Barii Bariisoo

Barii Bariisoo Oromo Liberation Army (OLA)

27/01/2026
Bariichi ifaara Dukkaana bayyaataHaaqa dhugaa caalaDharaatu bayyaataHunduu wahee keeRasee basuuf Walii gadii kaataWayyoo...
17/12/2025

Bariichi ifaara
Dukkaana bayyaata
Haaqa dhugaa caala
Dharaatu bayyaata
Hunduu wahee kee
Rasee basuuf
Walii gadii kaata
Wayyoo ibsiitu
Oromoo koo
Sumaaf naa dhamaasti onneen too...........

30/07/2025

Addunyaa amma keessa jirru keessatti kan leellifamaa hordofamaa jiru baay’een isaa sobadha. Sobni kun ammoo dhugaa fakkeeffamanii ibsamu. Kanaaf namootni hedduun dhugaa se’ee mana sobaa keessa joonja’aa oola. Kanaan sobni dhugaa fakkaatee namoota hedduu biratti dagaagee mul’ata. Sobni dhugaa fakkaatu kun dubbii namootni soba dhugaa fakkeessanii dubbataniin ibsama.

☘️   yeroo  Yuunivarsiititti barnoota seeraa barachaa ture  barsiisaa Adii kan Professor   jedhamu qaba ture.  Piroofees...
20/03/2025

☘️ yeroo Yuunivarsiititti barnoota seeraa barachaa ture barsiisaa Adii kan Professor jedhamu qaba ture.
Piroofeesarri kun namoota gurraachaaf jibba guddaa qaba ture.

Gaaf tokko utuu Piroofeeser Piiter Mana nyaataa tokkoo laaqana nyaataa jiranii akka tasaa nyaata isaa qabatee bira taa'ee nyaachuu eegale. Yeroo sanatti gurraachi Afrikaa adii bira taa'ee nyaachun yakka guddaadhaa beekaa! Akka tuffiitti ilaalama.

Professorichi aariidhaan akkas jedheen " Booyyee fi Gugeen wajjin nyaachuu hin danda'an!" Jedhee itti dheekkame.

Innis "rakkoo hin qabu professor ! deema jechuun ka'ee teessuma biroo irra taa'un nyaata isaa nyaachuu itti fufe.
🌱Ani Booyyee utuu hin taane Gugeedha jechuuniisaatii beeki. gama biraan qaba immoo Booyyeen si'i jechuuniisaati! Piiter dallanus deebii dhabee callisuu filate.

Guyyaa biraa Professorichi akka itti haaloo sana bahu yaadun Daree Barnootaa keessatti gaaffii gaafate. Gaafichi akkas jedha!

" utuu karaa adeemtuu boorsaa lama argita. tokko keessa , isa lammataa keessa immoo jira. Boorsaa kana lamaan keessaa tokko fudhadhu yoo jedhamte isa kam fudhatta?" jedhee gaafate.

xiqqoo itti yaadee " qabu sanan fudhadhakaa" jedhee deebiseef.

Piroofeeserichi deebiin Maandeellaa dogoggora jedhee waan yaadef gammadee, "Argitee ! ati maal filachuu akka qabduyyuu hin beektu! maallaqa caala! Utuu ana ta'ee ogummaan fudhadha" jedhee yagiboon gowwaa ta'uu mandeellatti hime.

☘️ akkas jedhee deebiseef, sirriidha Professor! Namni kamuu waanuma hin qabne filata. Waan qabu tokko fudhatee maal ittiin godha?" jedheen. Ati qabda malee hin qabdu jechuuniisaati. Professorri har'as akka malee aarus callisee guyyaa eeggachuu filate.

Guyyaa tokko waraqaa qormaata Maandeellaa irratti, !(stupid) jedhee barreessee kenneeef.

Naamni tokkoo sii duraa jiraachun gorsaaf yoo tahee malee waan bira homaa hin qabu. Kessaati of lalii akkaa nama tokkoot...
22/12/2024

Naamni tokkoo sii duraa jiraachun gorsaaf yoo tahee malee waan bira homaa hin qabu. Kessaati of lalii akkaa nama tokkooti .

Lafa gabaa qubannee           Hamma namaa                          Hubanne Jette gugeen
16/07/2024

Lafa gabaa qubannee
Hamma namaa
Hubanne
Jette gugeen

🍀Yeroo ati laaftu warri irree qaban kopheen sirra deemu. Fedhan si   fedhan si   jechuu kooti.      namarra ejjechuuf os...
23/06/2024

🍀Yeroo ati laaftu warri irree qaban kopheen sirra deemu. Fedhan si fedhan si jechuu kooti.
namarra ejjechuuf osoo hin taane, miilaa abbootii irree jalaa ka'uuf aarsaa barbaachisu kamuu yeroo barbaachisutti kaffalaa jirra.
Ati of dandeenyan gahaa dhaa, of danda'i.
✍️

Ani hin duune jira!---------------------------------"Du'aan siiTokkumamoo  lamaaKaaniin walfakkaataaJijjiirraawo ni qaba...
28/05/2024

Ani hin duune jira!
---------------------------------
"Du'aan sii
Tokkumamoo lamaa
Kaaniin walfakkaataa
Jijjiirraawo ni qabaa
Meeqa onneen gootaa
Dabeessi onneen qabuu
Waliin hin dhalannee
Moo…..
Kansaa tokkittumaa
Kan jijjiirraan qabne,

Goonni maan sodaanne
Dabeessi maa dheessee
Waaqat isaan uumee
Onnee walcaalchisee,

Kan lachuuf hin hille
Duutoo loogii beekaa
Luyna gara raasee
Goota soda dhorkaa,
Onneen ilma dhiiraa
Akkamiin walcaalee
Seesan seesuu baatan
Duutoo silaan oollee,

Luyna maaltu raasaa
Onneen qabuu laata
Kan sodaan beeknewoo
Meeqa onneen gootaa?

Dabeessi bobbahee
Goota waliin duulee
Maalumatu dhorkaa
Dhaabatee akkan lolle
Silaa lamaaniifuu
Duutoo yoomuun oollee?

Mee atii ilaali
Kan nabiraa hafte
Du'a jalaa dheessuuf
Kan Galaana ceete
Baqannaan hin duutuu
Ni haftaa dhaabbattee,

Duumessa saaqaadhee
Gubbaa Samii irraa
Hulaa Waaqaa banee
Si ilaalaan jira,

Siidaan Lafeen jaare
Akkamiin jigsitee
Golatti deebita
Diinarraa dheessitee,

Ammoo maa naa boossa
Du'eera naan jettee
Namni du'aan suma
Kan jiruudhaan duute,

Naaf hin bo'iin lamuu
Anin duune tasaa
Nama jiraan du'e
Siif boonya maleesaa,

An yooman akkakee
Jiruudhaan hidhame
Diinaaf Harree ta'ee
Qirqabaan fe'ame,

Kee Onneen maaluma
Kan akkas sodaattu
Hanga hidhii xuuxu
Xomboorakoon kaaftuu
Du'eera naan jettee
Kan natti farriftu
Ati yoo jiraatte
Maa gumaakoon baaftu!?

Ekeraa kiyyatu
Hulaa Waaqaa banee
Duumessaan dahate
Siin argee dallanee,

Kanaaf namni du'aan
Sii du'ee jiraatu
Qorii diinaa keessaa
Gumaa kiyya nyaatu,

Ani hin duune jira
Sabaaf dungoo ta'ee
Bara baraan ifee
Lafeen koo boba'ee
Ati namni jirtu
Maal jirta hin jirtu
Bool'a awwaalakee
Jiraadhaan siif qotu!!"

Dirreen injiifanoo baatee sii  eegu hin jiru, sammuu injiifanoof Gara dirree seenutu jiraa malee baga gessan ebbiifamtoo...
27/03/2024

Dirreen injiifanoo baatee sii eegu hin jiru, sammuu injiifanoof Gara dirree seenutu jiraa malee baga gessan ebbiifamtoota wbo kabaa liixa shagar.IUOf

🍀  boojitee jirta taana lubbuu booji'uun tasa hin ulfaatu.   ✍️Gaalaana Booji'amtootaa!           Ada'aa Bargaa
20/03/2024

🍀 boojitee jirta taana lubbuu booji'uun tasa hin ulfaatu.
✍️Gaalaana Booji'amtootaa!
Ada'aa Bargaa

Address

Sheno

Telephone

+251939893636

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barii Bariisoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Barii Bariisoo:

Share