorka. Gama biraatiin isin nama qabeenya gurguruuf erga waliigaltanii fi qabdii fudhattanii booda waliigalticha yoo diigdan maallaqa fudhattan sana dacha isaa nama irraa fudhattaniif akka deebisuu qabdan seerri isin dirqisiisa jechuudha. Fakkeenyaaf mana wayii qarshii 5,000,000’n nama biraatti gurguruuf waliigaltanii qabdii qarshii 200,000 erga fudhattanii booda yaada gurgurtaa keessan geeddaruun waliigaltee seentan yoo giidgan ykn waadaa cabsitan qarshii 400,000 nama irraa fudhattan sanaaf deebisuu qabdu jechuudha. Gama biraatiin waliigalteen seename akkaataa waliigalameen kan raawwatame yoo ta’e immoo gareen qabdii fudhate maallaqa fudhate sana garee biraatiif deebisuuf ykn maallaqa waliigalaa itti qabeenyicha gurgure irraa hir’isuuf akka dirqamu seericha keewwata 1884 jalatti tumamee jira.
Garaagarummaa Qabdii fi Kanfaltii Duraa (Earnest vs Down Payment)
Lamaan isaanituu maallaqa dursee namni qabeenya bite nama gurgureef kennu ta’anis bu’aa hordofsiisan irratti garaagarummaa ni qabu. Garaagarummaan isaanii inni guddaan namni qabdii fudhatee waliigaltee seenee ture diige maallaqa fudhate sana dacha lamaan baay’isee deebisuuf kan dirqamu yoo ta’u namni kanfaltii duraa fudhatee waliigalticha diige garuu hanguma maallaqa fudhatee deebisuuf kan dirqamuudha. Kana kan murteessu ammo waliigaltee gareewwan lamaan waliif mallatteessan keessatti qabdii ykn kanfaltii duraa jedhamee ibsamuu dha.
Guduunfaa
Kanaaf waliigaltee bittaa fi gurgurtaa raawwattaniin wal qabatee qabdiin ykn kanfaltiin duraa isin raawwattan bu’aa seeraa hordofsiisu kan qabu ta’uu beektanii itti galuu qabdu.

Address

FinFinnee
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tajaajila Gorsa Seeraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category