Sheek Amaar

Sheek Amaar Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Sheek Amaar, Legal, Oromia, Gursum.

07/04/2026
  Obbo Diino Amin Naannoo Filannoo funyaan Biiraatti  bakka buu'a caffee ta'uun paartii Badhaadhinnaa irraa bakka bu'ani...
24/03/2026



Obbo Diino Amin Naannoo Filannoo funyaan Biiraatti bakka buu'a caffee ta'uun paartii Badhaadhinnaa irraa bakka bu'aniruu.Obbo Diino Amin hooggaansa muuxannoo yeeroo dheeraa qaban ,hawaasaa isaanii amantummaa fi quuqamaa oolanaan gaggeessaa jiranii fi fudhatamummaa Oolanaa qabaniin Haga Arraatti ummaata isaati Qulqulluumman tajaajila jiraanidha.

Hawaasaa baay'ee jaalattu fi kabajju bakka bu'uu keef baga gammadde.

Badhaadhinaa Filaadhaa.

30/07/2025

.
********
Godina Harargee Bahaatti Adoolessa 24 guyyaa tokkotti Aanaa 14 site 180 irrattii biqiltuu miiliyoona 17,766,660 dhaabuuf haal-dureewwan barbaachisan xumuramanii jiru.

30/07/2025

Ashaaraa Magariisaan: Uumama Kunuunsuun, Badhaadhina Dhugoomsina

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa sagantaa guddaa uumama eegaa badhaadhina waaraa mirkaneessuuf akeekameedha dha. Dinagdee cimaa jijjiirama qileensaa fi rakkoo madaala uumamaan hin raafamne ijaaruu kan dandeenyu sagantaa kana itti fufiinsaan dhugoomsaa deemuu yoo dandeenyeedha. Madaala uumamaa eegamee fi naannawa fayyaaleessa ta’e keessatti qofa Badhaadhinni dhugooma. Sagantaa kana cichinee dhugoomsuudhaan uumama fayyaaleessaa fi dhaloota badhaadhe ijaarra.

Hojiirra oolmaan sagantaa ashaaraa magariisaa gama tokkoon madaala uumamaa eeguun dinagdee cimaa itti fufiinsa qabu, jijjiirama qileensaa kamiinuu duubatti hin deebine ijaaruuf nu gargaara. Sababni isaas, sagntaa ashaaraa magariisaan gabbina biyyoo eegna, madaala uumamaa tiksina, qulqullina qilleensaa fi bishaanii daballa . kana gochuudhaan yeroodhaa gara yerootti omishtummaan akka dabaluu fi dinagdee jabaan fulla’insa qabu akka ijaaramu taasifna.
Gama biraatiin, ashaaraan magariisaa qaama wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii uumuu fi misooma eco-tourism waan ta’eef, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu keessatti hiika guddaa qaba. Sagantaa ashaaraa magariisaatiin aadaa hojii fi gamtina hawaasaa ijaarra. Aadaa dhimmoota waloo biyyaaleessaarratti tokkummaan socho’uu fi jaalala biyyaa ijaarra. Miliyoonoonni guyyaa tokkotti gamtaadhaan biqiltuu miliyoona hedduun lakaa’amu dhaabuu jechuun, tokkummaa biyyaaleessaa fi jaalala biyyaa ijaaruu keessatti hiikni inni qabu ol’aanaadha. Waan ta’eefis, sagantaa ashaaraa magariisaa dhugoomsuun mul’ataa fi galmoota badhaadhinaa dhugoomsuuf yaa hojjennu. Biqiltuu dhaabuun uumama eeguudha. Uumama eeguun dhaloota baraaruudha. Ashaaraa har’a keenyuun egeree keenya ijaarra.

Guyyaa boruu biqiltuu miliyoona 524 dhaabuuf yaa sochoonu. Biqiltuun lubbuudha. Lubbuun eeggannoo fi kunuunsa barbaaddi. Biqiltuu yommuu dhaabnu lakkoofsa duwwaa osoo hin taane, qulqullinaa fi fulla’insa isaatiif xiyyeeffannaa ol’aanaa kennuu qabna. Hanga danda’ametti ogummaadhaan deeggaramee dhaabachuu qaba. Erga dhaabatee boodas kunuunsa isaatiif xiyyeeffannaa ol’aanaa kennuutu nurraa eegama.

Address

Oromia
Gursum

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sheek Amaar posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category