Abdi Ashiim

Contact the practice

Abdi Ashiim Who will cry when you die??

05/08/2026
15/06/2026

Adabbiin du'aa itti murtaa'ee fannifamuuf turte ............👇👇👇👇
**************************************
Murtiin Adabbii du'aa raawwatamuuf daqiiqaan 5 yeroo hafutti iccitii bahe! 🥺
Haati manaa Maqaan ishee Keetiliin Heeyis jedhamtu Abbaa manaa ishee ajjeeste jedhamtee Adabbii du'aa itti murtaa'e sababa ragaa daa'ima ishee umriin 8 taheen fannifamuu irraa hafte!
Dhufaatiin dhimmichaa waggoota 6 dura halkan abbaan manaa Keetiliin cuubeedhaan waraanamee ajjeefame! yeroo sanatti cuubeen inni ittiin waraanname ciisicha haadha warraa jalaa waan argameef ashaaraan harka ishees irratti kaafamee ture! haa tahu malee isheen nama qulqulluu tahuu ibsattus Kan ishee dhagahu hin turre! dhumarratti Adabbiin du'aa itti murtaa'ee fannifamtee akka duutu jedhame🥺 sababa kanaaf waggoota 6 Hidhaa irra turte!
Guyyaa Adabbiin du'aa raawwatamu kanatti yeroo dhumaatiif maatii isheetti nagaa akka dhaammattu hayyamameef!
Yeroo kanatti daa'imni maqaan isaa Iitaan jedhamuufi umrii 8 tahe haadha isaatti siqee gurratti iccitii tahe itti hime! 🥺
Kunis albee kana eenyu akka ciisicha(siree) kee jala godhe nan beeka 🫵 ittiin jedhe !!
yeroo kanatti eegdota mana sirreessaa Kan turan hedduu rifatan! Adabbiin dubartii kana irratti dabarfame akka dhaabbatuufi qorannoon dabalataa akka taasifamu ajajan !
booda daa'ima kana yemmuu gaafatan yeroo umriin isaa waggaa 2 turetti gaafa yakkichi raawwatamu yeroo tasa hirriiba keessaa ka'ee gara mana nyaata itti bilcheessan yommuu deemu obboleessa Abbaa isaa nama Veektor Heeyis jedhamu reeffa Abbaa isaa bira dhaabbatee akka arge dubbate !
Namni Veektor Heeyis jedhamu Kun obboleessa isaa erga ajjeesee booda sababa dubartiin Amma shakkamte tun kiniinii hirribaa fudhattee rafteef akka isheen hin beeknetti cuubee ciisicha ishee jala akka godheefi ashaaraa harka ishee akka tuqsiise ifa bahe!
kana malees dhiiga uffata isheetti dibuun Yakka kana akka raawwatte fakkeesse!
Booda daa'imni Itaan jedhamu Kun akka Isa arge yommuu baru gocha kana namatti dubbattee sin ajjeesa jechuun sodaachisee sababa kanaaf daa'imni kun iccitii kana waggoota 6f dhoksee ture!
dhugaan Kun erga ifa bahee booda qorannoon haaraan eegalame ....qorannoo taasifameenis Abbaa daa'ima kanaa Kan ajjeese haadha manaa du'aa osoo hin taane obboleessa isaa tahuun mirkanaa'e! sababni ajjeechaa kanaas sababa gahee Daldalaa fi idaa qumaaraa tahuun ifa bahe!

Sababa kanaan haati manaa Kun Yakka Adabbii du'aa fannifamuuf turte irraa bilisa baate🫵🫵🫵🫵🫵🫵
LUBBUUN DUUTI ITTI MURTOOFTE BILISA BAATE!

29/05/2026

Address

Asella Arsi Oromia
Asela

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdi Ashiim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Abdi Ashiim:

Shortcuts

Share