Gutama law office

  • Home
  • Gutama law office

Gutama law office We Give Pro Bono Legal Services To Our society ....we also worked inorder to access our society to law or legal issues ..

 Qajeelfama Bulchiinsa Maallaqa Callaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyyessuuf Bahe Lakk. 30/2016 keewwata 17 Maallaqa mo...
28/04/2026



Qajeelfama Bulchiinsa Maallaqa Callaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyyessuuf Bahe Lakk. 30/2016 keewwata 17 Maallaqa mootummaa walitti qabuu.

Seericha kwt. 17 muraa 1, 2, 3, 4, fi 5) jalatti Namni maallaqa Mootummaa walitti qabu bakka bu'insa qabaachuu akka qabu, Qaama Aangoo Qabu irraa hayyamamuufii qaba, Namni haala kanaan aangefame nagahee muruu akka qabu, Dirqamni Hojjataa waajjira maallaqaas ibsameera, Keewwata 18 (2) jalatti Ammoo Namni haala olitti ibsame kanaan maallaqa sassaabe Guyyuma sassaabaa oole san galii gochuu akka qabuu fi yoo rakkoon humnaa olii jiraate borumtaa (guyyaa itti aanu) galii gochuu akka qabuu tumee jira kanarraa kan hubatamu maallaqa mootuummaa sassaabame of harka tursiisuun dhoorkaa tahuun ni hubatama.
Guutuu isaa Dubbisaa. 👇👇👇
Fuula Facebook Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gursum irraa..

Qajeelfama Dambii Ijaarsa Seeraan Alaa Dambiin Booda Lafa Magaaloota Naannoo Oromiyaa Lakk 259/2018 Raawwachiisuuf Bahe ...
16/04/2026

Qajeelfama Dambii Ijaarsa Seeraan Alaa Dambiin Booda Lafa Magaaloota Naannoo Oromiyaa Lakk 259/2018 Raawwachiisuuf Bahe Qajeelfama Lakk 07/2018 ==////==
👇👇

Ilmi Namaa Kabajaa Qaba, Keessaafuu Abbaan Ofii Kabajaa Qaba, Aadaa Qabna ,Safuu Qabna, Akka Itti Wal gaafatan Qabna..Aa...
12/04/2026

Ilmi Namaa Kabajaa Qaba, Keessaafuu Abbaan Ofii Kabajaa Qaba, Aadaa Qabna ,Safuu Qabna, Akka Itti Wal gaafatan Qabna..Aadaatu Cabe ,Safuutu Cabe ,Kabaja Namoomaatu Cabe akkasumaas Seeraatu Cabe..
Warri Keenya Kan Godina Balee Galatoomaa..

Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Lakk Galmee 246230 Ta'een Bitooteessa 25/2018 Murtii Haaraa  Abboo...
09/04/2026

Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Lakk Galmee 246230 Ta'een Bitooteessa 25/2018 Murtii Haaraa Abbootii Seeraa 7 (Torbaan) Kennamee Jira.

Murtii kanaan dura Lakk Galmee: 186946 irratti, Iddoo tokko irratti namootni adda addaa lama waraqaa ragaa qabiyyee (kaartaa) yoo qabaatan, inni tokko mana yoo irratti ijaarrate , inni biraa immoo osoon mormu ijaarrate naaf haa diigamu jedhee gaafachuu hin danda’u jechuun kennamee ture haqameera.
Hiikoon dirqisisaan Mana Murtii Waliigala Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa Lakk. Galmee 186946 irratti Ebla 26, 2013 kennamee fi galmeewwan biroo irratti ejjennoon walfakkaataan qabamee ture jijjiiramuun,Qabiyyee magaalaa abbaa qabiyyee tokkoon galmaa’uu qabu irratti namoota adda addaatiif waraqaan ragaa qabiyyee yookiin kaartaan lama (overlap) kennamee yoo argame, mirga abbummaa lafaatiif dursa kan argatu nama jalqaba galmeesiseedha jechuun hiikkoon dirqisiisaan laatameera.
👇👇👉👉👇👇
Hubannoo Seeraa Yeroo Yeroon Argachuuf Fuula Hubannoo Seeraa kana hordofaa.

24/03/2026
Himannaan Qabiyyee Lafa Magaalaa Deebisiisuuf Dhiyaatu Darbiinsa Yerootiin Hin Daangeffamu Jedhamee Lakk.Ga.210477 irrat...
14/03/2026

Himannaan Qabiyyee Lafa Magaalaa Deebisiisuuf Dhiyaatu Darbiinsa Yerootiin Hin Daangeffamu Jedhamee Lakk.Ga.210477 irratti Dhad.Ijibbaataa MMWFtiin Murtaa'ee Kan ture Abbootii seeraa torbaan Gur 30/2018 Lakk:Galmee 244308 Irratti Jijjiirameera.
Qabiyyee Lafa Magaalaa Akka Malee (Seeraan Ala) Nama Jalàa Qabame Deebisiisuuf Himannaan Dhiyaatu Darbiinsa Yeroo Waggaa Kudhaniitiin Daangeffama Jedhamee Hiikkoo Dirqisiisaan Kennameera.

Bulchaan Gandaa seeraan ala nama hidhuun nyaataa fi dhugaatiis akka hin arganne taasise hidhaa cimaan adabame  30/06/201...
10/03/2026

Bulchaan Gandaa seeraan ala nama hidhuun nyaataa fi dhugaatiis akka hin arganne taasise hidhaa cimaan adabame

30/06/2018 Baddannoo

Go/Ha/Bahaa Aanaa Baddannootti Bulchaan Gandaa Madda Nagayaa seeraan ala nama dhuunfaa too'achuun nyaataa fi dhugaatiis akka hin arganne taasise hidhaa cimaa waggaa 5 fi ji'a 7n adabame

Himatamaan maqaan isaa Fitsumee Asraat jedhamuu yakka karaa seeraa alaatin miidhamaa Dhunfaa Abdurhamaan Sharaf Hassoo jadhamu erga hidhe booda maatiin miidhamaa erga nyaataa fi dhugaatii fiddeef illee akka nyaataa fi dhugaatii hin argannee miidhamaa dhorkee jechun eeruun waajjira poolisii Aanaa Baddannoo kutaa qorannoo yakkaatif dhihaatte kanumaan akkaatuma adeemsa seeraatin qorataan poolisii fi Abbaan alangaa waliin qorannaa ergaa xumuran boodaa waajjira Abbaa Alangaatti darbiudhan abbaan Alangaa murtii ergaa irratti kennee booda himannaa seeraa yakkaa biyyaa keenya keewwataa 423 jalattii banuudhan mana murtii Aanaa Baddannoottii dhiheessee galmee banuudhaan adeemsii seeraa barbaachisuu hunda keessa darbuudhaan mannii murtii guyyaa arraa ooleen adabbii Himatamaa ni barsiisa fakkaattoota akka isaa ni akeekkachiisa jedhe itti amane adabbii cimaa waggaa shan(5) fi ji'a torbaan(7)tiin adabameera.

‎Maddi :: Fuula FB Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo

Murtii DHaddacha Ijibbaata Federalaa Lakk Galmee 292349Irratti Gur 24/2018 Kennee Murtii Harawa:::::::::::::://///::::::...
05/03/2026

Murtii DHaddacha Ijibbaata Federalaa Lakk Galmee 292349
Irratti Gur 24/2018 Kennee Murtii Harawa:::::::::::::://///::::::::::::////:::::
Seera yakkaa kew 627(1)-yakka miidhaa saal-qunnamtii daa'ima umriin ishee hin geenye irratti raawwatamu hidhaa cimaa hanga waggaa 15-25n kan adabsiisu ta'uus, mirga wabii hin dhorku,Kanaaf mana murtii himatamaan dirqama wabii isaa akka hin kabajne Abbaan Alangaa ragaan gahaan hanga hin mirkaneessinetti bu'uura sdfy kew 67 tiin ,kanaaf umrii miidhamtuu , yakki adabbii ol'aanaadhaan kan adabsiisu ta'uu fi yakkichi ummata biratti kan balaaleffatame waan ta'eef jechuun himatamaa wabiin gadhiisuun hin barsiisu jechuun dhoorkee murtoo akkasi irra gahuun qajeeltoo heera mootummaan mirgi wabii eeggamuufitiin kan walitti bu'uu fi akkasuma gara haala adda ta'etti jijjiiree fi mirga himatamaan murtiin dura yakkamaa akka hin taane kan sarbu waan ta'eef,dogoggora bu'uura seeraati jechuun murtii dirqisiisaa laateera.

 .Kafalaan Gibiraa kamiyyuu akkaataa Labsii Gibira Galii Lakk. 202/2009tiin Mootummaaf gibira kafaluun dirqama godhuu fi...
03/03/2026

.
Kafalaan Gibiraa kamiyyuu akkaataa Labsii Gibira Galii Lakk. 202/2009tiin Mootummaaf gibira kafaluun dirqama godhuu fi adabbii yakkaa namoota Gibira kafaluu didan irratti raawwatamu tumeera. Akkasumaas Labsiin Daldalaa Lakk. 1243/2013 keewwata 100 (1)tiin Daldalaan Hayyamaa Daldalaa Hin Qabnees itti gaafatamummaa daldalaan Hayyamaa qabu mara kan qabu tahuu tumee jira, kanaaf kafalaan gibiraa dirqama gibira mootummaaf kafaluu bahachuu dhabe bu'uura labsii Gibira Galii Lakk. 202/2009 keewwata 77tii fi Labsii Taaksii Lakk. 203/2009 keewwata 125(1) jalatti adabbii akkana jechuun tumeera; [Namni kamiyyuu itti yaadee taaksii miliksuuf galii isaa kan dhokse ; beeksisa taaksii kan hin dhiyeesine yookiin taaksii kan hin kaffalle yoo ta’e adabbii maallaqaa qarshii 100,000.00 (kuma dhibba tokko) hanga qarshii 200,000.00 (kuma dhibba lamaa) fi hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa shaniitiin ni adabama] jechuudhaan tumee jira.
.. Abbaa Alangaa Aanaa Gursum

Murtii Barsiisoo..
24/02/2026

Murtii Barsiisoo..

Labsii Balfa Jajjaboo Bulchuuf Bahe Labsii Lakk 1383/2017::::::::::::////::::::::::::::::::::::::::////::::::Miidhaa bal...
14/02/2026

Labsii Balfa Jajjaboo Bulchuuf Bahe Labsii Lakk 1383/2017::::::::::::////::::::::::::::::::::::::::////::::::
Miidhaa balfi jajjaboon naannoo , fayyaa fi nageenya dhala namaa irratti fidaa jiru yeroo gara yerootti guddachaa waan dhufeef kana to'achuuf ykn salphisuuf sirna gahumsa qabu kan balfa jajjaboo walitti qabuu, geejjibsiisuu, kuusuu, irra deebi’ee itti fayyadamuu, deebi’ee fayyadamuu, fi gatu qopheessuun barbaachisaa ta'ee waan mul'ateef akka biyya keenyatti xiyyeeffannaa itti kennuun labsiin balfa jajjaboo bulchu ykn to'atu kan bahe yoo ta'u,kanumaan osoo gara adabbitti hin darbiin hubannaa uumuun barbaachisa waan ta’eef..dhoorkii fi adabbii labsiin kun hammate akka armaan gaditti isiniif tarreessa...labsii 1383/2017 kew 9(1) Namni kamiyyuu balfa jajjaboo bakka murtaa’een alatti gatuu hin qabu.akkasumaas labsuma kana kew 10(1) jalatti akkana jedha namni kamiyyuu naannoo isaa qulqulleessuun fi balfi mana isaa irraa meetira digdamii(20m) fagachuu akka qabu ibsa.akkasuma kew 10(2) jalatti Dhaabbanni tajaajilaa ykn daldalaa kamiyyuu bakka isaa irraa meetira shantama(50m) fageessuu fi naannoo isaa balfa irraa qulqulleessuu qaba jedha akkasumaas kew 13(1) jalatti Pilaastika yeroo tokkotti fayyadamu kamiyyuu oomishuuf, gabaaf dhiyeessuun, galchuun, kuusuun, gurguruun ykn itti fayyadamuun dhorkaadha.Akkasumaas kew 25(1) jalatti namni dhuunfaa kamiyyuu:
a) Boorsaa pilaastikii kan fayyadame yookiin fayyadamuuf kan yaade yoo ta’e, adabbii maallaqaa birrii kuma lamaa(2000) gadi hin taanee fi birrii kuma shan(5000) hin caalleen ni adabama.
b) Daldalaaf boorsaa pilaastikii kan oomishe, kan galche, kan raabse, kan gurgure, kan kuuse, kan qabate yoo ta’e, adabbiin maallaqaa birrii kuma shantama (50,000)gadi hin taanee fi Birrii kuma dhibba lama(200,000)hin caalle, waliin hidhaa cimaa waggaa shan(5) hin caalleen ni adabama.

10/02/2026

Address

Finfinne

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gutama law office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your practice to be the top-listed Law Practice?

Share