08/10/2026
.
Jiraattoota Aanaa Gursum maraaf akka Aanaa keenyaatti haalli kafaltii Gibira Lafa Baadiyyaa baroottan darban bu'uura seeraa kan hin hordofin waan taheef komiin ballaan kan ture yommuu tahu
Bara 2019 ammoo Namni Lafa xiqqoo fi guddoo qabu walqixa kafaluun haqaa miti jechuudhaan kafaltiin gibira lafa baadiyyaa hafuura seeraa akka qabaatuuf Qaamoleen dhimmi ilaalatu adda adda qindoominaan hojjachuudhaan kafaltiin gibira lafa baadiyyaa;
1. Ballina Lafaa
2. Gosa oomishaa laficharatti misoomuu
3. Akkaataa oomishaa; Roobaa fi Jallisii
Giddu Galeessa godhachuudhaan
Lafti keessan saffaramee, Akkataa fi Gosti oomishaa lafa keessan irratti misoomaa jiru adda baasuudhaan Gibirri kafaluu qabdan adda bahee tokkoon tokkoo Qonnaan Bulaa fi Horsiisee bulaa karaa Bulchinsa Ganda keesaniitiin Waajjirri Galii Aanaa Gursum isin dhaqqabsiisee waan jiruuf Gibira isin irraa barbaadamu Diinagdee Ganda keesanii irraa qulqulleefatanii Misooma Aanaa keenyaa deegaruuf yeroon akka kafaltan isin Beeksisaa.
Bara kana Jiraattoota Aanaa keenyaatiif Wanti Dhaamuu Barbaannu Kafaltiin Mootummaa Gosa Kamiyyuu
1. Gibira Mootummaa
2. Buusaa Gonofaa
3. Kafaltii Kenna T/Lammummaa
4.Buusiilee Adda Addaa yeroo sassaabamu Nagaheen itti muramuu waan qabuuf Hojjataa Sassaabaa Galii Gosa Kamiyyuu osoo Nagahee isiniif hin murre maallaqa isinirraa sassaabu yoo jiraate karaa Fuula Facebook keenyaa (inbox) fi karaalee biroo isiniif Mijjateen akka nu beeksiftan isiniif dhaamna yeroo Eeruu nuuf kennitan.
1. Maqaa Hojjataa Qarshii isinirraa fuudhee.
2. Hojjataa Bulchinsa Gandaa (Araddaa) kamii akka tahe.
2. Kafaltii Dhimma Maaliitiif Akka isinirraa fuudhe.
3. Hanga Qarshii Isinirraa Fuudhe.
4. Nagahee isiniif itti muruu fi muruu dhabuu isaa.
Nuuf ibsuudhaan kan nuun geessan yoo tahe salphumatti hojmaata seeraan alaa isinirraa hambisuu fi Galiin mootummaas Qisaasamaa fi Hannarraa Baraaruu kan dandeenyu waan taheef Hawaasni Aanaa Keenyaa kana hubatanii Deegarsa isin barbaachisu akka nuuf Gootan isin Gaafanna.
Haqaan Haqaaf Hojjanna