14/10/2026
Koree Ramaddii Hojjattoota Sadarkaa Naannoo irraa jalqabee hanga Gandoota Jiran Eenyu?
Koreen Akkamitti Hundeeffamaa?
Komii yoo jiraate eessatti dhiyeeffata?
Seerri Maal Jedha?
☑️Qajeelfamni Ramaddii Hojjattootaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 34/2019 keewwatoota 6-9 jalatti tumame jira.
✅️Dubbisaa👇
⏺️Haala Hundeeffama fi Aangoo Koreewwanii
⭐️Keewwata 6.
Koreen Itti Hundeeffamu
🫴Koreewwaan armaan gadii qajeelfama kanaan kan hundeeffaman ta'a:
☑️ Koree Olaanaa
☑️ Koree Ramaddiifi
☑️ Koree Komii Keessummeessaa
1️⃣ffaa
⭐️ Keewwata 7.
Miseensota Koree Ramaddii Manneen Hojii Sadarkaa Naannoo
⬜️Koreewaan ramaddii hojjettootaa sadarkaa naannoo akkaataa armaan gadiin kan hundeeffamu ta'a.
▶️ Hoggantoota olaanoon kan bakka bu'u namoota lama----walitti qaba fi miseensa.
▶️ Hojjettoota mootummaa mana hojichaan kan filataman namoota sadii--tokko barreessaa.
2️⃣ffaa
⭐️ Keewwata 8.
Miseensota Koree Ramaddii Manneen Hojii Sadarkaa Godinaalee
Koreewaan ramaddii hojjettootaa sadarkaa Bulchiinsa Godinaaleetti miseensota 5 kan of keessaa qabaatu ta'ee, akkaataa armaan gadiin kan hundeeffamu ta'a.
☑️ Bulchaan yookiin nama bulchaan bakka buusuun kan bakka bu'an Godinaalee duraan turan irraa namoota filatamaniin ramaddichi kan raawwatamu ta'a.
3️⃣ffaa
⭐️ Keewwata 9.
Miseensota Koree Ramaddii Sadarkaa Bulchiinsa Magaalotaa
Koreewan ramaddii hojjettootaa sadarkaa Bulchiinsa Magaalotaa miseensota 5 kan of keessaa qabaatu ta'ee, akkaataa armaan gadiin kan hundeeffamu ta'a:
▶️ Kantiibaan yookiin nama Kantiibaan bakka buusuun kan bakka bu'u----walitti qaba;
▶️ Hojjettoota mootummaa mana hojichaatti argamaniin kan filataman namoota sadii (3)---- barreeffamaa fi miseensa;
▶️ Waajjira Bulchiinsa Magaalaa duraan turan irraa kan bakka bu'an nama tokko----miseensa ta'u.
4️⃣ffaa
⭐️ Keewwata 10.
Miseensota Koree Ramaddii Sadarkaa Kutaa Magaalaa
Koreewan ramaddii hojjettootaa sadarkaa Kutaa Ma