24/05/2024
godhaa tana wal biraan gayaa!
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
(Namni Rabbiifii guyyaa boodaatti amane gaarii haa dubbatuu yokaa haa callisuu).
(S.A.W)🕋
Hayyuu yokaa Aaqila Nama jachuun Nama
yeroo dubbatuufii yeroo callisu beekuudha.
🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊🔊
"Dubbatuu waggaa lamatti baratan, callisuu waggaa shantamatti baratan";
"Namni callisuu kee irraa humaa hin hubanee, dubbii keetirraahiis humaa hin baratu".
waan ilmi namaa hedduu itti hin sheenawne keessaa irra guddaan callisuudha.
Callisuun mallattoo wallaaluudhaa osoo hin taane mallattoo hayyummaati.
Callisuun hayyummadha,
Dubbi guddatuun Mallattoo Doofummaati.
yokiin mallattoo gowwummaati.
Ni'imaadha, Ulfina/Kabajaadha, Dawaadha, Haara galfiidha, Nagaya bahuudha,
Dubartii fii wallaalaa dhaaf faaya, satriidha
yeroo milkoofte callisuun ufitti amanuudha,
yeroo Aarte callisuun gootummaadha,
yeroo hujii irra jirtu callisuun qaroomina,
Yeroo Namni hamtuu sitti hojjate callisuun hayyummaadha,
yeroo si'arrabsan callisuun Injifannoodha, yeroo Namni sigorsu yokaa Nasiihaa siif yaade callisuun naamus qabaatuudha,
yeroo yaaddofte u callisuun obsa qabaachuudha yokaa Rabbitti himatuudha.
tokkoof gaafiin akkana jattu dhiyaatte:
Irra jabaan waan Rabbiin Uumee maali?
Hayyuun akkan jadhe: sun Gaara.🏔️⛰️🏔️⛰️🏔️
Gaafataan akkana jadheen: kan gaara irra jabaadhaa hoo?
Hayyuunis akkana jadhe: sun Sibiila.🚜
Gaafataan akkana jadhe: kan sibiila irra jabaa hoo?
Hayyuun akkana jadheen: sun Qilleensa.✈️🪂
Gaafataan akkana jadheen: Kan qilleensa irra jabaa hoo?
Hayyuun akkana jadheenii deebiseef:
Sun Callisuudha.
Callisuu dandayuun yokaa afaan kee qabatuu dandayuun waa cufa irra caala.💯
narraa fudhadhaa
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Hin dubbatin yoo dubbiin tee callisuu caalte malee.
Yoo dubbachuun akka meetaa taate callisuun akka warqiidhaati.
Dubbii takka yeroo dubbatuu feete, itti yaadi
yoo keeyriin isii siif mullatte dubbadhu,
yoo siif hin mullatin ofirraa callisi.
dura wantoota armaan gadii kan qoradhu!🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲
Maal akka dubbattu? Eenyutti akka dubbattu? akkamitti akka dubbattu? Maaliif akka dubbattu? Yoom akka dubbattu? Eessatti akka dubbattu;
Barreessaan Jamaal aliyyii abdullah