16/09/2023
Ethiopian impaayera dhokattuu jaarraa kanaati. Mootummoonni addunyaas tahe kaan dhugaa kana kan hubate muraasa. Saboonni biyyittii keessa jiraatan hedduun kanneen biyya dhuunfaa isaanii ijaarratanii of bulchuu dandahantu humnaan walitti cafaqamee bara dhufaa darbaa wal rakkisaa jira. Afaaniif aadaa, ol aantummaa saba tokkoo tiksaa har'a geesse. Dabalata, dhiheenyuma waraanni uummata Tigraay irratti labsameefi wareegamaafi qabsoon Uummatni Oromoo durii kaasee itti ture kanaaf agarsiiftuudha. Kanaaf furmaanni jiru yoo jiraate impaayerittii yoo xiqqaate confederation tahuu dide secession akka balkaan country gochuudha. Kanaan ala impaayerittiin dhaloota dhufuufis wareegamaaf jeequmsa guddaan raafamaa jiraatti.