Adaraa Seeraa

Adaraa Seeraa Kaayyoon fuula kanaa namni seera wallaaluu isaa qofaan mirgi isaa akka hin sarbamne gargaaruu dha!

22/03/2023

HIMANNAAN HARIIROO HAWAASAA (SIIVIILII) YOO SIRRATTI DHIHAATE QABXIILEEN BEEKUU QABDU!
---

Ani dubbii hin barbaadu osoo jettuu, dubbiin manatti si barbaaduu waan danda'uuf na caqasi!

☞ Himannaan Mana murtiitti sirratti dhihaata.

☞ Manni murtii garagalcha himannaa sirratti dhihaatee siif erguun, "deebii barreeffamaa qabadhuu dhihaadhu!" jedhee waraqaa waamichaa siif erga.

☞ Waraqaa waamichaa siif ergame fudhachuu hin didin! Diduun sin fayyadu. Inumaayyuu kana gochuun kee ragaa namaatiin sirratti mirkanoofnaan mirga deebii barreeffamaa dhiheeffachuukee si jalaa hambisa.

☞ Himannicha erga fudhattee booda sirriitti dubbisii, ijoo dubbii ittiin himatamte adda baafachuun deebii barreeffamaakee qopheeffadhu.

☞ Deebii barreeffamaa kana yoo qopheeffattu "Mormii Sadarkaa Duraa" utuu falmichattuu hin seenin galmicha sirraa cufsiisuu danda'u walitti coradhu.

Fknf:-
▪️Manni murtichaa dhimmicha ilaaluuf aangoo kan hin qabne ta'uu;
▪️Himannichi daangaa yeroon kan dhorkame ta'uu;
▪️Dhimmichi kanaan dura murtii kan argate ta'uu;
▪️Dhimmichi kanaan dura araaraan kan xumurame ta'uunfaa beellamuma duraan galmee waan sirraa cufsiisaniif itti fayyadami!

☞ Ijoo dubbii ittiin himatamte (waan irratti wal dhabdan) ilaalchisees deebii qabdu sirriitti ibsii barreessi. Dhimmoota sobaan sirratti dhihaatan ifatti waakkadhu barreessi. Dhugaa jirus sirriitti ibsi. Waan sirratti hin dhihaatin hin kaasin! [Dubbii hin laaqin! 😁]

☞ Dabalataanis, ragaalee dhugaakee siif mirkaneessuu danda'an hunda deebiikeen wal-qabsiisi. Ragaa barreeffamaa harka kee jiru mara koppii godhii wal-qabsiisi. Ragaa barreeffamaa harka kee hin jirre ammoo bakka inni jiru ibsii
bu'ura s/d/f/h/h keew.145tiin ajaja Mana Murtichaan akka siif dhihaatu Mana Murtii gaafadhu. Ragaa namoota siif raguu (mirkaneessuu) danda'aniis tarreeffadhu.

☞ Booda falmii afaaniif beellamamta.

☞ Hanga siif danda'ametti falmii afaanii kana irraa hin hafin. Yoo hafte Manni murtii bu'ura s/d/f/h/h keew. 70 tiin bakka ati hin jirretti dhimmichi akka ilaalamuuf sirratti ajaja. Kunimmoo baayyee si miidha.

☞ Sababa humnakee ol ta'een yoo hafte garuu, kanuma ibsuun bu'ura s/d/f/h/h keew. 72 tiin ajajichi akka sirraa ka'uuf, ragaa waliin dhiheeffadhu!

☞ Erga falmii afaanii xumurtanii booda, Manni murtichaa galmicha qorachuun haqa baasuuf jecha ajaja adda addaa dabarsuu danda'a. Fknf:- sanadni haa dhihaatuu..., lafti haa safaramuu..., qamni mootummaa ibsa haa kennu... fi kkf ta'uu danda'a.

☞ Bu'aa ajajaa barreeffamaan sirratti dhihaatu kana
galmeerraa koppii godhadhuu sirrittii dubbisi! Bu'aan kun kan mirgakee sarbu yoo ta'e, bu'ura s/d/f/h/h keew. 205 tiin bu'aa kana kan mormitu ta'uu fi irra deebi'amee qaama biraan qulqullaa'uu akka qabu ibsadhu!

☞ Xaarii kee kana hundumaa boodas, Manni murtichaa sirratti murteessuu danda'a. Kun jalqaba malee dhuma waan hin taaneef hin na'in! Hin gaddinis!

☞ Gaafa murtiin kennamerraa eegalee hanga ji'a lamaatti Oliyyannoo kee Mana Murtii itti aanutti (oliyyannoo dhaga'utti) dhiheeffadhu.

💥 Adeemsa Oliyyannoo kanaaf ammoo yeroo biraan sitti deebi'a.

Nagaan turi! 🙇‍♂️

21/03/2023

DHIRSAA FI NIITII
[Seerri maal jedha?]
*****
👉 Dhirsii fi Niitiin wal fuudhanii bultii ijaarratan lameen walii galuu dadhabanii, gaa'ela isaaniis qilleensi seenee diiggaa yoo fedhan, Dhirsi/Niitiin eyyama ykn fedhii Niitii/Dhirsaa gaafachuun ykn eeguun osoo hin barbaachisin Mana Murtii Aanaa ykn Magaalaatti diiggaa gaa'elaa gaafachuu danda'a/dandeessi. Sababa diiggaa kanaa ibsuunis dirqama isaa/ishee miti.

👉 Sirni adeemsa himannaa diiggaa gaa'ela kanaas akka armaan gadiitti ta'a.
▪️Iyyannaan diiggaa Dhirsa/Niitiidhaan ni dhihaata.
▪️Manni Murtii qaama himatame ni waama.
▪️Manni Murtii dhaddacha irratti walitti isaan araarsuuf ni yaala.
▪️Yoo didan, waa'ee qallabaa fi kunuunsa ijoollee isaanii irratti erga waa jedhee booda, gareen lameen jaarsolii aadaa akka filatanii fi dhimmi isaanii jaarsoliidhaan akka ilaalamu godha.
▪️Yaaliin araaraa kunis milkaa'uu yoo dhabee fi ammayyuu murtiin qaama tokkoo ykn lameenii sanuma yoo ta'e, ammammoo lameenuun isaanii akka of-dhaggeeffataniif, Manni Murtichaa yeroo hanga ji'a sadiitti turuu danda'uuf akkanumatti isaan geggeessa.
▪️Ammas sanuma yoo ta'e, Manni Murtichaa gaa'elicha diiga.
▪️Isa booda gara qabeenya waliinii isaanii addaan qooduutti ceha.

Haaluma kanaan:-
👉 Dhirsaa fi Niitiin yeroo wal fuudhan qabeenyi isaan dhuunfaatti qaban ykn erga wal fuudhanii qabeenyi isaan dhaalaan ykn kennaadhaan argatan qabeenya dhuunfaa isaanii ta'a.
👉 Kanarraa kan hafe qabeenyi isaan xaarii dhuunfaa fi waliiniin gaa'ela keessatti horatan qabeenya waliinii isaanii ti.
👉 "Qabeenya isaan kamfaatu gaa'ela dura horatame? Isaan kamfaatu gaa'ela keessatti horatame?" kan jedhu ragaa namaa fi barreeffamaatiin mirkanaa'uu danda'a.
👉 Dhiirri tokkoo fi dubarri tokko osoo wal hin fuudhin (gaa'ela seera qabeessa - SAMAANAA - osoo hin ijaarratin) akka Abbaa manaa fi Haadha manaatti waggaa 3 oliif yoo wajjin jiraatan, waliin turtii isaanii kana keessatti qabeenyi isaan waliin horatan marti QABEENYA WALIINII isaanii ta'a.
👉 Diiggaa kana booda, ijoolleen waggaa shanii gadii haadha biratti guddatu. Dirqama!
👉 Ijoolleen waggaa shanii olii ammoo Mana Murtiitti dhihaatanii bakka itti guddachuu fedhan filatu. Abbaa ykn Haadha isaanii filatu!
👉 Haala guddisaa, barnootaa, fayyaa fi qallaba ijoollee kanaa ilaalchisees Manni Murtii kun murtii kenna. Qaamni tokko qaama biraaf qarshii ji'aan akka kaffalu ajajuu danda'a. Murtiin kun haala gabaa, fedhii ijoollee, umurii ijoollee, dabaluu galii isa qallaba kennuu kana fa'a irratti hundaa'ee iyyannoo qaama tokkoon dhihaatuun yeroo kamittuu kaffaltiin guddisa ijoollee kun fooyya'uu danda'a.

HUBACHIISA!
---
👉 Ijoolleen guddifatan seera durattis akkuma ijoollee dhalanii ykn dhalchaniitti ilaalamti. Duudhaa bareedaa Oromtichaa ti. Namni daa'ima GUDDIFACHAAN guddifatu garuu waggaa 25 ol, daa'imni guddifatamummoo waggaa 18 gadi ta'uu fi waliigalteen guddifachaa kun ammoo Mana Murtiin mirkanaa'uun garuu dirqama.

27/09/2021

YAKKAAN YOO HIMATAMTE DHIMMOOTI BEEKUU QABDU!
---
Yakkuu fi yakkamuu si haa oolchu malee,
dogoggortees ta'e dhiigni si danfee yoo yakkite;
adeemsa falmii yakkaa armaan gadii keessa
darbuu waan dandeessuuf obsaan na caqasi.

1. Iyyannoon ykn odeeffannoon sirratti dhihaata.

2. Poolisiin Abbaa alangaa waliin ta'uun ragaa
sirratti funaana, to'annaa jala ooluu qabda jedhee yoo amanes , ajaja qabiinsaa Mana Murtii
baasuun to'annaa jala si oolcha. Ragaa namaa,
barreeffamaa... kkf sirratti funaanuu itti fufa.
Yeros:-
Poolisiin sa'a 48 keessatti Mana Murtiitti akka
si dhiheessu ykn wabiin akka si gadhiisu
gaafadhu!
Yoo didee si bubbulche, bu'ura s/d/f/y/keew.
63 tiin wabiin akka gad si lakkisiisuuf Mana
Murtiitti iyyadhu!

3. Poolisiin tarii sa'a 48 keessatti si dhiheessee
yeroo beellamaa hanga guyyaa 14 sirratti
gaafachuu danda'a. Yeros:-
"Qorannichi kan yeroo hanganaa fudhatu miti"
jedhi !
"Galmeen qorannoosaa ragaa qabatamaa hin
qabu; akkasuman na tursuu fedha waan ta'eef
Manni Murtichaa galmee qorannichaa naaf haa
ilaalu" jedhi!
Akka carraa dhumaattis, "galmee qorannoosaa
xumureera; yoo fedhe Abbaan alangaa galmee
himannoo haa dhiheessu. Anaan Manni Murtii
wabiin na haa lakkisu" jedhi!

4. Poolisiin qorannoosaa xumuree galmicha Abbaa alangaaf dabarsa.

5. Abbaan alangaas himannaa sirratti dhiheessa.
Guyyaa beellamaattis Mana Murtiitti dhihaachuun himannaan siif dubbifama. Manni Murtichaas
"Himannicha ni mormitaa?" siin jedha. Akkas
jechuun, yakkicha raawwattemoo, hin
raawwannee osoo hin taane:-
Yakka kanaan kanaan dura himatamteettaa?
Dhimma kanaan Mana Murtii biraatti himatamtee beellamarra jirtaa?
Yakkichi darbiinsa yeroon si hin
himachiisuu?... fi kkf, akka jechuu ti. Yoo akkas
ta'e ibsi!
Itti aansuun, "yakkicha raawwattemoo, hin
raawwanne?" siin jedha. Hin raawwanne taanaan waakkadhu! Raawwatte taanaani fi ragaan sirratti dhihaates akka sirratti qulqulleessu quba qabda taanaan waakkachuun sin fayyadu. Inumaayyuu amanuunkee adabbii sii salphisa.

6. Yoo waakkatte ragaan Abbaa alangaa sirratti
dhagaa'ama. Manni Murtiis "gaaffii qaxxaamuraa qabdaa?" siin jedha. Yeros:-
Ragicha gaaffii jechootasaa wal rukkuchiisu
gaafadhu!
Gaaffiinkee waa'ee yakkichaa caalaa, waa'ee
haala raawwii yakkichaa, bakkaa fi haala
naannawa bakkichaarratti haa fuulleffatu!
Gaaffiilee xixiqqoos hin tuffatin! ... eenyufaa
bakkicha akka turan? eenyu maal akka godhe?
kallattii taa'umsa waantotaa? faa gaafadhu!
Ragoota maraaf gaaffiin kee wal haa fakkaatu! Yaadotaa fi jechoota wal dhiitan akkasiin waan saaxiltuuf!

7. Erga ragaan Abbaa alangaa dhagaa'amee
dhumee mirga wabii gaafadhu!
Abbaan alangaa, "yoo ba'e ni bada" jedhee si
mormuu mala. Nama miliqu akka hin taane,
maatii fi waatii kan qabdu fi jiraataa dhaabbataa ta'uu kee Mana Murtii hubachiisi!

8. Ragooleen sirratti mirkaneessan yoo ta'e;
Manni Murtii "ofirraa ittisi" siin jedha. Yeros:-
Ragoota qulqullummaa kee siif beekan dhiheeffadhu!

9. Ragooleen kee jechoota ragaa Abbaa alangaa fashaleessan yoo ta'e, Manni Murtii bilisaan si lakkisa. Atis waaqakee galateeffachuu hin dagatin!

10. Tarii ragooleen kee humna ragaa Abbaa
alangaa fashaleessuu yoo dhaban, M/M murtii
balleessummaa muree, si adabuun dura yaada
Adabbii si gaafata. "Yaada Adabbii qabdaa?" siin jedha. Atis:-
Kanaan dura yakkitee akka hin beeknee fi
kabaajaa fi ulfinaan jiraachaa turuu kee,
Itti gaafatamummaa maatii fi hawaasaa akka
qabdufaa... garaa cabaan ibsadhu!
Akka carraa dhumaattis, hawaasa yakkite
deebitee kiisuu waan feetuuf, adabbichi bu'ura s/d/f/y keew. 192 tiin akka siif daanga'u (akka
sirratti hin raawwatamne) gaafadhu!

Nagaan turi!

Address

Addis Ababa

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00

Telephone

+251911598994

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Adaraa Seeraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share