13/10/2025
Hanga Kafaltii Lafa Baadiyyaa Rooba Qofaan Oomishamuu
Qonnaan bulaan rooba qofaan oomishatu hektara 1 tti kafaltii itti fayyadama lafaaf qarshii 250, gibira galii hojiii qonnaa qarshii 150 walii gala qarshii 400 kan kafalu taha.
Lafa baadiyyaa oomisha bargamoof ooluuf hekt 1 tti kafaltii itti fayyadama lafaaf qarshii 300, gibira galii hojiii qonnaa qarshii 1000 walii gala qarshii 1300 kan kafalu taha.
Qabiyyee qaama miidhamaa ofiif oomishuu hin dandeenyee yokaan dubartii kophaa isii maatii buulchiitu ragaa seeraa qabeessa qaama dhimmi ilaalu irraa yoo dhiyeeffatte ballina lafa walii gala keessaa hekt 0.5 kafaltii itti fayyadama lafa baadiyyaa fi gibira galii hojii qonnaa irraa bilisa taha.
Namni lafa baadiyyaa hekt 1 yokiin isaa ol qabu ballinni lafichaa hanga gatii hekt 1 murtaa’een baayyatee bu’uura hanga kafaltii murtaa’een herreegamee kan kafalamu tah.
Hanga Kafaltii Lafa Baadiyyaa Roobaa fi Jaallisii yokaan Jallisii Qofaan Oomishamuu
Jallisii aadaatiitiif hektara 1 tti kafaltii itti fayyadama lafaaf qarshii 250, gibira galii hojiii qonnaa qarshii 400 walii gala qarshii 650 kan kafalu taha.
Jallisii ammaayatiif hektara 1 tti kafaltii itti fayyadama lafaaf qarshii 250, gibira galii hojiii qonnaa qarshii 800 walii gala qarshii 1050 kan kafalu taha.
Qabiyyee qaama miidhamaa ofiif oomishuu hin dandeenyee yokaan dubartii kophaa isii maatii buulchiitu ragaa seeraa qabeessa qaama dhimmi ilaalu irraa yoo dhiyeeffatte ballina lafa walii gala keessaa hekt 0.25 kafaltii itti fayyadama lafa baadiyyaa fi gibira galii hojii qonnaa irraa bilisa taha.
Namni lafa baadiyyaa hekt 1 yokiin isaa ol qabu ballinni lafichaa hanga gatii hekt 1 murtaa’een baayyatee bu’uura hanga kafaltii murtaa’een herreegamee kan kafalamu tah........
Maddi Facebook Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa ti