Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shanoo

Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shanoo Kaayyoon Waajjirichaa Olaantummaa Seeraa Kabajee Kabachiisudhaan Amantaa Uummataa Horachuudha!.

28/05/2026
27/05/2026
24/05/2026

Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa fi Faayidaa Ummataa Irratti Aangoo fi Gahee Hojii Abbaa Alangaa
✍️ Abbaan Alangaa gahee fi Aangoo dhimmoota yakkaatiin walqabatee qabuun cinaatti Mirgaa fi Dantaa ummataa fi mootummaa kabachiisuuf Manneen Hojii fi dhaabbilee Misooma mootummaa Naannichaa, akkaataa barbaachisummaa isaatti jaarmiyaalee ummataa bakka bu'ee himata Hariiroo Hawaasaa hundeessuu, falmuu, deebii kennuu, dhimmoota falmiin jalqabaman jidduu seenuun falmuu fi murtii kenname bu'uura seeraatiin raawwachiisuuf aangoon kennameefii jira(Labsii Lakk. 214/2011 Kewt. 7(37))
✍️ Dhimma kanaan walqabatee qajeeltoon Waliigalaa hordofamuu qabu dambii labsii kana raawwachiisuuf bahe Lakk. 243/2016 jalatti tumamee jira. Kunis;
✍️ Manneen Hojii mootummaa ykn dhaabbilee Misooma mootummaa kamiyyuu dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa ummataa fi mootummaatiin walqabatee gocha raawwachuun ykn quunnamtii taasisuun dura ogeessa seeraa mana hojii isaanii ykn akka barbaachisummaa isaatti Waajjira Abbaa Alangaa mariisisuu qabu(Dambii lakk. 243/2016. Kewt. 5(1))
✍️ Manneen Hojii mootummaa fi Dhaabbileen Misooma mootummaa kamiyyuu waliigaltee Bulchiinsaa osoo hin raawwatiin dura seera qabeessummaa wixinee waliigaltichaa Waajjira Abbaa Alangaatiin gulaalamuu qaba(dambii Kewt. 5(2))
✍️Waliigalteen Waajjira Abbaa Alangaatiin hin gulaalamiin fi seera qabeessummaan isaa hin mirkanaa'iin raawwatamuu hin danda'u(dambicha kewt. 5(2)).
✍️ Manni hojii mootummaa ykn dhaabbanni Misooma mootummaa kamiyyuu Waajjira Abbaa Alangaa irraa hayyama ykn bakka bu'ummaa osoo hin argatiin dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa ummataa fi mootummaa irratti tajaajila falmii gaggeessuu hin danda'u(Dambii Kewt. 5(3))
✍️ Kan armaan olitti kewt. Xiqqaa 2 fi 3 jalatti tumame jiraatus Waajjirri Abbaa Alangaa ulfaatinaa fi walxaxiinsa dhimmichaa irratti hundaa'ee tajaajila falmii gaggeessuu qoodee mana hojii mootummaa ykn dhaabbata Misooma mootummaatiif bakka bu'ummaa kennuu ni danda'a(Dambii Kewt. 5(4))
✍️ Manni hojii mo

16/05/2026


➤ Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe Lakk. 214/2011 kew.7 fi labsii fooyya'e lakk. 236/2013 Jalatti Manni Hojichaa aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata:

1) Sirni Heeraafi seeraa akka kabajamuufi olaantummaan seeraa akka mirkanaa'u ni taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

2) Imaammata sirna haqa yakkaa biyyaalessaa hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

3) Qaama dhimmi ilaallatu waliin haala tarsiimoon ittisa yakkaa naannicha keessatti hojiirra itti oolu ni mijeessa; ni qindeessa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;

4) Seerotni bahan hojiirra ooluufi hojiirra oolmaan isaaniis walfakkaatinsa kan qabu ta'uu ni mirkaneessa;

5) Dhimma seeraa irratti gorsaa olaanaafi bakka bu'aa mootummaa naannichaa ta'ee ni hojjata;

6) Manneen hojii qaama raawwachiistuu mootummaa Naannichaa hojii isaanii bu'uura seeraatiin raawwachuu isaanii ni mirkaneessa;

7) Mirgootaafi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraafi seeraan eeggaman kabajamuu isaanii ni mirkaneessa;

8) Seerota biraatiin aangoon Poolisiif kenname akkuma eegametti ta’ee, dhimmoota yakkaa aangoo Mana Murtii Naannichaa ta’an, akkasumas dantaa mootummaafi ummata Naannichaatiin walqabatee Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman irratti qorannoo yakkaa gaggeeffamu ni hooggana; ni hordofa; faayidaa ummataa bu’uura godhachuun yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame akka addaan citu yookiin qorannoon yakkaa addaan citee ture akka itti fufu ni taasisa; barbaachisaa ta’ee bakka argametti qorannoon yakkaa akka jalqabamu ni taasisa;

9) Yakkoota ciccimoo yookiin yakkoota malaammaltummaa yookiin yakkoota dantaa ummataafi mootummaa ta’an yookiin yakka taaksii irratti raawwatamu poolisii waliin ni qorata; barbaachisaa ta’ee yoo argame yakkoota biroos Poolisii waliin ni qorata; raawwiin isaa Dambi

29/03/2026
25/12/2025

Address

Oromia
Sheno

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shanoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category